30/11/2023
Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti lukkuuwwaa sanyii fooyyee miiliyoonni 29 raabsamuu Obbo Toleeraa Dabalaa Hoogganaa Itti Aanaa BQO himan
Bara 2016 Oromiyaatti lukkuuwwan sanyii fooyyee miiliyoona 35 raabsuuf karoorfamee keessa hanga ammaatti Miiliyoonni 29 raabsamuu Obbo Toleeraan himan.
Kanneen keessaa cuuciiwwan guyyaa tokkoo miiliyoona 14 fi sookkeen [goroomtiin] miiliyoonni 15 raabsamuu eeraniiru.
Misoomni lukkuu kunis dubartootaafi dargaggoota hojii dhabeeyyii hedduuf carraan ittiin uumameera jedhan.
Ammaas karoora ol raawwachuuf Cuuciiwwaan guyyaa tokkoo bal’inaan dhiheessuuf hojjetamaa jira jedhan.
Abbootii qabeenyaa horsiisaafi baay’isuu lukkuurratti hojjechaa jiran waliin mari’achuun hormaataafi fayyaa isaaniirratti hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.
Karoora qabamees gara miiliyoona70 tti ol guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Rakkoo dhibee lukkuu waliin wal qabatee jiru furuufis cuuciiwwan utuu fayyadamtoota bira hin gahiin yeroo lama ni talaalchifamus jedhan.
Irraa caalaatti immoo iddoon lukkuun itti horsiifamu eegumsa kan barbaadan ta'uu Obbo Toleeraan himuun keessatuu iddoo horsiisa lukkuu kana namnis ta’e qaamoleen garaagaraa akka barbaadaaniin seenu osoo hin taanee eeggannoo saayinsiin ajaju ta’u qabaa hubachiisaniiru.