10/03/2026
Sagaleen Uummataa Biyya Ijaara
Biyyi keenya Itoophiyaan bu’uura cimaa irratti akka ijaaramtu kan taasisu humna qabeenya uumamaa qofa miti, inni guddaan sagalee keeti! Sagaleen uummataa yaada qofa osoo hin taane, kallattii misoomaa fi egeree biyyaa murteessuuf furtuu dha.
Sagaleen uummataa humna guddaa biyya ijaaruu danda’u keessaa isa ijoodha. Yeroo uummanni yaada isaa bilisaan ibsatuu fi filannoo keessatti hirmaatu, dimokraasiin ni cimt, biyyi immoo bu’uura jabaa irratti ni guddatti. Sagaleen nama tokko xiqqaa fakkaatus walitti qabamee kallattii biyyaa murteessa. Kanaaf, hirmaannaa cimaa, nagaa fi itti gaafatamummaa lammummaa keenyaatiin sagalee keenya fayyadamuun biyyaa fi egeree keenya haa ijaarru.
Filannoon mirga uummanni mootummaa isaa ittiin filatu qofa osoo hin taane, nagaa fi dimokraasii mirkaneessuuf tarkaanfii isa jalqabaati. Yeroo ammaa biyyi keenya Filannoo Marsaa 7ffaa nagaa, haqa qabeessaa fi hirmaachisaa taasisuuf qophii bal’aa irra jirti.