Biyyaaf dhalatte malee kiyyaaf miti

Biyyaaf dhalatte malee kiyyaaf miti Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Biyyaaf dhalatte malee kiyyaaf miti, Grocers, Haragee lixaa, Addis Ababa.

01/05/2026

✍Sadarkaalee 25n) Nameenya (Personality) Gaarii Gabbifachuuf nu Fayyadan.....

1ffaa: Itti gaafatamummaa fudhachuu!
2ffaa: Namoota biroof dursa kennuu!
3ffaa: Atis namootni biroonis akka injifatan hawwi!
4ffaa: Jechoota dubbattu of eeggannoon filadhu!
5ffaa: Namoota hin ceepha'in, hin mormin!
6ffaa: Kolfi; nama gaarii ta'i!
7ffaa: Amala namoota gara gaaritti hiikkadhu!
8ffaa: Namoota sirriitti dhaggeeffadhu!
9ffaa: Dharraa injifachuu qabaachuu!
10ffaa: Namoota garaa kee irraa jaji!
11ffaa: Wayita dogoggortu amanii irra darbi!
12ffaa: Mari'adhu; malee hin falmin!
13ffaa: Jette-jettee hin odeessin!
14ffaa: Waadaa kee gara kakuu jabaatti jijjiiri!
15ffaa: Namoota galateeffadhu, garuu akka si galateeffatan hin eegin!
16ffaa: Amanamtummaa qabaadhu!
17ffaa: Haaloo garaatti qabattee hin turin!
18ffaa: Waan gootu hundumaa dhugaa irratti hundaa'ii godhi!
19ffaa: Of hin guguddisin!
20ffaa: Namoota hubadhu fedhii isaaniif bakka kenni!
21ffaa: Guyyuu amala gaarii bartee godhadhu!
22ffaa: Qoosaa Amaleeffadhu!
23ffaa: Qoosaa hamilee namootaa buusu hin qoosin!
24ffaa: Hiriyaa gaarii argachuuf jalqaba ofii keetii nama gaarii ta'i!
25ffaa: Bakka namootaa bu'ii yaadi!


Horaa Bulaa!

14/12/2024

Humaa shakkin duniyaan
Arra haadha yoo siif taatee
boru Aayyadaadha
homaa hin shakkin

14/12/2024

Gaafa nama Hooggantu
Namootaa ol jiraattus
Sin gubbaa akka rabbiin
Jiru beekii

13/12/2024
Imala Qormaanni Dadhabe!👏= = = = = = = = =Diinonni keenya kufaatii fi diigamuu biyya keenyaa osoo dheebotanii akka muka ...
13/12/2024

Imala Qormaanni Dadhabe!👏
= = = = = = = = =
Diinonni keenya kufaatii fi diigamuu biyya keenyaa osoo dheebotanii akka muka bishaan qarqaratti gogeetti dhaabatanii hafaniiru. Afaan kaleessa rakkina keenya odeessaa ture har'a injifannoo keenya odeessuu eegalee jira. Daandiin keenya Ida'amu galmi keenya Badhaadhina jennee ganama gooticha ilma Abbaa Gadaa waliin imala eegalle amma galmaan ga'aa jirra.

Qormaata akka biyyaatti nu mudate hundaa carraatti jijjiiruun qormaata keessatti nu kuffisuuf warra yaalan riqaa godhannee injifannoo tarreessuun har'a waan geenyeef imalli keenya Abbaa Malaa waliin injifannoon itti fufa!

13/12/2024

Badhaadhinni yaadama ifaa ,walooma ,Hammachuu ,
Jaalala Bu'uureffateedha

13/12/2024
“Galmoota badhaadhina maatii dhugoomsuuf xiyyeeffannaa ol’aanaadhaan hojjatamaa jira” Obbo Namarraa Bulii *******Paartii...
13/12/2024

“Galmoota badhaadhina maatii dhugoomsuuf xiyyeeffannaa ol’aanaadhaan hojjatamaa jira” Obbo Namarraa Bulii
*******
Paartiin Badhaadhinaa diinagdee dam daneessa ijaaruudhaan fayyadamummaa haqa qabeessa mirkaneessuuf saganteeffatee xiyyeeffannaa addaatiin hojjataa jira.

Tarkaanfii addaa oomisha Qamadii irratti fudhatameenis biyyi keenya boqonnaa kadhaa kaleessaa keessaa baatee, haala mijataa misoomaaf qabdutti gargaaramuun bonaa fi gannaan Qamadii oomishtee wabii nyaataa mirkaneeffachuu, darbees al ergiidhaaf oolchuudhaan boqonnaa seenaa haaraa saaquu eegalteetti.

Naannoo Oromiyaatti sochii misooma Qamadii bonaatiif xiyyeeffannaan kennamee hojjatamaa kan jiru yemmuu ta’u, Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaatti sirni facaasaa qamadii bonaa guyyaa har’aa gaggeeffameera.

Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Obbo Namarraa Bulii galmoota badhaadhina maatii dhugoomsuuf inisheetiiviiwwan misooma qonnaa xiyyeeffannaa ol’aanaadhaan hojiirra oolaa jiraachuu ibsanii, mul’ata qabame dhugoomsuuf ariitii fi qulqullinaan hojjachuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Mariin  humna dubbiitiiWaan hundaa mariin yaada mo'ata. Haqa bu'uureffate galma dhugaa ykn walooma ijaara. Akkasiiti kay...
23/02/2024

Mariin humna dubbiitii
Waan hundaa mariin yaada mo'ata. Haqa bu'uureffate galma dhugaa ykn walooma ijaara. Akkasiiti kayyoo paartii qabanne bu'aa injifannoo uummataaf dhaloota dhalchisa deemna. Jabaadha!

Xiyyaarri "Tsahaay" Itiyoophiyaaf Deebite!!= = = = = = = = = = = = = = = = = = = = = = =✈"Tsahaay" A.L.A. bara 1935 walt...
16/02/2024

Xiyyaarri "Tsahaay" Itiyoophiyaaf Deebite!!
= = = = = = = = = = = = = = = = = = = = = = =

✈"Tsahaay" A.L.A. bara 1935 walta'insa ogeessota Itoophiyaa fi injinarii Jarmanii Herr Ludwig Weber jedhamuufi bara Hayla Sillaasee xiyyaara yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti hojjetamtedha.

✈Xiyyaarri "Tsahaay" jedhamtu kun maqaa intala Hayilasillaaseetiin kan moggaafamte yoo tatu, yeroo lola Itoophiyaa waliin taasisan Xaaliyaanotaan fudhatamte.

✈Tsahaay Humna fardaa 115 kan qabdu Xiyyaara jabduu qabbaneessituu bishaanii qabdu yoo tatu, mootummaa Xaaliyaanii waliin marii waggaa 1 booda qe'ee ishee Itoophiyaatti akka deebitu murtaa'eera.

✈Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahmad Har'a guyyaa xiyyaara "Tsahaay" Mootummaa Xaaliyaaniirraa ifatti deebifanne waan ta'eef, Itiyoophiyaanoonni hundi guyyaa guddaa itti boonanidha jedhan.

✈Tsahaay yeroo dhihotti Xaaliyaanii irraa gara Itoophiyaa akka dhuftu beekkameera.

Injifannoo Guddaadhaa🙏
@@

Address

Haragee Lixaa
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Biyyaaf dhalatte malee kiyyaaf miti posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category