01/04/2025
Lubbuun qeensatti nu galte"!
18! Ni Yaaddattuu?
Yaadannoo👉🏾Bitooteessa 17-24 guyyaa seena qabeessa baga Geessan!
Waggaa Jahan dura Bitooteessa 18 Bara 2010 guyyaa akka har'aa Filannoo Dura ta'aa ADWUI gaggeessuuf hoggantoonni dhaabichaa fi Koreen Jiddu Galeessa ADWUI namoonni 180 marii obsa fixachiisaa fi muddama hamaan guutame irra turan. Ajandaan ijoon marichaas Dura ta'aa fi I/A/D/Taa'aa ADWUI filuuf ture.
Gaafa sana namoota Saditu Dura ta'aa tahuudhaaf qadhimamee ture. Isaaniis:
Abiy Ahmed Ali
Debretsion Gebremika'el
Shifarraa Shugguxee yommuu ta'an
.Debretiyoon G/Mikaa'el Sagalee 180 keessaa Sagalee 2 argatee ture.
.Abiyi Ahmed Sagalee 180 keessaa 108 argatee ture.
Shugguxee Sagalee 180 keessaa Sagalee 59 argatee ture.
Haaluma kanaan MM Ethiopia kan ammaa Dr Abiy Ahmed olaantummaan injifatanii Dura ta'aa ADWUI ta'anii filataman. gaafa Bitootessa 24/07/2010 immoo 👉🏾MMBBUtti dhihaatanii MM Ethiopia 🇪🇹 ta'anii Muudaman.
Dhugaa dubbachuudhaaf guyyaan gaafa Bitootessa 18,2010 san guyyaa addaa ture. Guyyaa gama tokkoon yaaddoo hamaa keessa turree fi guyyaa gama tokkoon immoo gammachuu addaa keessa turreedha. Hirriiba malee ta'aa bulle. TPLF gaafa san miidiyaa hunda cuftee turte. Miidiyaaleen biyya alaarra darban hundi ukkaamfamanii turan. Miidiyaan gaafa san jiru kan ummanni odeeffannoo irraa argatu miidiyaa mootummaa qofa ture. Odeeffannoo karaa argannuun dhabneeti yaaddoo hamaa keessa turre. Lubbuun qeensatti nu galte. Maaluma dhageenya dhiiroo jenneeti yaaddodhaan dhunfatamne turre.
Osuma yaaddodhaan dhunfatamnee jirruu Halkan Sa'aatii 4:45 irratti OBN Oduu Simbirtuu jedhee Oduu tokko nutti hime. Oduun Suniis Dr.Abiyi Ahmed Dura ta'aa ADWUI ta'anii filatamanii kan jettu turte. Baay'ee gammanne, alatti gadi baaneeti dhiichisuun gammachuu teenya ibsachaa turre. Halkan gaafa Bitooteessa 18,2010 san goonkuma hin irraanfannu.
🤘Maal kana qofaree Bitootessa 18,2010 Warraaksi barattootaa dhaabbi