W/ra Kantiibaa Magaala Jimmaa የጅማ ከተማ ከንቲባ ጽ/ቤት

  • Home
  • Ethiopia
  • Jimma
  • W/ra Kantiibaa Magaala Jimmaa የጅማ ከተማ ከንቲባ ጽ/ቤት

W/ra Kantiibaa Magaala Jimmaa
የጅማ ከተማ ከንቲባ ጽ/ቤት
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from W/ra Kantiibaa Magaala Jimmaa
የጅማ ከተማ ከንቲባ ጽ/ቤት
, Grocers, Jimma.

28/02/2026
27/02/2026
Manni Qopheessaa Magaalaa Jimmaa seera kabachiistota daandii irraaf mata dureewwan adda addaa irratti leenjii kennaa tur...
17/01/2026

Manni Qopheessaa Magaalaa Jimmaa seera kabachiistota daandii irraaf mata dureewwan adda addaa irratti leenjii kennaa turuun har'a eebbisiise.

Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar, seera kabachiistonni alseerummaa daandii irratti gama adda addaatiin mul'atuufi qulqullina magaalaa eeguun magaalaa hawwattuufi qulqulluu jiruufi jireenya ilma namaaf mijattuu taate, alseerummaan keessatti hin babal'anne uumuuf gahee guddaa qabaachuu dubbataniiru.

Naamusa hojichi barbaadu kabajuun ergama isaanii akkaataa barbaachisummaa isaatti galmaan gahuu akka qabanis dhaamaniiru. Kallattii hojii gara fuuladuraas kennaniiru.

Hojigaggeessaan Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa obbo Hayidar Dirrib gama isaaniitiin, magaalichatti bara 1999 eegalee seera Kabachiisaa jedhamee moggahuun alseerummaa gama adda addaatiin daandii irratti mul'atu maqsuuf hojjatamaa jiraachuu dubbataniiru.

Sochii guddinaa Magaalaan Jimmaa yeroo ammaa taasisaa jirtuun walqabatee alseerummaa babal'ataa jiru furuuf humni duraan ture gahaa waan hin taaneef humna haaraa itti dabaluuf karoorfamee leenjiin tooftaa loltummaa, naamusaafi rakkoowwan hojicha keessatti mul'ataa ture akkaataa furuun danda'amu irratti guyyoottan 10'f kennamaafii turuun guyyaa har'aa eebbifamuun hojiitti galfamuu eeraniiru.

Seera kabachiistonni kunneen leenjii fudhataa turanitti gammaduu ibsanii, alseerummaa gama garagaraatiin daandii irratti mul'atu maqsuuf dirqama isaanii kan bahatan ta'uu dubbataniiru.
Jimmaa, Amajjii 8/2018 (WKMJ)

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when W/ra Kantiibaa Magaala Jimmaa የጅማ ከተማ ከንቲባ ጽ/ቤት posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category