07/06/2026
?
Yeroo garaagaraatti macaafa qulqulluu keessatti jechoota irra deddeebiin argaman keessaa qulqulluummaa fi qajeelummaan adda duree dha. Garuu jechooti kun lamaan tokkuma moo garaagara? Kakuu moofaa keessattis haa taโu kakuu haaraa keessatti jechooti kun karaa garaagaraa yommuu kaaโan ni argina. Qulqullummaaf qajeelummaan tokko miti. Hiikkaa addaa addaas sababa qabaniif jechoota kana hubachuun yaada waaqayyo dhala namaaf qabu sirriitti akka hubannu nu gargaaru. Hiikkaa jechoota kanaa irraa kaanee haa ilaallu.
(Holiness) kan jedhu eenyummaa, bakka, haala, meeshaa, nama, wantoota Waaqayyoof adda baโe taโuu ibsa. Hiikkaa qulqullummaa baruuf dursa hiika jecha kanaa afaan Ibiraayisxii fi Giriikii dursa itti macaafni qulqulluun barraaโeen hubachuun gaarii dha. Jechi qulqullummaa jedhu hiikkaan isaa afaan Ibraayisxiitiin Qaadoosh jedhama hiikkaan isaas adda baasuu, qulleessuu, kan jedhu yommuu taโu, macaafa kakuu moofaa keessattis Waaqayyo saba isaa saba biraa irraa adda naaf baโaa, kan koo qofaa taโaa jedhee itti hima. Kanas kutaa garaa garaa keessatti ilaaluun ni dandaโama. Macaafa keessatti;
Ani Waaqayyo qulqulluu akkuman taโe isinis immoo qulqulloota taโaa!Seera Leewwotaa 19:2
jechuun saba Israaโel abbooma. Kunis tokkoffaan Waaqayyo uumama kam irraa, namoota irraa, waaqa tolfamoo, lubbuu kan qabaniif kan hin qabne hundumaa irraa kan adda taโe ibsuun saba isaatiin immoo isinis akkuma koo, saba kaan irraa, cubbuu fi wantoota garaa garaa irraa adda baโaa jechuun abbooma.
Kutaalee armaan gadii irrattis waaโee sirriitti argina,
โAni Waaqayyo gooftaan keessan; ani qulqulluu waanan taโeef, isinis of qulleessaa, qulqullootas taโaa! โSeera Leewwoota 11:44
โwalitti lallabaniis, โQulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu dha Waaqayyo gooftaan maccaa; guutummaan lafaas ulfina isaatiin guutuu dha.โโIsaayaas 6:3
โYaa Waaqayyo, qulqulluun akka keetii tokko illee hin jiru; si malees kan biraan hin jiru; akka Waaqayyo keenyaas kattaa kan namaaf taโu hin jiru.โ1 Saamuโel 2:2
Macaafa qulqulluu irratti akkuma barreeffamee jiru, argamuun Waaqayyoo bakka qulqulluu (kan adda baโe) gochuu dandaโa. Tulluunis haa taโu bakki itti Waaqayyo ulfina isaa mulโise qulqulluu taโa. Namnis Waaqayyo kan inni foโate Waaqayyoof kan adda baโe ykn qulqulluu taโa. Kakuu haaraa irrattis immoo jechi qulqulluu jedhu yeroo baayโee โHaagiyosโ jedhamuun kan hiikame yoo taโu hiikkaan isaas kan qulqullaaโe, saba qulqulluu, saba adda baโe, kan foโame jechuun hiika kanas kutaalee garaa garaa irratti ni argina.
Fkn: Yoh 17:11, 1 Phex 1:15, Mul 4:8, Ibr 10:10
(Righteousness) jechi jedhus kakuu moofaafi kakuu haraa bakka garaagaraatti siโa baayโee barraaโeera. Hiikkaan isaas immoo karaa qajeelaa irra dhaabbachuu, eenyummaa sirrii taโe qabaachuu jechuudha. Qajeelummaan eenyummaa dha. Eenyummaa namni waaqa irraa dhaaluu fi itti guddatu jechuudha. Fakkeenyaaf, Mucaan xiqqoon daaโima taโe tokko yommuu dhalatu eenyummaa namaa qabaachuun dhalata. Garuu sababa daaโima taโeef calliseema jiraateef nama guddaa taโee hin argamu. Gaafa nama guddaa taโus eenyummaan nama taโuu daaโima sanaa hin jijjiiramu. Kanaaf, Nuyi Qajeelummaa Waqayyoo irraa hirmaanneerra. Namni yommuu gooftaa Iyyasuus kristoositti amanuun lammata dhalatu fayyina bara baraa argata. Yerosumas hirmaattuu eenyummaa waaqayyoo kan taโe, qajeelummaa argata. Mucaan daaโimni tokko garuu takkumaan kaโee mudaa maleessa hin taโu, deemsa hin beeku, maal akka godhu wallaaluu dandaโa. Kana jechuun garuu nama miti jechuu miti. Beekumsa barbaachisuufi soorata barbaachisuun gara eenyummaa isaa isa sirriitti guddachaa adeema malee. Akkasuma Jireenyi kiristiyaanaa akkuma gooftaatti amanneen karaan keenyaaf daandiin keenya guutummaatti sirrii taโa jechuu miti. Dubbii sagalee Waaqayyoo irraa argannuun itti guddachaa adeemna malee. Jechi kunis afaan Ibraayisxiitiin โTsaadiyikโ jedha hiikkaan isaas qajeelaa, sirrii, karaa sirrii, kan jedhu bakka buโa. kunis kutaalee armaan gadii irratti caqafamanii jiru. Far32:11, Far37:17, Far18:21
โIsin qajeelota nana, Waaqayyotti gammadaa ililchaas! Isin warri gara-qajeelonnis, gammaduu keessan guddisaa dhageessisaa.โ
Faarfannaa 32:11
โIrreen jalโootaa in caccaba, warra qajeelota garuu Waaqayyo qabaa isaa keessatti in eega.โ
Faarfannaa 37:17
Kakuu haaraa irrattis immoo hiikkaan afaan Giriikii isaa โDikaiosuneโ jedha. Kunis, mudaa kan hin qabne, akka fedha waaqayyootti kan dhaabbate, Waaqayyoon kan simatame hiikkaa jedhu ibsa. Kunis, kutaa macaafaa keesssatti bakka garaa garaa irratti barraaโeera.
Yoh 16: 8, Rom 1:17, Rom 3:21-26, Rom 4: 3-13, 1Qor1:30, 2Qor3:9
Galaatni Waaqayyoof yaa ta'u. Ameeen๐๐โคโค
Waldaa Fayyisaa Addunyaa Damee Hoo-lataa
gochuudha hin dagatiinaa