God kingdom center church 6kilo branch

God kingdom center church 6kilo branch Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from God kingdom center church 6kilo branch, Grocers, Addis ababa, Addis Ababa.

Waaqeffannaan kan maluuf   qofaafi🙏GOD KINGDOM CENTER CHURCH!➡️Guyyaa sanatti Yesus ka'ee dhaabatee, sagalee isaa ol fud...
12/05/2026

Waaqeffannaan kan maluuf qofaafi🙏
GOD KINGDOM CENTER CHURCH!

➡️Guyyaa sanatti Yesus ka'ee dhaabatee, sagalee isaa ol fudhatee, “Namni dheebote yoo jiraate gara koo haa dhufu, haa dhugus!
➡️Namni anatti amanu akkasuma haa godhu! Macaafni akkuma dubbate, ‘Yaa'aan bishaan jiraataa garaa isaa keessaa in burqa”’ jedhe!
W/Yohaannis 7:37-38

✅Cuuphaadhaan Kristosii wajjin awwaalamtanii hojii aangoo Waaqayyoo isa warra du'an keessaa isa kaasetti amanuu keessani...
09/05/2026

✅Cuuphaadhaan Kristosii wajjin awwaalamtanii hojii aangoo Waaqayyoo isa warra du'an keessaa isa kaasetti amanuu keessaniin, isinis immoo isaa wajjin du'aa kaafamtaniittu!
Qolosaayis 2:12

Guyyaa har'aa(1/9/2018) waldaa keenya 'GOD KINGDOM CENTER CHURCH'tti obboloonni karaa Pastor Shibbiruu barumsa amantii cimsannaa barachaa turan, namoonni 15 cuuphamaniiru! Kun gammachuu guddaadha;
Waaqayyo bara baraan haa galateeffamu!

Guyyaa boriis sagantaan waaqeffannaa keenya ganama sa'aatii 2:30 irraa eegalee itti fufa waan ta'eef kottaa waliin Waaqayyoon jajannaa!

➡️Warri hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman hundinuu ilmaan Waaqayyooti!             Roomaa 8:14
07/05/2026

➡️Warri hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman hundinuu ilmaan Waaqayyooti!
Roomaa 8:14

▶️Yesus Kristos kaleessa isuma ture, har'as bara baraanis isuma sana!                     Ibroota 13:8Namni fayyee fi wa...
28/04/2026

▶️Yesus Kristos kaleessa isuma ture, har'as bara baraanis isuma sana!
Ibroota 13:8

Namni fayyee fi waaqeffannaan gargar bahanii hin jiraatan!
Kanaafuu waaqeffannaan keenya yoomiyyuu, haala kam keessattuu !

Kottaa waliin waaqeffannaa!
Kibxata(Facaasaa) galgala sa'aatii 11:30-2:00.
Sanbata guddaa ganamaa sa'aatii 2:30-6:00.

Bakki argama keenyaa Finfinnee Caffee Araaraa(6kiiloo)!

 !✅Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun,attam gaarii dha, attam namatti tolas!                      M/Far 133:1Guyya...
21/04/2026

!

✅Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun,
attam gaarii dha, attam namatti tolas!
M/Far 133:1

Guyyaan kun guyyaa itti Hafuurri Qulqulluun baay'ee nu eebbise ture!
Obboloonni kana dura waldaa kana keessatti hojii hedduu hojjechuu fi waa'ee waldaa kiristaanaa kanaatiif gatii guddaa kaffalaa turanii, yeroo ammaa immoo sababa hojiif bakka garaa garaatti deeman guyyaa kanatti deebi'anii nu waliin waaqeffachaa oolaniiru! Dhuguma jaalalli humna akkamii akka qabu sagantaa kana irraa argineerra💔
Obboloonni keenya ammayyuu eebbifamaa!

Akkasuma karaa barreessaa Hafuurri Qulqulluun dubbii Waaqayyoo sirriitti nu barsiiseera!
Eebbo barri kee haa eebbifamu!

Fuula miidiyaalee hawwaasaa keenya link comment jala jiruun seenaa hordofaa!

✅Kristos lubbuu isaa nuuf kennuu isaatiin jaalalli maal akka ta'e hubanneerra!                  1Yohannis 3:16Guyyaan Ay...
15/04/2026

✅Kristos lubbuu isaa nuuf kennuu isaatiin jaalalli maal akka ta'e hubanneerra!
1Yohannis 3:16

Guyyaan Ayyaanaa Yaadannoo du'aa ka'uu gooftaa keenyaa Yesuus kan bara 2018EC waldaa Keenyaatti waaqeffannaa hafuuraa fi dhugaan guutameen kabajameera!

Keessattuu faarfannaa fi qophiileen hafuuraa garaa garaa garee dhiyaate hedduu kan nama eebbisu ture! Waaqayyo daa'imman keenya ayyaanicha keessatti nuuf haa guddisu!

 !➡️Nuyi hojii harka isaatii ti, hojii gaarii isa Waaqayyo duraan dursee qopheesse keessa akka deddeebinuuf karaa Kristo...
14/04/2026

!

➡️Nuyi hojii harka isaatii ti, hojii gaarii isa Waaqayyo duraan dursee qopheesse keessa akka deddeebinuuf karaa Kristos Yesus uumamne!
Efesoon 2:10

Nagaan Waaqayyoo hunduma keessaniif haa baay'atu!
Itti aansuun waldaan keenya, waldaan Kiristaanaa 'GOD KINGDOM CENTER CHURCH' Ebla 11/2018 jechuunis S/guddaa fuuldura keenya jiru sagantaa addaa qopheessitee waan jirtuuf hundumti keessan hirmaattuu dhangaa eebbifamaa kanaa akka taatan kabajaan isin afeerra!

Bakki argama keenyaa: Finfinnee, Caffee Araaraa(6kiiloo).

10/04/2026

Seenaa guddinaa fi jireenya tajaajilaa isaanii hanga ammaatti jiru irratti 'Interview' Paasteriin waldaa keenyaa P/Shibbiruu Kabbadee TV MO'AA waliin godhan link kanaa gadi jiru seenuun guutuu isaa dhaggeeffadhaa!

Seenaa ajaa'ibaa irraa baratamuudha!

https://youtu.be/Sl7Z5fnkVL0?si=dCaOvQOxFbjcDu7P

 'tti Waldaa Amantootaa Naannoo Caffee Araaraa (6kiiloo).‎‎✅Egaa nuyi mootummaa raafamuu hin dandeenye waan fudhannuuf, ...
02/04/2026

'tti Waldaa Amantootaa Naannoo Caffee Araaraa (6kiiloo).

‎✅Egaa nuyi mootummaa raafamuu hin dandeenye waan fudhannuuf, kottaa warra galata galchan in taanaa! Kanaanis kottaa akka isa duratti fudhatamutti ulfinaa fi sodaadhaan Waaqayyoof in sagannaa!
‎ Ibroota 12:28

‎Gammachuu guddaan waaqeffannaa dhugaa fi hafuuraan godhamu keessa jira! Aarsaan nuyi dhiyeessinee Waaqayyo itti gammadus waaqeffannaadha!

‎Kanaafuu obboloonni Waaqayyo dhiiga ilmasaa Yesuus Kiristoosiin bitatee ilmaan isaa isin taasifate, kan Finfinnee fi naannoo ishee jiraattan kottaa waliin waaqeffannaa!

‎Yeroon waliin waaqeffannu dhaabbataan yeroo hundumaa:
‎➡️Kibxata(Facaasaa) sa'aatii 11:30-2:00tti
‎➡️Sanbqta guddaa ganama sa'aatii 2:30-6:00tti
‎✅Akkasuma Sanbata duraa(Qidaamee) ganama sa'aatii 2:00-6:00tti yeroo soomaan kadhachuuti!

‎Karaalee fuula miidiyaa hawwaasaa waldaan qabdu follow, subscribe gochuun hojii Waaqayyoo nu waliin hojjedhaa!

‎Facebook: https://www.facebook.com/profile.php?id=61577667362384

Tiktok: https://www.tiktok.com/?is_from_webapp=1&sender_device=pc

‎Youtube: http://Youtube.com/

‎Bakki argama keenyaa Finfinnee Caffee Araaraa(6kiiloo) safara jedhamuudha!
‎Eebbifamaa🙏🥰

Address

Addis Ababa
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when God kingdom center church 6kilo branch posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category