24/09/2025
Bulchiinsa Magaalaa Cirootti hubannoon labsii gibira galii federaalaa lakk.1395/2017 haaraa fooyyee bahe irratti daldaltoota magaalichaaf kenname.
Godina Harargee Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Cirootti hubannoon labsii gibira galii federaalaa lakk.1395/2017 haaraa fooyyee bahe irratti daldaltoota magaalichaaf kenname.
Sagantaa kanarratti haasaa kan taasisan Ittigaaatamtuun Waajjira Galiiwwan Godina Harargee Lixaa Aadde Sakiinaa Abdallaa akka jedhanitti, galiin guddina biyyaaf murteessaa tahuu himanii, daldaltoonni labsii haaraa fooyya'ee hojiirra akka ooluuf tumsa isaanii bahachuu akka qabanis dhaamaniiru.
Obbo Asaanaa Mahaammad Kantiibaa ittaanaafi daldalaa, Carraa Hojii Uumuu fi investimantii bulchiinsa magaalaa Ciroo, daldaltoonni karaa labsiifii mirga isaaniif hayyamameen daldaluun faayidaa isaaniis gonfachaa guddina magaalichaaf tumsuu akka qaban dhaamanii jiru.
Ittigaafatamaa Waajjira Galiiwwan Bulchiinsa Magaalaa Ciroo Obbo Qaasim Abduljabar daldaltoonni magaalichaa kanaan dura yeroo hedduuf komii gibiraan walqabatee jiruu labsiin kun kan fooyyessuu tahuu himan.
Daldaltoonni Magaalichaa marii kanarratti hiramaatan yaada kennaniin akka jedhanitti, labsiin haarwanii amma bahe fayyadamummaa keenya jiddugala kan godhate waan ta'eef, hubannoo kana argachuun keenya mirgaafi dirqama qabnu nu hubachiise jira jee'anii jiru.
Kuufamni gibiraa waggaatti yeroo tokko kafalamuus yeroo ammaa kurmaanan qoodame waggaatti yeroo afur addaan qoodatanii jala jalaa kafaluu akka danadayamuus yoo tauu, rakkoolee gibiraaf gufuu tahan hedduu kan hanbise ta'us himan. kun ammoo daldaltoota sadarkaa gad aanarra jiraniif bu'aadhaa je'an.