24/02/2026
Ministeerri barnootaa gochoota isaa seeraafi heera biyyattiin ala ta'an kan itti fufe yoo ta'u, salaata Juma'aa hin beeku jechuun haqee sagantaa qormaataan bakka buuseera
*********
Ministry of Education (Ethiopia)n Qormaanni bahiinsaa (Exit Exam) guyyaa Juma’aa sa’aatii 5:00 hanga 7:30tti kennuuf sagantaa baaseera!
Haala fakkaatuun waggaa waggaatti barattoota Musliimaa mirga isaanii bu’uuraa tuquu danda’an sagantaalee fi hojmaatawwan baasuudhaan kan beekamu Ministeerri Barnootaa, bara kana illee guyyaa Juma’aa sa’aatii 5:00–7:30tti Exit Exam kennuuf murteesseera. Bara darbe illee sagantaa walfakkaataa baasee ture; Garuu Waldaan Barattoota Musliimaa Dhaabbilee Barnoota Olaanoo gaaffii barattootaa Ministeerichaaf dhiyeessuun booda sirreeffamni taasifamuu isaa ni yaadatama.
Barana immoo dogoggorri walfakkaataan irra deebi’uun barattoota biratti komii cimaa uumeera. Tarkaanfiin Ministeerichi fudhatu barattoota Musliimaa yaada keessa galchuu dhabuufi mirga isaanii sarbuu akka ta’e agarsiisa.
Guyyaan Juma’aa dhaabbilee mootummaa keessatti sa’aatii 5:30 hanga 7:30tti tajaajilli akka hin kennamne seeraan kan tumame dha; akkasumas yeroo san keessatti salaanni Juma’aa kan gaggeeffamu ta’uun ni beekama. Haaluma kana beekamaa osoo jiruu sagantaa kana baasuun dogoggora guddaa ta’uu isaa ni hubachiisa.
Kanaafuu, Ministeerri Barnootaa dogoggora irra deddeebiin uumamaa jiruuf barattoota Musliimaa dhiifama gaafachuun, namoota dogoggora kana uumuu keessatti hirmaatan irratti tarkaanfii fudhachuun, qormaanni sun osoo hin kennamin dura sirreeffama akka godhu ni gaafanna.
Gamtaa Barattoota Muslimaa