18/03/2026
Bara durii Manguddoo tokkotu dulloomanii du’aaf yeroo dhi'aatanitti ilma isaanii ofitti waamanii akkas jedhaniin,
“Yaa ilma koo sa'aatii harkaa kana abbaa kiyyatu naaf kenne, Abbaa kiyyaa ammoo Abbaa isaatu ykn Akaakayyuu kiyyatu kenneef jedheen.
Sa'aatiin kun gara waggaa Dhibba lamaa laakkofsiisee jira, ilma kiyya anis Sa'aatii seena qabeessa kana si dhaalchisuu barbaada, mee dursa manneen daldalaa irra naanna'ii deemii hagamiin akka sirraa bitan gaafadhu” jedheen.
Ilmi kunis suuqii gara garaa irra naanna'ee gaafachuutti ka'e, Daldaltoonnis
“Sa'aatiin kun moofaa dha, qarshii shan caala hin bitnu, nu hin baasu" jedhaniin.
Daldaltoota jijjiree biyyaa biyyatti deemee yoo gaafatu kan gatii isaa rakasiisu malee Kan gatii madalawaa kennuuf hin jiru. Sana booda deebi'ee Abbaa isaatiin akkasi jedheen,
“Abbaa koo daldaltoota hedduu suuqii qaban gaafadheen ture, qarshii shanii oliin hin binnu naan jedhan” jedhee Abbaa isaatti hime.
Abbaan isaas " Mee amma gara god-hambaa yookan muuziyeemii biyyoolessaa dhaqitii gaafadhu" jedheen.
Mucaanis gaafa hooggantoota muuziyeemii biyyoolessaa dhaqee gaafatu qarshii miiliyoona lamaan sirraa binna jedhaniin. Mucichis gammadaa gara abbaa isaatti deebi'ee,
"Abbaakoo kunoo reefi bakka ta'u deeme, isaan qarshii miliyoona lamaan sirraa binnaa fidi" naan jedhan jedhee itti hime.
Isaa booda Abbaan mucichaan taa'i jedheenii akkas jedhee gorseen,
“Yaa ilma koo bakka sinmadaalle, Eenyummaa kee fi Gatii Kee hin beekne yoo oolte ni rakasta. Kanaaf, Iddoo gatii Kee hin madaalle hin oolin. Warra si hin beekne biratti akkuma sa'aatii kanaa rakasa taata, warra si beekan birattis akkuma sa'aatii kanaa qaalii taata” jechuun gorsa ajaa'ibaa kana gorsaniin !!
Kanuma!
Ati yoo qaalii taatee rakasa waliin ooltee of hin rakasiisiin!!😎