Aslii Shaafii

Aslii Shaafii Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Aslii Shaafii, Grocers, Ch'elenk'o.

27/02/2026
27/02/2026

“ Dargaggoonni humna guddaafi utubaa cimaa ijaarsa biyyaati ” Dargaggoo Ahmadnuur Aliyyii
= = =
Dargaggoonni humna guddaafi utubaa cimaa ijaarsa biyyaa akkasumas abdii dhaloota har’aafi egereeti. Kanaaf jijjiirama siyaasaa, diinagdeefi dagaagina hawaasummaa keessatti qooda murteessaa qabu. Seenaa biyya keenyaa keessatti yeroo hunda dargaggoonni adda duree qabsoofi ijaarsa biyyaa ta’anii argamaniiru. Har’as dirqama isaanii ijaarsa dimokiraasii cimsuu, nageenya biyyaa tiksuufi badhaadhina biyyaa milkeessuu keessatti gahee isaanii sadarkaa olaanan bahachaa jiru.

Waldaan dargaggoota Oromiyaas fayyadamummaa diinagdee dargaggootaa sadarkaa olaanaan mirkaneessuufi ijaarsa biyyaafi dimokiraasii keessattis gahee isaanii sirnaan bahachuu akka danda'an taasisuuf erga hundaa' ee waggoottan 25 ol lakkoofsiseera. Biyya keenyatti dargaggoonni akka humna diigumsaatti ilaalamaa kan turan yoo ta'u, jijjiiramaan asitti beekumsaafi humna qabaniin ijaarsa biyyaafi dimokiraasii keessatti gahee isaanii bahachuu akka danda'aniif karaan saaqameera. Dhuunfadhaanis ta'ee gurmuudhaan carraa hojii hedduu uummachuun diinagdeedhaan akka of danda'aniifis hojii guddaan hojjatameera.

Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaas Pirezidaantii Waldaa Dargaggoota Oromiyaa dargaggoo Ahimadnuur Aliyyii waliin filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa biyyi keenya gaggeessuuf qophaa'aa jirtu keessatti gahee dargaggoonni naannoo keenyaa qaban ilaalchisee addatti turtii taasiseera.

Dargaggoo Ahimadnuur Aliyyii, dargaggoonni humna ijaarsa biyyaaf barbaachisuufi hawaasaa keessaa dhibbantaa 60-70 ta'uu ibsuun, isaan abbaa biyyaa har'aafi abdii egeree ta'uu ibseera.

Adwaa irraa kaasee birmadummaa biyyaa eegsisuun har'aan ga'uufis dargaggoonni biyya keenyaa gumaacha guddaa taasisuu isaanii ibsuun, Filannoon tokkos haqa qabeessa, diimokiraatawaafi hirmaachisaa jedhamuuf qaamolee hawaasaa hunda kan hirmaachise, karaa nagaafi diimokiraatawaa ta'een yoo xumurame akkasumas, dargaggoonnis filannoo biyya tokkoo keessatti ga'ee guddaa akka qaban himeera.

Dargaggoonni karaa diimokiraatawaa ta'een filannoo irratti hirmaachuu, qaamolee nageenya waliin ta'uun nageenya filannoo eegsisuu, hawaasa kakaasuun akka filatan taasisuufi taajjabdummaadhaan milkaa'insa filannoof ga'ee guddaa qabaachuu eeruun, Filannoo marsaa 7ffaa akka biyyaatti bara kana taasifamu keessattis dargaggoonni hubannoo argachuun mirgaafi dirqama isaanii hubatanii akka milkaa'aa taasisaniif leenjiin adda addaafi waltajjii mariitiin hubannoo uumaa jiraachuu dubbateera.

Dargaggoonni meeshaa siyaasaaf itti fayyadaman osoo hin taanee abbaa biyyaa ta'uu isaanii beekuun sadarkaa hundatti filannoo marsaa 7ffaa milkeessuuf hojjachaa jiraachii himuun, dargaggoonni kuma 9fi 800 ol ta'anis guutuu Oromiyaa keessatti akka taajjabdummaan filannoo irratti hirmaatan filamanii adda ba'uu kaaseera

Dargaggoonni kuma 165 ol ta'an immoo hawaasaaf hubannoo uumuun filannoon haqa, diimokiraatawaafi hirmaachisaa ta'e akka geggeeffamuuf leenjiin kennamuun bobba'anii hojiirra jiraachuu kaasuun, Filannoo marsaa 7ffaa akka biyyaatti bara kana geggeeffamus dargaggoota dabalatee qaamni hawaasaa hundi sagalee isaa kennuun karaa diimokiraatawaa ta'een hiree egeree biyya keenyaa murteessuu akka qabanis dargaggoo Ahmadnuur dhaameera.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
kallacha Oromia: https://m.facebook.com
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/

26/02/2026

Address

Ch'elenk'o

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Aslii Shaafii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category