Dhugaan Ifa galaadha الحق واضح

Dhugaan Ifa galaadha  الحق واضح Kitaabaa Fi SUNNAA

01/04/2025

Nama isinii gadii ilaalaa qananii keessatti nama isinii olii osoo hin taane yoo san tola rabbii diqqeessuu dhiiftanii jedhe nabiyyiin saw

✍️ Ati nagayaan fincaanta! Garuu, kan tuubboo fincaanii malee hin fincaanne hedduutu jira.

✍️ Nagayaan raftee kaata! Garuu, kan kiniina hirriibaa malee hin rafneetu jira.

✍️ Nagayaan sagaraa baata! Garuu, kan qoricha malee sagaraan irraa hin baaneetu jira.

✍️ Qoricha tokko illee osoo hin fudhanne, guyyuu nagayaan jiraatta! Garuu, kan qoricha guyyaa tokko dhiise lubbuun isaa gaaga’amtu jira.

✍️ Miila keetiin bobbaatee galta! Garuu, kan namni gad baasee ol galchuutu jira.

✍️ Dubbii tokko illee osoo hin baratin, afaan keetiin dubbatti! Garuu, kan nama dubbisiise malee dubbachuu hin dandeenyeetu jira.

✍️ Harkakee ol qabdee nyaatta! Garuu, kan nama biraa malee ofii isaatiin nyaachuu hin dandeenyeetu jira.

✍️ Hammam Rabbiin nurratti tola oole lakkaawuun ni danda’amaa? Alhamdulillaah, rahmata Isaa malee jireenyi hin danda’amu!

31/03/2025

Namni Ramadaana guutuu soomee shawwaal jahan itti aansee soome
Akkan nama waggaa guutuu soomeeti✅
Nabi muhammad {ﷺ}

21/03/2025

يشرع التهجد في جميع أيام السنة. الاجتماع على صلاته بعد نصف الليل بدعة. وتخصيصه في رمضان بدعة ثانية، وتخصيصه في المسجد بدعة ثالثة⤵️

Namni saahiba bida'aa kabaje dhugaa islaamummaa diiguu irratti Isa gargaaree jiraa.❌(fudeel bin iyaad)Keessattuu warroot...
17/03/2025

Namni saahiba bida'aa kabaje dhugaa islaamummaa diiguu irratti Isa gargaaree jiraa.❌(fudeel bin iyaad)
Keessattuu warroota nashiidaa, warra manzuumaa, da'awaa isaanii
Dhageefachuu , gochuu buufachuu sagalee isaanii silkii irratti deeffachuu suuraa isaanii fayyadamuu ergaalee isaanii sher gochuu du'aa'ii isaanii aamiin jechuu, waamichaa isaanii awwaatanii ifxaara daandii irratti bahuu hiriira isaan waaman bahuu k. K. K. F martuu isaan kabajuu jedhama. isaan diqqeessuu malee isaan kabajuun nama sunnaa hordofu irraa hin eeggamu

14/03/2025

Waa Lamarraa If Qabi Rabbiin Jannata Siif Kennaa !!!
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

1: Qaama Saalaa Kee Haraamirraa Qabi
2: Arraba Kee Hamtuu Hundarraa Qabi

• Haalli Lama Mu’umina Keesaatti Walitti Hin Qabamu

1: Dooynummaa Ykn Qorqoda
2: Haala Hammaachuu

• Yeroo Lama Tan Akkaan Du’aa’iin Qeebalamtu

1: Azaanaa fii Iqaamaa Jidduu
2: Yeroo Salfii Qabsoo Keessa Jiran

• Nama Soomaneef Gammachuu Lamaatu Jira

1: Yeroo Furu
2: Gaafa Rabbii Isaa Qunnamu

• Waan Kheeyrii Nuuf Qabdu Hunda Rabbi Nuuf Haa Kennu.

Barreeffama Kana Dubbisaa Godhaa.

04/03/2025

Amalootni' ikwaaniin Hawaasa Muslimaa jalatti maxxanuudhaan jallisuu fii saamtuun keessaa inni tokko sagalee guddistuudhaan itti iyyuudha❌ inni tokko ammoo sirba hammayyaa kan nashiidaa jedhamuun sammuu isaanii hatuudha❌ inni tokko ammoo Namoota fakkeessuudhaan kijibanii Hawaasa gowwoomsuu danda'an Hawaasatti bobbaasuudha❌ inni tokko Abalu Ulamaa'a, sheekha, beekaadha, hayyuudha, goota keenya jechuudhaan wallaaltota dhimma garaa guuttachuu qofaaf iyyaniin Hawaasa sobuudha❌akka kanaan matootiin ikwaanii osoo hin hojjatin bizinasa sobaa qofaan Gamoowwanii fi konkolaatota hedduu horataniiru❌Rabbi Hawaasa Muslimaatiif haa tumsu 🤲 Ulamaa'ota Salafiyyaa nuuf haa heddummeessu 🤲 diinota Muslimaa haa balleessu!

01/03/2025

Dubartiin🧕 'aana dhegeeffataa
manatti waa dalagdu mindaa lama qabdi mindaa manatti waa dalaguu fi Qur'aanaa dhageefachuuti

__shek saalihalfowzaan.

28/02/2025

hirriba keessa jiru abjuu hirriba keessaa argaa ture yoo dammaqe yaadata _addunyaa irraa jiru waan yeroo addunyaa jiru balleesse guyyaa deeme yaadata 😭

27/02/2025

{شَهْرُ رَمَضَانَ الَّذِي أُنْزِلَ فِيهِ الْقُرْآنُ هُدًى
لِلنَّاسِ وَبَيِّنَاتٍ مِنَ الْهُدَى وَالْفُرْقَانِ}
[البقرة: 185].

Address

Baatuu
Batu

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dhugaan Ifa galaadha الحق واضح posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category