08/22/2022
Simboo keessan ilaalee
Meeqaatu isin hawwaa
Hundumaa loltanii
Nurraa cuftan qaawwaa
Meeqaatu mana taa'ee
Osoo jechaa Oolaa
Jabaa ka jaajjabee ko
Isinitu diina qolaa
Otuun ta'ee turee
Xiyyitii jajjabee
Uruun waliin deemee
Gaduma of qabee
Otuun ta'ee turee
Qawwee isaa sana
Onoo silaa yoona
Yooman taa'a mana
Meeqaatu tilmaama
Shurrubbaa kee ta'uu
Onneef kutannaan qabu
Silaa manaa hin ba'u!