16/06/2026
Geeraa: Biyya Lafti Buna Burqu, Mukni Damma Cophu!
Guyyaa har’aa, sagantaa guddaa fi seena-qabeessa qubsiisa Aalimaa Aanaa Geeraatti gaggeeffame irratti affeeramee, gammachuu guutuu fi miira addaa ummata kiyyaa wajjiin qooddataa ooleera.
Akkuma Magaalaa Jimmaa keessaa baanee daandii qabanneen, Bosona dacheen uffatte, kan sagaleen simbiraa keessaa xiixu, mudhii isaa sifeessee foolii urgaa’aa qabu,kan labooba aduu qabbaneessu, kan garaan isaa firii bunaatii faayame keessa bashaashaan osoo imallu... Geeraa—biyya Mootummoota Shanen Gibee keessaa handhuura mootota baay’ee taatee seenaa guddaan beekamtu sana galle.
Aduun ganamaa akkuma ifteen ganama barraaqa gara iddoo sagantaa qubsiisa Aalimaatti bobbaane. Achitti kan nuti agarre, ummata baay’ina isaatiin akka garba bishaan lagaa ciisuu, dachee bal’oo sana huffisee bareedu agarre! Gammachuu fi eebba sagantaa qubsiisaa kanaan eebbifamnee, garaa Jimmaatti deebine.
Geeraan:
Biyya loon gosa adda addaatiin konkolaataan dhibbaa oliin gabaa tokkottitti fe’amee gara gabaa guddaatti geeffamuu dha! Biyya damma addaa fi qulqulluu, dhandhama ajaa’ibaa kan bifa adii waraabamu qabduu dha! Geeraan, lafa bunni magariisni walakkaa dachee aanaa sanaa uffisee biqiluu dha!
Geeraa… Qananiin kee umriin dheeraa!