Sanyiif Ilmaa Yoni

Sanyiif Ilmaa Yoni Bro

12/03/2025

👉Baraadhuu miilkaa'i
👉Hojjaadhuu miilkaa'i
👉Yeroo baatu miilkaa'i
👉Yeroo galtuu miilkaa'i,
🤲waan hunduuman milkaa'i
Ameen jeedhamee

12/03/2025

Hugguu takka takka murti murteessita. Gaafiin gaaf murtiif murteessita. Gaafa biraa ammaas murtiin murteessita. Gaafa kaan deebiteeti murtii murte san murtiin murteessita. Murtiif, murtii fi murtiin murteessituus numa murteeysita. Murtiif, murtiin ykn murtii murteessite tanaan waan arraa fi kalee tahuu baattuus waan boruu fi iftaan murtee murteessituun murtee murteessu malta.

Osoo jerjertee hin jerjerre, osoo if cinaa fi if duraas laaluu dhabdee ija guduunfattee hin bararre, osoo waan harkaa qabduu fi ukaa qabduus ta lafaa fuudhuuf bololtee hin harre, osoo mataa fi maatii teetiis yaadaa fi yaaddoon hin dararre. Osoo sammuu teetiis waan dabree fi waan darreen hin danqarre, rakkoo fi rakkamni biqilee guddatuus firii baasee osoo hin qaxarre murtiin muruuf Rabbitti irkattee, daftee murteessinaan murtiin tee dhibdee fi daadarkaa hunda sirraa murti.

Murtiin murteessitu, murtiin murtiin murteesituu fi murtiin murtiif murteessituus murtii akka dhaba, waa dhabaa fi wal dhaba, dhibdee fi dhibama, dhibee fi dhiibama dhiibdee mara isii murtee si jalaa hambiftu akka taatu murtiin tee murtuma gooftaan garaa haadhaatti siif murteeyse tahuu beeytee sodaa lagattee sadoo abdattee, ta dabarte dagattee, ta dhuftuuf tashattee, ta kutte hamdiin ta dhuftuuf abdiin sossoohuun dirqama. Sossooha tokkicha gootuun waa hedduu moohuudha malta.

Murtiin murtii gooftaati. Murtiin gooftaa murtii haqaati. Rabbiin murtii arraa fi boru itti milkoofnu,tan seenaa bareedduu itti hojjannee dhalootaaf ol keenyu nuuf haa murteessu. 🤲

12/03/2025

Ammayuu Hin xumure demaan jira karaa koo raafamte Nan raasin obsi yaa garaa koo

12/03/2025

Waanti yeroo hundaa ittii gammadaan maaliidha
Comment godha!

Address

Dire Dawa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sanyiif Ilmaa Yoni posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category