Lubuun gaafa dhalatee duutee

Lubuun gaafa dhalatee duutee yomiyu uf warreynaa

04/03/2022
11/10/2021

Oromoo Lij

09/09/2021

Waardiyyoota eenyummaa, Ilmaan Abbaa Gadaa
Calaqqee Oromummaa, Tiksitoonni Aadaa

Xiqqaaf guddaa marti, Hundumti keessani
Baga jiraattanii, Birraa bara kanaa geessani

Eegduu mirga uumama maraa
Tiksituu mooraa galmaa fi karaa
Utubaa eenyummaa sabboontotaa
Gadaa gaaddisa Oromootaa

Gadaadhaaf bitamna, Duudhaa saba guddaa
Bakkalcha Kuushotaa, Kuusaa seera hundaa

Isatu nu ibsa, Isatu nuuf qoricha
Aadaa keenyan boonna, Ilmaan Oromtichaa

Ormi nu balleessuuf, Seenaa keenya yakka
Garuu nun sochoosu, Nun warraaqsu bakkaa

Hammam lallabaniyyuu, Barii guyyaaf halkan
Dagaagina malee, Baduu keenya hin argan

Yoomuu nun bittimsan, Dhaloota itichina
Utuuma nu ciranuu, Damee biqilchina

Kan ormaa hin lallabnu, Seenaa keenya ol keenya
Aadaa badde deeffanna, Galma tokko teenya

Safuun haa jiraatu, Duudhaan haa lalisu
Dhaloonni of haa beeku, Milkii haa farrisu

Hayyuun haa raagu, Seenaan haa dubbatu
Sobni haa dhidhimu, Dhugaan haa mul'atu

Caffee kan abbaa dirree, Malkaan kan abbaa horee
Oromoo haa dubbatu, Tulluu dhugaa koree

Hawwii fi galmi koo, Kan onneen koo fedhu
Yoomiyyuu taanaan, Oromoon ol haa jedhu!

Address

Yes Yes
Ahmedabad

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Lubuun gaafa dhalatee duutee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share