13/01/2023
Ida'amuu, furmaata rakkoo hundaa!
********
Ida'amuun adeemsa eenyuunuu hin miine fi hin dirqisiifnedha yaadama mo'ataadha. Kan nagaa fi araara filate, jaalalaa fi tokummaaf dursa kenne akkasumas bilisummaa fi wal qixxummaaf dhaabbate, darbees badhaadhinaaf onnate hunduu ida'amuuf carraa bal'aa qabaata.
Dirreen ida'amuu bal'aa, carraa fi daandiin isaatis hedduudha. Kanaaf, balballi isaatis kanneen fedhinnaa qabaniif yaroo mara saaqamaadha.
Daa'imman jaalala isaaniitiin, dargaggootni tattaaffii isaaniitiin, ga'eessotni ogummaa qabaniin akkasumas maanguddootni muuxannoo horataniin, daldalaan maallaqaan, barsiisaan beekumsaan, qonnaan bulaan oomishaan, hunduu waan qabuun ida'amuu ni danda'a.
Sabaa fi sablammiin tokkoomee, aadaa, amantii fi eenyummaa walii waliif kabajee kan qabuun wal cimaa dhaabbatee yemmuu socho'u ida'amuun gochaan ifee mul'ata.
Lammiin hunduu ida'amuun furmaata rakkoo hundaa ta'uu hunachuudhaan yaadama mo'ataa kanatti qixaan kunuunsuu fi hojiitti hiikuun murteessaadha.