08/08/2025
NAMA RABBI SODAATU RABBIIN WAA 4 ISAAF TAHA
β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’
1: Karaa furmaataa isaa godha
2: Amrii isaa isaaf laaffisa
3: Dilii isaa isaaf dhiisa/Maara
4: Sawaaba isaa isaaf guddisa
Namni Waa 4 Dalage isaaniif nageenyi tahaadha isaan warra Qajeelerraahi
1: Nama kennaa argate irratti galata galchu
2: Mokkoramee/Balaa adda addaa itti buutee Obse
3: Nama nama Miidhee Araarama gaafate
4: Nama ofii Miidhamee Irra namaaf kute yookaan Dhiifama godheef
Namni waa 4 dalage Imaanni isaa guutame
1: Rabbiif jecha jaalachuu
2: Rabbiif jecha jibbuu
3: Rabbiif jecha kennaa kennachuu
4: Rabbiif jecha Dhoowwachuu
Waa 4 Sabachiiftuu ykn Raggaasiftuu Jannataa ti
1: Nyaata Nyaachisuu
2: Salaamtaa facaasuu
3: Jecha ykn Haasawa toluu
4: Salaata Halkanii dhaabbachuu
Namni 4 jannata hin seenu
1: Doqna ykn Dooyna
2: Ganaa Namaa ykn Nama Baaylama diigu
3: Beekaa beekkumsatti hin dalagne
4: Nama Horii walitti qabaa tahe kan Haqa isaa irraa hin baafne
Inshaa Allaah Rabbiin Toowfiiqa Nuuf haa kennu! Yaqiina Dhugaa san Rabbiin nuuf haa kennu.
Maxxansaa kankoo kana Rabbi qoftiin narraa jaalannaan anaaf gahaadha!
Barreeffama kana erga dubbistanii xumurtan boodaan waliif Share godhaa.