Imala Kaayyoo

Imala Kaayyoo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Imala Kaayyoo, Grocers, yomi2024yomi2024, Addis Ababa.

Qaamme 3:Guyyaa Cichoominaa!Itiyoophiyaan aarsaa goototni ijoollee ishee kaffalaniin fakkeenya bilisummaafi gootummaa ta...
08/09/2026

Qaamme 3:Guyyaa Cichoominaa!

Itiyoophiyaan aarsaa goototni ijoollee ishee kaffalaniin fakkeenya bilisummaafi gootummaa taatee maqaan ishee waamama har'a gahee jira. Birmadummaa ishee sarbuuf diinotni seenaa Itoophiyaa yaalii taasisanis irree Itoophiyaanotaa gamtoomeen Itoophiyaan kabajamtee har'a geessee jirti. Humna nageenyaa biyya isaaniif halkanii guyyaa dhaabbataniinis dantaan biyyaafi nageenyi lammilee Itoophiyaa eegamuu danda'eera.

Mootummaa Ida'amuutiinis dhaabbilee nageenyaa keessatti rifoormii taasifameen dhaabbileen nageenyaa humna namaa gahumsa qabu, hidhannoo meeshaa waraanaa sadarkaa isaanii eeggataniifi hidhannoo tekinoloojii olaanaan gahoomsuun,miira ummattummaa isaanii sadarkaa olaanaatti ol guddisuun karaa Itoophiyaa madaaluun ijaaramaniiru.
Dhaabbileen nageenyaa Itoophiyaa sadarkaa amma irra gahaniin humna birmadummaa biyyattiif sodaa ta’e kamiiyyuu saffisaan qolachuu fi deebii kennuuf ga’umsa olaanaa horataniiru. Itoophiyaarra darbees tasgabbii naannoofi ardii Afiriikaa mirkaneessuu keessatti gaheen humna nageenyaa Itoophiyaa olaanaadha.

Qaammee 3,guyyaa cichoominaa wayita kabajnus aarsaa goototni qaamolee nageenyaa birmadummaa biyyaa mirkaneessuuf kaffalan yaadataa,biyya tasgabbiin ishee mirkanaa'ee ijaaruufis gaheen nama hundaa murteessaa ta'uu hubachuun murteessaadha. Kanaaf,gama maraan qaamolee nageenyaa waliin ta'uun akeeka diinota alaafi baandota keessaa qolachuun Itoophiyaa olka'insa ishee mirkaneeffatte ijaaruutu nurraa eegama.

Address

Yomi2024yomi2024
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Imala Kaayyoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category