03/05/2026
Sirna naamusa Walitti dhufeenya miseensotaa fi hoggantoota paartii
Walitti dhufeenya miseensota fi hooggantoota paartii gidduu jiru ilaalchisee, hooggantoonni fi miseensonni kamiyyuu dambiiwwan naamusaa armaan gadii kabajuuf dirqama qabu:
1) Miseensi Paartii Badhaadhinaa hundi namni hundi wal-qixxaachuu isaa fudhatee hojiirra oolmaa isaatiif hojjechuun irraa eegama;
2) Miseensi Paartii Badhaadhinaa hundi miseensa biroof kabaja obbolummaa (obbolummaa dhiiraa fi dubartii) irratti hundaa'e qabaachuu qaba;
3) Miseensi hundi miseensa paartii biroo waliin iftoominaan mariโachuu, wal-gargaaruu, walirraa barachuu, wal-deeggaruu, wal-tumsuu, wal-amanuu, wal-kabajuu fi haala qajeeltoo eeggateen kaayyoo paartiitiif waliin hiriiruu giddu-galeessa kan godhate walitti dhufeenya qabaachuu qaba;
4) Hoogganni kamiyyuu aangoo haala sirrii hin taaneen fayyadamuun hooggantoota fi miseensota paartii biroo irratti dhiibbaa fedhii dhuunfaa irratti hundaaโe uumuu irraa of qusachuu qaba;
5) Akkaataa aadaa fi duudhaaleen Itiyoophiyaa ajajanitti hariiroo hawaasummaa uumuu qaba;
6) Hamii, oduu madda hin qabne fi shakkii irratti hundaaโanii maqaa balleessuu irraa of qusachuu qaba;
7) Miseensi yookiin hoogganni Paartii Badhaadhinaa kamiyyuu hojimaata paartii waliin kan wal-faallessuun sochoโee argame akka sirreeffamu gochuuf itti gaafatamummaa qaba.
**Inispeekshinii Cimaa Paartii Cimaaf!