Fayyinni koo dhiiga isaati"

Fayyinni koo dhiiga isaati" Fayyinni koo dhiiga isaati"

19/10/2025

Isa Nurratti Ta'eefis
Isa Nuuf Ta'eefis
Waaqayyo Sirriidha🙏

16/10/2025

:ናና ኢየሱስ ጌታዬ

02/09/2025

"Siin qabaachukootin boona siin qapheen dhufeem lafa onaa"✍️

30/08/2025

Yaa Waaqayyo ati na dursi
🙏

29/07/2025

Hafteen jaalalle keessan gahaa mitii jaalalle kan biraa dabaladhaa😁

25/07/2025

“Qorameetu gartuun dhiiga kootis ilaalamee
Kan kee ta’ee argame
Heedameetu seenaan jireenya koo barbaadamee
Galmeekee irraa waraabame
Kalqameen dhaladhee hiddi handhuura koo citee
Obdiikee keessa awwaalame
Holladheeni raafamee lafee koo waliif reeba siifi
Dirrikeesoo naaf waraaname

“Deddeebitee na haasofsiista
Haalan keessa jiru
Gaddaaf dhiphina koo hirmaatta
Isan jirma guuru
Ofiin kootin oodee yommutti
Yaadni koo na jeequ
Argeera simalee jireenyi
Dhiibamee achi hin siqu. “

Ilaal dubbii; ilaali walaloo; ilaali faarfannaa!!!

Ani utuun akka Addisuutti barreessuu danda’ee, utuun akka Addisuutti jechoota irratti humna koo mullisuu danda’ee, utuun akka Addisuutti himoota haaraa uumee uumaa jejuu danda’ee, silaa ani carra qabeessa!

Faarfachuu jechuun barsiisuu jechuu akka ta’e, faarfachuu jechuun lallabuu akka ta’eefi Waaqayyoon ol kaasanii agarsiisuu akka ta’e akkasumas walaloo jechuun ammoo himoota haaraafi yaadota haaraa uumuu akka ta’eef, fakkeenyi jalqaba faarfannoota Addisuudha. Dhimmoota amantii (hafuuraa) karaa humna qabeessaan namoota kaaniif dhugaa ba’uun cinatti, dhimmoota hawaasummaa, araaraafi amantiin utuu hin hafin kan qalbiitti nama waraabu, kennaa addaa, eebba addaatu nama kanarra jira!

Addisu Wayima ✍️

09/06/2025

namni wanta afaan isaa keessaa ba'uun wanta gaarii in quufa, wanta harka isaatiin hojjetes isumatu fudhatee gala🙏👌
Macaafa Fakkeenyaa 12:14

08/06/2025

Balbala harki WAAQAA bane harki danda’e cufu hin jiru.❤️👌

06/06/2025

"Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha" [♥️❤️)

05/06/2025

Jaalala qulqulluu aarsaa dhiigaaf lubbuun
Du,aatti of laattee naarraa fuute cubbuu!

Dhiiga kee qulqulluu nuuf jetee cobsitee
lubbuu kees dabrsste aarsa nuuf taasiste
Jirmaa jidhaa batee ijolee kee maarsi
Jiraata taasiste.
~
Fayyisaa adunyaa
Yaa uumaa hundumaa
Jaalalii nuuf qabdu
Hin madlaamu yomumaa.
~
Dhugaa irraa madda
Ilmaan kee martuu
Dhugaan si jaalanna
Faakkeessoof miti,oo
Lapheen si waamna

Yesuus ❤😍

Yesuus
Karaadha
Dhugadhaa
Jireenyaa

24/04/2025

==Namoota Jireenya barbaaddaniif‼️==
Waldaa deemuun, Amantiin akkasumas hojii qajeelaa hojjechuun jireenya namaaf hin kennu.
Jireenyi kan argamu Kara baayyee osoo hin taane Kara tokkicha qofaan.
Innis Ilma Waaqayyoo Yesuus Kiristoositti amanuu qofaanidha.
Yoh 14:6‼️
Utuu Yeroon jiruu Haa murteeffannu.
World Christian Media

Address

Badhasa
Shashemene
JESUS

Telephone

+251916003324

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fayyinni koo dhiiga isaati" posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Fayyinni koo dhiiga isaati":

Share