05/06/2026
Teknolojii geejiba elektirikii
*********
Gaazexaa Bariisaa
Addunyaa si’anaa keessatti waantota teknolojii daran filatamaa taasisan keessaa inni ijoon tajaajila tokkoon faayidaalee hedduu kennuusaati. Teknolojiin yeroo qusachuu, dadhabbii hir’isuu, tajaajila guddisuu, qulqullina dabaluufi kkf keessatti gaheen yeroo ammaa bahachaa jiru laayyoo miti.
Akkasuma dameedhaan qoqqoodamee yoo ilaalamu jaarraa ammaa kanatti teknolojiin dameewwan hunda keessa seenuudhaan tajaajiloota garagaraa kennuurratti kan argamu yoo ta’u; damee geejjibaatiinis konkolaataawwan ammayyaa’oon uumamuu, geejiba elektirikii babal’isuu, sirnoota qajeelcha daandii hogganu (GPS) fayyadamuun imalli saffisa, nagaqabeessaafi salphataa akka ta’uuf shoora mataasaa bahachuurratti argama.
Kana qofa osoo hintaane teknolojiin kun faalama qilleensaa hambisuu, baasii boba’aa hir’isuu, faalama sagalee hir’isuu, hirkattummaa boba’aa hir’isuu, ammayyummaa gahaa qabaachuufi faayidaalee birootiin fooyya’iinsaafi bu’aqabeessa.
Biyyi keenya Itoophiyaanis ce’umsa gara madda anniisaa haaromfamaatti taasisaa jirtuun biyya adda durummaan eeramtu ta’uun yeroo ammaatti konkolaataawwan boba’aa fayyadaman hir’isuun kanneen anniisaa elektirikii fayyadaman bakka buusuurratti xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjechaa jirti.
Geejibni elektirikii sirna geejibaa anniisaa elektirikii fayyadamuun hojjetuudha. Yeroo ammaa addunyaan rakkoo jijjiirama qilleensaa, faalama sagaleefi boba’aa argachuun bu’aa bahii hedduu ittigaafatuufi gatiinisaa daran dabalaa jiru furuuf teknolojii geejjiba elektirikaatti bal’inaan ce’aa jirti.
Konkolaataan, baaskiliitiin, mootorrifi hojiiwwan geejjibaa biroon humna elektirikaa fayyadamuun hojjetan keessaa geejjibni elektirikaa isa guddaadha. Sirni kun boba’aa akka beenziiniifi diizeeliirratti hirkachuu hir’isuun fayyadamummaa guddaa qaba.
Guddinniifi achiidhufteen geejiba elektirikii seenaa dheeraa qaba.
Konkolaataan elektirikii inni jalqabaa jaarraa 19ffaa keessa yaalamee ture. Haa ta’u malee yeroo sana teknolojiin baatirii dadhabaa waan tureefi boba’aa salphaatti argachuun waan danda’amuuf xiyyeeffannoo olaanaa argatee babal’achuu hindandeenye.
Amma garuu guddina baatirii, elektirooniksiifi sirna kuusaa anniisaatiin konkolaataan elektirikii konkolaataa boba’aa waliin dorgommii cimaatti seeneera. Fudhatama olaanaas argachaa dhufeera.
Qaamni ijoo geejiba elektirikii baatiriidha. Baatiriin humna elektirikii kuusuufi yeroo barbaachisu gadilakkisuun motora sochoosa. Motorri elektirikii humna sana gara sochii makaanikaatti jijjiiruun konkolaataa ykn meeshaa geejjibaa sochoosa.
Sirni kun yeroo baay’ee motora boba’aarra daran salphaafi bu’aqabeessadha. Akkasumas qaamolee socho’an muraasa waan qabuuf suphaansaas salphaadha.
Faayidaa geejiba elektirikii keessaa inni guddaan eegumsa naannoorratti shoora olaanaa qabaachuusaati. Konkolaataan elektirikaa yeroo socho’u ykn imalu gaazii kaarboonii qilleensa faaluu danda’u hinmaddisiisu.
Dajanee Bulchaatiin
Guutummaasaa argachuuf liinkii saanduqa yaadaa keessaa fayyadamaa