Barsiisaa Shamsuddin

Barsiisaa Shamsuddin Abbaan feete ilaalcha tuffii fi miilla dhoqqeen mataarra Akka na ejjettu hin ayyamuuf!

Nama Qaaliirraa uffata qaaliitu bareeda. Bareeduu qofaa miti ni malaafis!!   Maaliif waanti Oromoon  Uffatuu fi Itti jir...
10/06/2026

Nama Qaaliirraa uffata qaaliitu bareeda. Bareeduu qofaa miti ni malaafis!!

Maaliif waanti Oromoon Uffatuu fi Itti jiraatu diina gubaa?

kana booda Sa'atitti kana harka Bulchitoota godinaarras arguu qabna!

Kaayyoon Paartii Keenyaa Miseensa Paartichaa hunda Sa'ati kana hidhachiisuudha!
10/06/2026

Kaayyoon Paartii Keenyaa Miseensa Paartichaa hunda Sa'ati kana hidhachiisuudha!

Hin aaru! Aarees Mana hin galu!----Otoon yaaduu bari'eeBariinan manaa baheeNan qaqqaba se'eeAbdii faana dhaheeHamman dan...
10/06/2026

Hin aaru! Aarees Mana hin galu!
----
Otoon yaaduu bari'ee
Bariinan manaa bahee
Nan qaqqaba se'ee
Abdii faana dhahee

Hamman danda'u fiigee
Nan qabaaf abdadhee
Humna koof abdii koo
Dhabuu ergan hubadhee

Carraa kalee badde
Gaabbin hin baraaru
Kanin dhabeef gaddee
Dadhabbii koo hin aaru!
Carraan Namaa kumaa
Fuulduratti haa yaalu.
Aaree abdii kutadhee
Manattis hin galu!!

Algee Saachiin Qe'ee abbaa qabuudha!  Godina Iluu Abbaa Boor Aanaan Algee Saachii guyyaa har'aa Mariirra oolte. Kan Mari...
10/06/2026

Algee Saachiin Qe'ee abbaa qabuudha!

Godina Iluu Abbaa Boor Aanaan Algee Saachii guyyaa har'aa Mariirra oolte. Kan Mariyachiisaan Bulchaa Godina Keenya Kabajamoo Obbo Indalkaachoo Tafari , I/G PB Iluu Abbaa Boor Obbo Moosisaa Lammeessaa fi Komishinar Shaafii Husen turan.

Torbe darbee Shiftaan qaawwa argatte galtee filannoo gufachiisuuf yaaltis aarsaa Qabsa'ota qaqaalii Humnoota walootin fashalaayuun isaa ni yaadatama.
Rakkoo sana bu'uurarra furuuf guyyaa har'aa Waxabajjii 3/2018 EC Aanichatti argamanii Uummata waliin mariyachuun Murteessaa waan ta'eef osoo yeroo hin fudhatin kutaalee hawwaasa Aanaa Algee fi Saachii hirmaachisuun waliin mariyatanii kallatti itti aanu kaa'aniiru.

Galatooma!
Nagaan Hundaaf; Hundis Nageenyaaf!!

Waxabajjii 3/2018     BEEKSISA QACARRII HOJII Dhimmi isaa:-Ulaagaa qacarrii Maarshii Baandii Lafoo  fi Orkeestiraa Pooli...
10/06/2026

Waxabajjii 3/2018

BEEKSISA QACARRII HOJII
Dhimmi isaa:-Ulaagaa qacarrii Maarshii Baandii Lafoo fi Orkeestiraa Poolisiin Oromiyaa baasee jiru irratti namootni dorgomuu barbaadaan akkaataa ulaagaa armaan gaditti maxxanfameen Qajeelcha Poolisii Godinaa,Maagalootaa fi Waajjira Poolisii isinitti dhiyoo jiru irratti hangaa 6/10/ 2018 tti galmaa’uun akka dorgomtan isin yaadachifna.

Eebban booda teessoon bakka hojjicha Magaalaa Adaamaa ta'a.

Carraan Kun isin hin darbin!

Qaruura isa shaamaa itti qabsiiftan dhiisaati isa miilla keessan jalaa olbaasa! Erga hiriyyaakoo tokkooti an nama hin am...
09/06/2026

Qaruura isa shaamaa itti qabsiiftan dhiisaati isa miilla keessan jalaa olbaasa!

Erga hiriyyaakoo tokkooti an nama hin amanu. maanni beektuu?

Ofii isaati Pirezidaantii Waldaa T .. jedhamtu ture.
Yeroo hunda gaafan caati qaamu bishaan highland bitee naafis ofiisaafis fidee nabira taa'a. Gaaftokko akka tasaa Inni Mana fincaanii deemnaan Daa'imakoo xiqqoon bishaan inni dhaabbate deeme Jala dhugdee Kan Raajii isa goote.
"Bababa bishaan abiyot akkam mi'awaa?" jette. Anis bishaanittin maal akkaseen taaten bare. ijasaa ilaallaan diddimateera.

Sana booda ifumatti fidee dhufuu jalqabe jechuu barbaadeni.

isinis foggoraan akkasii Yoo jiraate akkam?

Wixineen baajata bara 2018 Qarshi Tiriliyoona 1.93 ture. Garuu Baajatni bara 2018  Qr. 2.34 Trillion dha. Kan bara 2019 ...
09/06/2026

Wixineen baajata bara 2018 Qarshi Tiriliyoona 1.93 ture. Garuu Baajatni bara 2018 Qr. 2.34 Trillion dha.
Kan bara 2019 wixineen Qr 2.3 Trillion dha. Baajatni bara 2019 Kan jedhame ol ta'uu mala jechuu fedheeni.

Baajata biyya keenya bara 2010 irraa jalqabee:-Bara 2010: Baajanni federaalaa Birrii biliyoona 320 ta’ee kan raggaasifam...
09/06/2026

Baajata biyya keenya bara 2010 irraa jalqabee:-
Bara 2010: Baajanni federaalaa Birrii biliyoona 320 ta’ee kan raggaasifame yoo ta’u, keessumattuu jijjiirama siyaasaatiin walqabatee baajanni dabalataa kan gaafatame ture.

Bara 2011: Baajanni federaalaa Birrii biliyoona 386.9 tti olguddate.

Bara 2012: Baajanni Birrii biliyoona 476 ta'eera.

Bara 2013: Baajanni Birrii biliyoona 561 ol ta'uun, yeroo jalqabaatiif bajanni waggaa birrii biiliyoona 500 ol caale.

Bara 2014: Baajanni Birrii biliyoona 786 ta’ee raggaasifame.

Bara 2015: Baajanni Birrii biliyoona 801 irra gahe.

Bara 2016: Baajanni Birrii tiriliyoona 1.08 gahe.

Bara 2017: Baajanni Birrii tiriliyoona 1.93 ol ta'uun guddina harka 20 ol ta'e agarsiise.

Bara 2018: Baajanni mootummaa rikoordii haaraa qabachuun Birrii tiriliyoona 2.34 gahe.

Address

Oromia
Adama
123@123

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Barsiisaa Shamsuddin posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share