Jamjam Melaa

Jamjam Melaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jamjam Melaa, Grocers, Oromia, Fitche.

18/03/2026
18/03/2026

Hirkattummaarraa Gara Oomishtummaatti.

Paartiin Badhaadhinaa Itoophiyaan biyya oomishtu malee biyya deggarsa gaafattu ta'uu akka hinqabne ejjennoo qabu qabataman dhugoomsuuf waggoottan muraasa darbanitti hojii gurguddaa hojjetee jira.Humna kuufamaa qonnaaf biyyi keenya qabdu fayyadamuun akkasumas qonna karaa boodatti hafaa irraa gara mala qonnaa ammayyaa'etti jijjiiruuf tarkaanfiwwan dandeessisoo fudhatee jira.
Kana dhaabbataa taasisuufi itti fufiinsa isaa mirkaneessuuf Imaammatni Ce'umsa misooma qonnaa fi baadiyyaa haaraa fi si'ataa ta'es hojiirra ooleera. Imaammata kanaan alattis sona oomishaalee qonnaa dabluuf rifoormiiwwan oomishaa fi oomishtummaa guddisuu dandeessisan, saffina,fi investimeentii babal'isuu karaa dandeessisuun keessattuu dhiyeessii galtee qonnaa dhiyeessuu akkasumas maashinoota qonnaa fi meeshaaleen makaanaayizeeshinii kaffaltii taarifaa irraa bilisa ta'anii akka galan taasisuun damee qonnaa irratti jijjiiramni qabatamaan akka dhufu dandeessisee jira.
Tattaaffii taasifame kanaan oomisha midhaanii waliigalaan yoo ilaalamu bara 2012 kuntaala miliyoona 396.7 kan ture bara baajetaa 2016tti kuntaala miliyoona 691.86tti ol guddachuu danda'eera. Kunis oomishni waliigalaa midhaanii waggoota afur keessatti dhibbeentaa 74n dabaluu agarsiisa.Bara baajetaa 2017tti oomishni midhaanii waliigalaa kuntaala miiliyoona 836.4 irra kan gahe yoo ta'u,waliigalaan oomishni qonnaa kuntaala biiliyoona 1.57 gahuu danda'eera.

18/03/2026

Address

Oromia
Fitche

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jamjam Melaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category