๐‘ฏ๐’‚๐’’๐’‚ ๐‘ซ๐’–๐’ƒ๐’ƒ๐’‚๐’…๐’‰๐’–

  • Home
  • Ethiopia
  • Shashemene
  • ๐‘ฏ๐’‚๐’’๐’‚ ๐‘ซ๐’–๐’ƒ๐’ƒ๐’‚๐’…๐’‰๐’–

๐‘ฏ๐’‚๐’’๐’‚ ๐‘ซ๐’–๐’ƒ๐’ƒ๐’‚๐’…๐’‰๐’– Sammuu Dhalootaa Haala Gaariin Jiraachisuuf Toowhidaan Dhaloota Qari!

04/01/2026

Karaa bareeda deemnee nama bareeda arginee mana bareeda seenne!.

๐‘ด๐’‚๐’‚๐’ ๐‘ฑ๐’†๐’„๐’‰๐’–๐’–๐’…๐’‰๐’‚!?

๐˜’๐˜ˆ๐˜• ๐˜š๐˜ˆ๐˜Ž๐˜ˆ๐˜“๐˜Œ๐˜Œ๐˜• ๐˜˜๐˜ˆ๐˜‰๐˜•๐˜Œ!โ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป https://t.me/wolaloonaartiidhaAartiin Rasaasa kootiiKan ittiin tokkosu Aara garaa k...
26/12/2025

๐˜’๐˜ˆ๐˜• ๐˜š๐˜ˆ๐˜Ž๐˜ˆ๐˜“๐˜Œ๐˜Œ๐˜• ๐˜˜๐˜ˆ๐˜‰๐˜•๐˜Œ!
โ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป
https://t.me/wolaloonaartiidha
Aartiin Rasaasa kootii
Kan ittiin tokkosu
Aara garaa keessaa
Kan ittiin dhodhoosu.

Bookkisee dubbadhee
Wonna garaa kootii
Yoo wollaalaas ta'ee
Dabeessa miila bootii
Rasaasa koon qabadhee
Nan fakkaadha mootii
Anaaf wolaloon koo
Woraana mataa kootii.

Akka feete naan jettee
Na arrabsuu yaaddullee
Ani siif hin deebisuu
Oolee bubbulee
Wolaloo koon calalee
Adda baasee kabalee
Waan hin jirre hin dubbadhuu
Tan naaf muldhatte malee
Anaaf wolaloon rasaasaa
Kan hin qabne sagalee.

Ummanni islaamaa tokko tokko baga dhaloota kiristoosiitiin isin Gahe jedha. Jarri Ammoo Dhaabbata maqaa islaamaa Dhawate...
26/12/2025

Ummanni islaamaa tokko tokko baga dhaloota kiristoosiitiin isin Gahe jedha.

Jarri Ammoo Dhaabbata maqaa islaamaa Dhawate Woraanuun Ayyaaneffatan.

Dudu'aan Akkasii jaruma woliin osoo hirmaatee Gaariidha.

๐Œ๐š๐š๐ซ๐ซ๐ž๐ž ๐†๐š๐ฅ๐š๐š ๐Š๐š๐š๐ง๐ž๐ž!โ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธhttps://t.me/๐ฐ๐จ๐ฅ๐š๐ฅ๐จ๐จ๐ง๐š๐š๐ซ๐ญ๐ข๐ข๐๐ก๐šOl jedhee Adeemuun kooErga Baadii ta'eeNamaaf toluu...
26/12/2025

๐Œ๐š๐š๐ซ๐ซ๐ž๐ž ๐†๐š๐ฅ๐š๐š ๐Š๐š๐š๐ง๐ž๐ž!
โ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธ
https://t.me/๐ฐ๐จ๐ฅ๐š๐ฅ๐จ๐จ๐ง๐š๐š๐ซ๐ญ๐ข๐ข๐๐ก๐š
Ol jedhee Adeemuun koo
Erga Baadii ta'ee
Namaaf toluun koo
Erga gadii ta'ee
Maarree Galaa kaanee
Aduun galgalaa'ee
Gaalaanni guutee
Irraan dhangala'ee
Anis maaliif taa'aa
Nan gala ka'ee. ยฒร—โˆš

Dabuu dhabuun koo
Hiriyaa koo Aarsee
Agaree suuraa koo
Isa jibbisiisee
Suuraa kiyya jibbaa
Namooma koo dhiisee
Akkas ta'uun isaa
Ana gaddisiise. ยฒร—โˆš

Haa ta'uu akkasittuu
Ani namaa Akkamittuu
Haa jibbituu jibbituun
Eessayyuu nan fidduu
Guyyaa koo kan hafte
Jibbituun hin fixxu. ยฒร—โˆš

Jaalatamaan kamuu
Gaafa guyyaa fixe
Osoo worri booyuu
Meeqa kamtu lixe!?
Jibbamaan kumaatamni
Kan jiru meeqa namni!?
Lakkoofnee hin fixnuu
Nuuf hin beekkamu hammi. ยฒร—โˆš

Jibbaafii jaalalli
Hin dabaltuu hin hirdhiftuu
Nurraan hafu galli
Siinqii qopheeffataa
Taa'een bulu gamni. ยฒร—โˆš

Aara kokkee keessaa
Abbaa coggaarressaa
Ollaan eessaa beekaa
Keessa kokkee isaa
Gaafa inni darbuu
Ni fokkisa ajaan isaa. ยฒร—โˆš

Sanis ta'ee kana
Wonni dubbadheefi
Keessa kootti hafee
Akkan taane lafee
Daddafee barreessee
Ofirraa yoon Rafe
Boqannaa argadhaa
Yaanni narraa hafee. ยฒร—โˆš

29/09/2025

Mee caqasaa hikmaa Rabbii Subhaanalaah.

22/09/2025

๐๐š๐ซ๐š ๐๐š๐ซ๐š๐ง๐š๐š ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š.
๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ
Bara baranaa keessa barnoonni lafa guute. Gaafa durii barnoota barachuuf waan heddu godhuu barbaachisa. Barana akkasii miti. Namni bilbila ofii yoo qabaate miidiyaa mataa isaa yoo banate eenyutu jedheefii eenyutu baxxansee irraa bilbisa yoo ta'e waan dubbiin sanada hin barbaanneen waan baay'ee barataa oola.

Kanaafuu viidiyoo kana keessaa waan hedduu barattan jedhee waan yaadeef maxxanse. Achumaanuu bareedina finfinnee daawwachaa dhageeffadhaa. Irraa Fayyadamaa.

Gammachuun biyyaa Gammachuu Lammiiti.       ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ
11/09/2025

Gammachuun biyyaa Gammachuu Lammiiti.
๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ

11/09/2025

๐๐ฎ๐ญ๐ข ๐๐š๐ซ๐š ๐ค๐š๐ง ๐ฌ๐ข๐ฆ๐š๐ง๐ง๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ƒ๐ฎ'๐š๐š'๐ข๐ข ๐๐จ๐Ÿ๐š!.
ยซยซยซยซ----------ยปยปยปยซยซยซ--------------ยซยซยซยปยปยป---------------------ยปยปยปยป
Bara kan jijjiiru kaaliqa kiyya. Barri kute Baatii Kudha lama yoo qabaate Torbaanota haga ta'eefii guyyoota 365, qaba gaaffiin jiru bara haarawa hardha seene sirbaafii dhiichisa, akkasuma dalagaa hiikuun banuu osoo hin taane bara kana keessa keeyrii hagam dalage masjiida hagam ijaare rakkataa hagam Yaadaaf dunyaa gabaabduu qabuun gargaareeraa kan jedhuudha.

Ammoo barri haaraan dhufullee keeyrii meeqa narraa eega laata jennee du'aa'iin baruu turre.
Yaa Rabbi toltuu bara darbe hojjanne dachaan nuu galmeessi. Hamtuu bara san keessa hojjanne ammoo nurraa buusi. Bara kana keessa keeyrii baldhoo dalaguu nuu laaffisi. Aaaaamiin aaaaamiin aaaaamiin

๐™†๐™„๐™๐˜ผ๐˜ผ๐˜ฝ๐˜ผ๐™ ๐˜ฟ๐™ƒ๐˜ผ๐™‡๐™Š๐™Š๐™๐˜ผ ๐˜ผ๐™ˆ๐™ˆ๐˜ผ๐˜ผ!.https://t.me/wolaloonaartiidha------------------------------------------------๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“šBaga ji...
01/07/2025

๐™†๐™„๐™๐˜ผ๐˜ผ๐˜ฝ๐˜ผ๐™ ๐˜ฟ๐™ƒ๐˜ผ๐™‡๐™Š๐™Š๐™๐˜ผ ๐˜ผ๐™ˆ๐™ˆ๐˜ผ๐˜ผ!.
https://t.me/wolaloonaartiidha------------------------------------------------
๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š
Baga jiraannee
Baga jiraattanii
Kanneen lubbuudhaan
Hardha nuuf geettanii. ยฒร—โˆš

Lubbuun turree
Hardha geenne kunoo
Faaruun ka Rabbiitii
Gammadeera anuu. ยฒร—โˆš

Mata dureen hardhaa
Kitaabaaf dhalootaa
Mee koottaa ni laallaa
Hardha eentu gootaa. ยฒร—โˆš

Qaamni namaa
maaf huqqataa
Yoo biddeena dhabu
Garaan keessa seenee
Yoo duddaan wol dhahu
Beelli keeyriin qabuu
Yoo harkaan nu qabu. ยฒร—โˆš

Waan garaa hin kaafnee
Fakkeenya fudhannee
Akka dubbiin hardhaa
Nu jalaan gufanne .ยฒร—โˆš

Sooranni qaamaa nyaataa
Keessan ka furdisu
Abbatu laallataa
Ganama ciree jedhee
Guyyaa laaqaneessaa
Irbaatuma nyaataa
Gara halkan keessaa. ยฒร—โˆš

Fakkeenya nuuf ta'aa
Wonni amma kaafnee
Qaama keenya malee
Sammuun maaf
hin nyaanne. ยฒร—โˆš

Nyaanni sammuu guddaan
Quraana Rabbiiti
Inni itti aanu sunnama nabiitii
Sammuun kana dhabde
Baay'ee miidhamti. ยฒร—โˆš

Qur'aana sooradhuu
Faayidaa sammuutii
Dubbisa yoo dhabdee
Sammuun nama duutii
Tiktookiif feesbuukii
Irrumaa bookkiftii
Kitaaba dubbisii
Irbaata sammuutii. ยฒร—โˆš

Dhaloonni baranaa
Kitaabumaan oodee
Bakka manneen kitaabaa
Cufumaa baqatee
Ka qubee hin beekne
Miidiyaa banatee
Qaamaan shushubbisaa
Afaansaa cufatee
Dhaloota baranaa
Wollaalli taphateen. ยฒร—โˆš

Kitaabni hin jibbamuu
Waan cufayyuu baataa
Nama dubbisetu
Waa addaan hubataa
Fagoo sana taa'ee
Wollaala himataa
Baradhu yoo jettuun
Utaalee baqataa. ยฒร—โˆš

Qur'aanni mukaa'ee
Namoota biratti
Qabsoon gaggeeffamee
Duniyaa irratti
Addinyaan guutuun
Geemuma taphattii
Kitaabni qaqaawee
Sammuun ni dhiphattii
Ijoolleen baranaa
Ofii waa tuffattii
Maqaa namaan beektuu
Akeekkii filatti. ยฒร—โˆš

Kitaaba dubbisuun
Faayidaa baay'ataa
Akkuma dubbistuun
Sammuun sii baldhataa
Jechoota isaallee
Akkasiin hubattaa
Dubbisa kitaabaa
hardharraa fudhattaa!?. ยฒร—โˆš

Aniyyuu eegalee
Dubnisa kitaabaa
Kitaaba dubbisuun
Hayyuu woliin si dhaabaa
Mee haa hubannuu faayidaa
Kitaabaa. ยฒร—โˆš

Barruu tiyyallee
Asitti dhaabbadhaa
Kitaaba dubbisaa
Yaa dhaloota hardhaa
Dhaamsa biraan qabuu
Kanuma dhaammadhaa. ยฒร—โˆš
https://t.me/wolaloonaartiidha

Address

Shashamannee๏ฟฝ
Shashemene
20000039

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ๐‘ฏ๐’‚๐’’๐’‚ ๐‘ซ๐’–๐’ƒ๐’ƒ๐’‚๐’…๐’‰๐’– posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to ๐‘ฏ๐’‚๐’’๐’‚ ๐‘ซ๐’–๐’ƒ๐’ƒ๐’‚๐’…๐’‰๐’–:

Share

Category