Waldaa Misooma Oromiyaa WMO Damee Aanaa meyyuu muluuqee

Waldaa Misooma Oromiyaa WMO Damee Aanaa meyyuu muluuqee Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waldaa Misooma Oromiyaa WMO Damee Aanaa meyyuu muluuqee, Grocers, Meyyuu muluuqee, Addis Ababa.

Waltajjiin gamaggamaafi Sirni beekkamtii Waldaa Misooma Oromiyaa goolabame. [WMO-Hagayya 15/2016]Waltajjiin gamaggama ra...
21/08/2024

Waltajjiin gamaggamaafi Sirni beekkamtii Waldaa Misooma Oromiyaa goolabame.
[WMO-Hagayya 15/2016]

Waltajjiin gamaggama raawwii hojii WMO fi sirni beekkamtii bara 2016 guyyoota sadiif magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa ture goolabame. Waltajjii kanarratti Imala WMO waggoottan 30 darbanii kan dhiyeessaniifi kallatti hojii bara 2017 kan kennan daarikteerri olaanaan WMO obbo Dajanee Itichaa, "WMO'n bara kana milkaa'ina addaa gama maraan galmeesseera. Fedhii misoomaa uummanni keenya qabu guutuuf kanaan ol jabaannee hojjechuu qabna."jedhan. Waltajjii kanarratti raawwiin hojii bara 2016 dhiyaachuun ciminootaafi hanqinoota adda baasuun mariin bal'aan taasifameera. Kana malees kallattiin karoora hojii bara 2017 dhiyaatee mariidhaan gabbifameera.
Waldaan Misooma Oromiyaa Damee Godina Harargee Lixaas Hojii Waliigalaa bara 2016 tiin Akka Oromiyaatti Sadarkaa 2ffaa bahuun Abbaa Badhaasaa fi Geebaa tahe Jira.
Miseensooni WMO fi deeggartootni WMO Godina keenyaa hundi baga gamaddaan baga Gamanne!
"Tokkummaan Misoomaaf

Sirni badhaasaafi beekkamtii barattoota mana Barumsaa Bultii Addaa WMO Adaamaa galma Abbaa Gadaatti gaggeeffame!Muddee 1...
11/12/2023

Sirni badhaasaafi beekkamtii barattoota mana Barumsaa Bultii Addaa WMO Adaamaa galma Abbaa Gadaatti gaggeeffame!

Muddee 1/2016

Sirni badhaasaafi beekkamtii barattoota mana barumsa Bultii Addaa WMO bara 2015 qormaata biyyoolessaa qoramanii magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaa bakka keessummoonni federaalaafi naannoo akkasumas bakka buutonni WMO guutuu Oromiyaarraa argamanitti haala hoo'aadhaan gaggeeffamee jira.

Sagantaa kana irratti kan argaman hundeessaafi walitti qabaan boordii WMO kabajamoo obbo Abbaa Duulaa Gammadaa, "Manni barumsaa kun akka hundeen gadi dhaabbatuuf uummanni Oromoo waan hundaa utubanii jiru." barattoonni jabaatanii hojjechuun iddoo guddaa uummanni itti isaan eegu akka gahuu qaban dhaamsa dabarsaniiru.
Keessummaa sagantichaa kan ta'an I/A/ hogganaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr. Galaanaa W/Mikaa'eel, "BBO moodela WMO fudhachuudhaan manneen barnoota bultii Addaa babal'isaa jira."jechuun hojii waldaa ajaa'bsiifataniiru. Dabalataanis barattoonni yuunivarsiitii keessatti jabaatanii qayyabachuun bu'aa caaluuf akka hojjetan dhaamsa dabarsaniiru.

Waltajjii kana kan saaqan daarikteerri olaanaa WMO, obbo Dajanee Itichaa, Waldaan Oromiyaa galaana hayyootaa taasisuuf hojjechaa jira."jechuun bu'aan argame kan uummata Oromoo guutuu ta'uu ibsanii utubaa waldichaa kan ta'e miseensotaafi deeggartoota WMO galateeffataniiru.
Sagantaa kanarratti barattoonni badhaasa Meedaaliyaa, laaptooppii, waraqaa ragaafi maallaqa badhaafamanii jiru.

Tokkummaan Misoomaaf!

Godina Harargee Bahaatti aanaalee afur (Baabbilee, Midhagaa Tolaa, Mayyuu Muluqqeefi Cinaaqsan) manneen barnootaa sadark...
23/10/2023

Godina Harargee Bahaatti aanaalee afur (Baabbilee, Midhagaa Tolaa, Mayyuu Muluqqeefi Cinaaqsan) manneen barnootaa sadarkaa tokkooffaa 18 keessaati barattoota 18,250 oliif meeshalee barnootaa paakeejii guutuu, teessoo barattoota fi daa'immaan rakkinaaf saaxilamoo adda bahan kan oolu zaayita, Firaashii fi gosoota nyaata adda addaa waliigalaan baajata qarshii Miliyoona 13.5 oliin bitamee ture marsaa sadiin raabsamee jira.
WMO'n baajata projeektii ECW jedhamuun waggaa sadan darbanitti dareewwaan dabalataa bilookii 17 fi bu'ura boruu tokko ,akkasumas mana Fincaani 4 ijaaree tajaajilaaf olchee jira.
Tokkummaan Misoomaaf!

Waldaa Misooma Oromiyaa  WMO  Deeggarsa Barnootaa Meeshaalee baratoota harkaa qalleeyyii Olaan Meeshaalee Addaa Addaa Dh...
22/10/2023

Waldaa Misooma Oromiyaa WMO Deeggarsa Barnootaa Meeshaalee baratoota harkaa qalleeyyii Olaan Meeshaalee Addaa Addaa Dhiyyessee jira

Mayyutti Deeggarsi Waldaa Misooma Oromiyaa Ummaata Aanaa kenyaaf Taasisaa jiru kan Duraani Caala Cimee Deggaarsaa Addaa Addaa Godhaa jira

Onk 10/2016 Godina Harargee Bahaa Aanaa Mayyuu Muluqqeetti Dhaabbanni Walda Misooma Oromiyaa Manneen Barnootaa Waldaa Misooma Oromiyaa keessaati Deggaarsaa Addaa Addaa baratootaf Godhaa tureef meeshaalee barnootaa barattoota harka qalleeyyiif taasisaa turuun ni yaadatama, Ammaas irraa deebbiin deeggarsa Meeshaalee barnootaa kanneen Akkaa Firaashaa fi Meeshaalee Adda addaa manneen barnootaaf taasisee jiraa Galatoomaa Ulfaadhaa Tokkummaan Misoomaf WMO damee Aanaa meyyuu muluuqee

Dhaabbanni Waldaa Misooma Oromiyaa  IMSR PROJECT ODA-CARE Raabsa Nyaata Beeyiladaa MARSAA 3FFAA Raabsuu Akkuma itti fufe...
21/10/2023

Dhaabbanni Waldaa Misooma Oromiyaa IMSR PROJECT ODA-CARE Raabsa Nyaata Beeyiladaa MARSAA 3FFAA Raabsuu Akkuma itti fufetti jira.
Onkololeesa 10, 2016~~~~~~~~~~{WBAMM}
Godina Harargee Bahaa Aanaa Mayyuu Muluqqeetti Waldaan Misooma Oromiyaa piroojektii ODA-CARE Waliin Tahuun Nyaata Beeyiladaaf Dhiyeessuu Akkuma itti fufetti jira.
Sagantaa kanaanis araddoota Aanichaa afur keessatti Dhiyeessaa kan jiru yoo tahu guyyaa arraas marsaa sadaffaaf raabsa kan juruudha.
Naannichaa Beeyiladaa dhiyaacha jiru kuniis Nyaata Sadarkaa isaa eeggate fi qulqullina gaarii kan qabu fi Beeyladoota irratti jijjiirama guddaa kan agarsiisedha jedhan hawaasni nyaaticha fudhacha turan.
Hawaasni araddoota kanneenis Nyaata kan argachutti hedduu kan gammadanii fi Waldaa Misooma Oromiyaa Hedduu Galateeffatan.
OROMIA DEVELOPMENT ASSOCIATION
Tokkummaan Misoomaaf

"WMO'n gaaddisa uummanni keenya garagarummaa amantii, saalaa, siyaasaafi ilaalchaan osoo wal hin qoodin keessatti hirmaa...
14/10/2023

"WMO'n gaaddisa uummanni keenya garagarummaa amantii, saalaa, siyaasaafi ilaalchaan osoo wal hin qoodin keessatti hirmaataniifi tokkummaan Oromoo itti cimudha." Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee.

Onkoloolessa 3/2016

Yaa'iin waliigala WMO damee Jibuutii guyyaa lamaaf turu bakka Ambaasaaddarri Itoophiyaa Obbo Birhaanuu Tsaggaayee, miseensonni WMO biyya Jibuutii fi keessummoonni argamanitti eegalameera. Yaa'ii kanarratti haasawaa kan taasisan Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee, "WMO'n gaaddisa uummanni keenya garagarummaa amantii, saalaa, siyaasaafi ilaalchaan osoo wal hin qoodin keessatti hirmaatanii tokkummaan Oromoo itti cimudha."jedhan.

Yaa'iin kana irratti gabaasni raawwii damichaa kan dhiyaatee yoo ta'u, miseensonni biyya Jibuutii buusii miseensummaa maallaqa Jibuutii Mil. 3.2 walitti qabuu isaaniifi hojiin odiitii raawwateera. Dabalataanis yaa'ichi koreewwan duraan hojjechaa turan kabajaan gaggeessuun, koree hoji raawwachiistuu haaraa namoota 45 qabu filateera. Kana malees waajjiri damee Jibuutii eebbifamuun saaqamee bifa haaraan hojii akka eegalu kan taasifame yoo ta'u, dambiifi hojimaata WMO irratti leenjiifi hunannoon guyyoota har'aa ni kennama.

Hirmaattonni yaa'ichaa gama isaaniin, "WMO'n iddoo faffacaanee walitti nu gurmeesse."jechuun waldaa galateeffataniiru. Kana malees dameeleen biyyoota garagaraa akka cimanii misooma Oromiyaa tumsan dhaamsa dabarsaniiru.

WMO'n Imbaasiin Itoophiyaa biyya Jibuutii yaa'iin kun akka milkaa'uuf gumaacha guddaafi fakkeenyummaa qabu waan taasisaniif, Imbaasiifi Ambaasaaddarichaan galatoomaa jechuun, ciminootaafi hanqinoota turan gamaggamee, kallattii gara fuula duraa ni kaa'a!

Tokkummaan Misoomaaf!

Oduu SimbirtuuBaga gammaddan. Baga gammanne!Uummanni Oromoo biyya keessaafi biyya hambaa jirtan, deeggartoonni WMO, Mise...
10/10/2023

Oduu Simbirtuu

Baga gammaddan. Baga gammanne!

Uummanni Oromoo biyya keessaafi biyya hambaa jirtan, deeggartoonni WMO, Miseensonni Boordii WMO, Miseensonni Boordii MBBAWMOfi manajimentii WMO, Manajimentii MBBAWMO, barsiisonniifi hojjettoonni hundi baga gammaddan baga gammanne!

Barattoonni keenya MBBAWMO bara kanas akkuma baroota darbanii qabxii boonsaa akka biyyaatti galmeessanii jiru. Qaamni barattoota kana duuba jirtan hundi galanni keessan kunooti; dadhabiin keessan baga ija godhate!
Bara kana barattoota Dhi= 89, Dub= 55 W/G=144 qorumsa biyyalessaa fudhatan keessaa Dh= 14, Dub= 6 W/G=20 qabxii 600fi isa oli yoo ta’u qabxii olaanan 637 galmaa’eera. Walumaa galatti, barattoota qoraman 144 keessaa %99.3 (143) qabxii seensa Yunivarsiitii galmeessisaniiru.

TOKKUMMAAN MISOOMAAF!

10/10/2023
Oduu GammachiisaaBarattoota Mana  Barnoota Bultii  Addaa WMO 144  qoraman keessaa parsantii 99  143 Qabxii seensa Yuuniv...
10/10/2023

Oduu Gammachiisaa
Barattoota Mana Barnoota Bultii Addaa WMO 144 qoraman keessaa parsantii 99 143 Qabxii seensa Yuuniversitii fidanii jiran

05/10/2023
Egereen Biyyaa keenyaa Daa'immaan keenya!Bu'ura boruu Magaalaa Adaamaatti WMO hojii Dirqama Lammumaatin bara 2014 ijaare...
05/10/2023

Egereen Biyyaa keenyaa Daa'immaan keenya!

Bu'ura boruu Magaalaa Adaamaatti WMO hojii Dirqama Lammumaatin bara 2014 ijaaree kennee keessaatti daa'immaan barachaa jiranif uniformin kannamee jira.
Daa'immaan kunneen egeree biyyaa keenya Waan ta'anif kununsaafi deeggarsa adda addaa argachuu akka qaba.
Barsiisonni manni barumsaa deeggarsa taasifameen gammadu isaani ibsaniru.
Tokkummaan Misoomaaf!

Dhaabbanni 'Save The Children' piroojektii misoomaafi barnoota daa'immanii Waldaa Misooma Oromiyaatiif deeggarsa taasise...
03/10/2023

Dhaabbanni 'Save The Children' piroojektii misoomaafi barnoota daa'immanii Waldaa Misooma Oromiyaatiif deeggarsa taasise.

Fulbaana 22/2016

Dhaabbanni 'Save The Children' piroojektii misoomaafi barnoota daa'immanii Waldaan Misooma Oromiyaa godina Baalee bahaafi Gujii lixaatti hojjetuuf deeggarsa konkolaataa, laaptooppiifi piriinteraa taasise. Walharkaa fuudhinsi deeggarsa kanaa karaa obbo Aleeksi Alubisiyaa ''Chief of Party Of USAID/LEGO fundation' fi daarikteera olaanaa WMO, obbo Dajanee Itichaa taasifameera.

Piroojektiin kun godina lama, aanaalee 11 keessatti daa'imman umuriin isaanii waggaa 3 hanga 6 jiran jiraniif barnoota qulqullina qabu kennuu irratti xiyyeeffannoon kan hojjetudha.

Tokkummaan Misoomaaf!

Address

Meyyuu Muluuqee
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waldaa Misooma Oromiyaa WMO Damee Aanaa meyyuu muluuqee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category