08/01/2026
Seenaan arraan tana Doktor Amiin Qaadiri irraa dhagahe tanaan isiniif qooda..!
Guyyaa Tokko magalaa Kaliforniyaa keessatti eega salaata Magribaa xumurree salaamata baafannee Imaamni nurratti gaggara galee teenye zikrii Salaata boodaa jachutti jirruu..gurbaan gurraachi —kan kaniin saniin dira masjiida keenya keessatti takkaa argee hin beekne tokko ol ka'e.
Eeyyama gaafachuun maletti, maayikroofoona harka isaatiin fudhatee gara jamaa'aa salaate sanitti garagalee, sagalee isaa ol fudhee:
'Assalaamu Alaykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh, Bismillaahir Rahmaanir Rahiim…'
ja'ee Suuraa Faatihaa Aayata Aayataan qara'uu eegale.
Garuu oggaa qara’u qaraati caccabsee walitti xaxuu ture.
Osoo namni dhaggeeffatu achiin duratti Suuraa Faatihaa beeku baatani huma Takka haasawa isaa irraa hin hubatan.!
Akkuma qara'ee xumureen, maayikroofoona dhaamsee gara moggaa masjiidaatti achi qajeele. Raka'aa lama Sunnaa salaatee, tasgabbii guutuun suuta ja'ee masjiida gad ba'e.
Aniis ajaa’ibsiifachaa sammuu tiyya keessatti maaltu mucaa dardara kana waan hojjate kana akka hojjatuuf isa kakaase: Sagalee bareedaa hin qabu, dubbii qulqulluu hin haasawne, tajwiidii fi tartiila Qur’aanaatiis hin beeku... Maaliif akkana godhe?
Akkumaan isa dhaqqabeen: 'Obboleessa kiyya, maaliif waan kana goote?' ja'een gaafadhe.
Inniis narratti as garagale:
'Ani weellisaa Rappii beekamaa "Loon" ja'amuudha.
Islamummaa qeebalee guyyaa lama qofa. Maqaa kiyyaas gara (Junaid) tti jijjiiradheetiin jira.
Gaafaan waa'ee Islaamummaa dubbisuu hadiisa bareedaa tokkon arge.
Hadiisa saniitu akkaan ka'ee gorsa san isin yaadachiisu na godhe.
Aniis gaafadheetiin: 'Hadiisni san maal ja’a ? Ja’en’
Innis deebise: 'Hadiisa Ergamaa Rabbii (ﷺ) kan:
"Aayaa tokkollee yoo ta'e ,Ergaa narraa dabarsaa..." ja'udha.
Ani ammoo aayata torba (Suuraa Faatihaa) qofan baradhe, akkasitti isinitti dabarse!' Naan ja’e.
Har'a Junaidi daa'ii gara amantii Islaamatti namoota yaamu ta'eeti jira; harka isaa irratti namoonni Ameerikaa hedduun Islaamummaa