09/06/2026
Baajata biyya keenya bara 2010 irraa jalqabee:-
Bara 2010: Baajanni federaalaa Birrii biliyoona 320 ta’ee kan raggaasifame yoo ta’u, keessumattuu jijjiirama siyaasaatiin walqabatee baajanni dabalataa kan gaafatame ture.
Bara 2011: Baajanni federaalaa Birrii biliyoona 386.9 tti olguddate.
Bara 2012: Baajanni Birrii biliyoona 476 ta'eera.
Bara 2013: Baajanni Birrii biliyoona 561 ol ta'uun, yeroo jalqabaatiif bajanni waggaa birrii biiliyoona 500 ol caale.
Bara 2014: Baajanni Birrii biliyoona 786 ta’ee raggaasifame.
Bara 2015: Baajanni Birrii biliyoona 801 irra gahe.
Bara 2016: Baajanni Birrii tiriliyoona 1.08 gahe.
Bara 2017: Baajanni Birrii tiriliyoona 1.93 ol ta'uun guddina harka 20 ol ta'e agarsiise.
Bara 2018: Baajanni mootummaa rikoordii haaraa qabachuun Birrii tiriliyoona 2.34 gahe.