Oromiyaa biyyaa koo

Oromiyaa biyyaa koo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromiyaa biyyaa koo, Grocers, Sebeta.

03/08/2025

Faagessanii Darbachuun Humna
Gaafata, Fageessanii Yaaduun mul'ataa fi itti gaafatamummaa gaafata.

Dargaggoonni Anniisaa Jijjiiramaati.Gurraandhala,21/2017 ( Kominikeeshinii Aanaa Meettaa )ShaggarBuchiinsa Magaalaa Shag...
28/02/2025

Dargaggoonni Anniisaa Jijjiiramaati.

Gurraandhala,21/2017 ( Kominikeeshinii Aanaa Meettaa )
Shaggar
Buchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sabbaataatti Leenjii Dargaggootaa Mata dureewwan "Dargagguummaan Badhaadhina Biyyaaf,Gaggeessummaafi Interpiranara" Jedhurratti Guyyoota Lamaaf Turu Kennamaa Jira.

Bulchaan Kutaa Magaalaa Sabbataa Obbo Ashannaafii Camadaa Sagantaa Leenjii dargaggootaa kanarratti argamuun akka dubbatanitti,dargaggoonni aannisaa kalaqaafi jijjiiramaa waan ta'aniif yeroo yeroon dandeettin raawwachisummaa isaanii cimsaa deemun barbaachisaadha.Kanaaf,leenjii kun kennuufin barbaachise jedhan.Dargaggoonni humna haaraa ta'uu isaanii beekanii jiruufi jireenya isaanifi guddina biyyaa keessatti daran hirmaachuf ogummaan off dagaagsuun kalaqaan dabaluun interpiriinara ta'uu irraa eegamas jedhan.Kanaanis magaala iddoo oomishaa omish*tummaa taasisuun wabii midhaan nyaataa magaalaa mirkaneessuu keessatti gahee isaanii bahachuu qabu jedhan obbo Ashannaaffii Camadaan.
Dargaggoonni Leenjii kennamuu eegale kanas naamusaa olaanon hordofuun mul'aata kaawwata bira ga'uu qabus jedhan obbo Ashannaaffin.

Akka Itti Gaafatamaan Waajjira DargaggoofI Ispoortii Kutaa Magaalaa Sabbataa Obbo Dabalaa Caakkaa jedhanitti Dargaggoonni jijjiirama hanga ammaa dhufe keessatti gahee guddaa taphatani jiru;taphatas jiru.Kanaaf caalmaa guddina biyyaa keessatti hirmaachuf leenjii dandeettii raawwachiisummaa kana fudhachuun isaan barbaachse jedha.
Leenjin kun qindoomina Waajjira Dargaggoofi Ispoortiifi Baankii Siinqee Waliin kennamaa jira.

kutaa Magaalaa Sabbataa Leenjii Waajjira Abbaa Alangaatiin hoggantootaaf kennamuu eegalameera. Kutaa Magaalaa Sabbataatt...
17/12/2024

kutaa Magaalaa Sabbataa Leenjii Waajjira Abbaa Alangaatiin hoggantootaaf kennamuu eegalameera.

Kutaa Magaalaa Sabbataatti leenjiin hoggantoota seekitaraalee kutaa magaalaa fi aanoolee sadaniif waajira abbaa alangaatiin kennamu eegalameera.

Kaayyoon leenjii kanaa dantaa hariiroo dhimma mootummaa kabachiisuu fi qindoominni seektarootaa fi Waajjira abbaa alangaa gidduu jiru akka cimuu akkasumas dambii bahe jiddu galeessa godhachuun hubannoo hoggantoota seektarootaa fi aanaalee 3'niif uumuu dha.

Kanaanis, barbaachisummaa dambii,tumaalee adda addaa dambichi qabatee jiruufii tajaajila waajjirri abbaa alangaa dantaa mootummaa kabachiisuuf kennuu, qaamolee tajajjila abbaa alangaa irraa argachuu danda'aniifi kan biroo irratti hubannoon kennamaa jira.

Leenjii kana kan saaqan Bulchaa kutaa Magaalaa Sabbataa Obbo Ashannaafi Camadaa, xiyyeeffannoo dantaa mootumnaa kabachiisuuf taasifamu hubannoodhan akka deeggaramuuf leenjichi barbaachisaa ta'uu ibsuun,xiyyeeffannoon akka kennamu ibsuun leenjicha eegalchiisanii jiru.

Address

Sebeta

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromiyaa biyyaa koo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category