FIRII AYAA

FIRII AYAA sagantaa bashanansiisoo

Daandiin jireenyaaGufuudhaan guutameeMiilli deemsaf baheGaaf haalan danqameGammachuun fagaateeGaddi nama marsaUumamni hu...
10/03/2026

Daandiin jireenyaa
Gufuudhaan guutamee
Miilli deemsaf bahe
Gaaf haalan danqame

Gammachuun fagaatee
Gaddi nama marsa
Uumamni hundinuu
Dhukkubbii baay'isa!

Page keenya & godhaa

Misaa'ela Iraan gudicha Fageenya dheraa imaluun US Rukutuuf hojjatame Amerikaa yaaddoo Keessa Galche!Maasha Allah jedhi?...
10/03/2026

Misaa'ela Iraan gudicha Fageenya dheraa imaluun US Rukutuuf hojjatame Amerikaa yaaddoo Keessa Galche!Maasha Allah jedhi?
FIRII AYAA

Ayyotola Ali Khamenei, mallattoo cichoominna ! Ayyotola Ali Khamenei, a symbol of resilience!Warra isa gadi buusuuf yaal...
03/03/2026

Ayyotola Ali Khamenei, mallattoo cichoominna !
Ayyotola Ali Khamenei, a symbol of resilience!

Warra isa gadi buusuuf yaalaniif harka kennatee hin beeku. barootaf falmii hadhaawa sodaa tokko malee gegeesse Kabajaan du'e, sanuu du’a kabajaa …. seenaanis bara baraan isa yaadata. qabsoon issa kun yoomiyyuu Warra abbootii irreettif sodaatani kabajaaf birmadumaa biyya isaani dabarsanii abbootii irreettif jilbeenfataniif barumsa kenne darbe .

Dhugaa kee irratti jabaadhu ,humni dhugaa gonkumaa harka kennachuu keessatti hin argamu, garuu falmii dhugaa bara baraan jiraatudha.

Ayyotola Ali Khamenei, a symbol of resilience! He never surrendered to those who tried to bring him down. He died with pride, and history will remember him. You gave a lesson to those who bowed down to dictators .

Stand firm in your truth—

01/03/2026

BREAKING SAD NEWS
**********************
Miidiyaalee gurguddoo biyyattiitiin wareegamuun ALII KHAMENII TOLAA beekkamee jira.

Aqiidaan adda taanuus warra Muslima malee Firqaa teenya hin beeyneef hedduu deebisaa kenne. Ani Aqiidaa isaa hin jaaladhu. Garuu tarkaanfiin inni xilaata Islaamaa irratti fudhate hedduu nagammachiise.

Maqaa fi Ilmoolee Bineensotaa*********************************1) Harree___bukurii2) Qamalee___ canoo3) Farda___ ciloo ( ...
23/02/2026

Maqaa fi Ilmoolee Bineensotaa
*********************************
1) Harree___bukurii
2) Qamalee___ canoo
3) Farda___ ciloo ( Darmii )
4) Kuruphee___sophoo
5) Xaddee___ xubii
6) Bofa ____ qoqalaa
7) Weenni___ wullee
8) Buutii ___ Lootii
9) Re'ee ___ maqasha
10) Hoolaa___ bukkuula
11) Aduree___ bashoo
12) Huummoo___ cuucii
13) Lukkuu___ hucoo
14) Sa'a___ waati
15) Gadamsa___ gudalaa
16) Saree___ buchila, xuuxilla
17) Kannisa___ barrisaa
18) Hantuta___ajjoo
19) Jawwee___ lootii
20) Raacha____ callee
21) Sololiyaa ____ cuucii
22) Sardiidoo____xulubaa
23) Bosonuu____simboo
24) Illeetii____buchilaa
25) Roobii____heegira
26) Guchi____ruboo
27) Sattawaa____bochoola
28) Qocaa____cuucii
29) Leenca____kubalee
30)Qerransa___linchii
31) Arba____dhoblee
32) Gafarsa____serro
32) Gaala____nyarqoo
34) Jalddeessa___cakkee
35) Simbirroo____cuucii
36) Gogorii____cuucii
37) Booyyee___qoqalee
Oromoo haa guddifnuu. Erga dubbistee Hiriyoota keef raabsi galatooma.!
Page keenya kanaas godhaa

Dubartiin harki caalu rakkina keessatti si wajjiin obsuu irratti jabduu miti, si dhiistee gara biraa deemuu wayyaaf. ✅Ku...
22/02/2026

Dubartiin harki caalu rakkina keessatti si wajjiin obsuu irratti jabduu miti, si dhiistee gara biraa deemuu wayyaaf.

Kuftuus, kaatuus an si dhiisee hin deemu, jabaadhu as keessaa inuma baanaa" yoo siin jatte waa hunda dhabii isii qabadhu.❤️

1. Maartiin Luuter Kiing: Dukkanni dukkana hin balleessu, ifa qofatu balleessuu danda’a. Jibbi jibba hin balleessu, jaal...
21/11/2025

1. Maartiin Luuter Kiing: Dukkanni dukkana hin balleessu, ifa qofatu balleessuu danda’a. Jibbi jibba hin balleessu, jaalala qofaatu balleessuu danda’a.

–Humni guddaan diina ofii ofitti firoomfachuu nama dandeessisu jaalaladha.

–Jaalalatti qabamee jiraachuuf murteesseen jira. Jibbi ba’aa ulfaataadha.

2. Maahatama Gaandii: Yeroo hundumaa yaada, dubbii fi hojii kee guutummaatti tokko gochuu yaali. Yeroo hundumaa yaadota kee qulqulleessi, inni kaan hundinuu gaarii ta’uuf jiraa.

–Gammachuun, yeroo wanti ati yaaddu, dubbattuu fi hojjetu tokko ta’udha.

–Cubbuu jibbi, cubbamaa garuu jaalladhu.

–Eenyummaa koo guutummaatti ibsachuuf bilisummaa na barbaachisa.

–Namni dadhabaan dhiifama gochuu hin danda’u.Kan dhiifama godhu haala nama jabaadha.

–Qooda ijaa iji haa ba’u kan jedhu, guutummaa addunyaa jaamaa godha.

3. Abrahaam Liinken: Dhuma irratti kan siif lakkaa’amu waggoota jireenya kee keessa jiran miti. Jireenya waggoota kee keessa jirudha!

–Abjuun koo, Amerikaan abdii adduunyaa kanaa yeroo taatu arguudha. Miilli kee bakka sirrii dhaabbchuusaa mirkaneeffadhu, isa booda qajeelii dhaabadhu.

–Muka kana akkan muru sa’atii ja’a yoo naa kennitan, jahan keessaa sa’atii afran qottoo koo qarachuudhaanan dabarsa.

–Kan na yaaddessu Waaqayyo nu cina dhaabachuu isaa miti; guddaa kan na yaachisu nuti toora Waaqayyoo irra dhaabachuu keenyadha, Waaqayyo yeroo hundumaa sirriidha waan ta’eef.

–Tooftaan cimaa diina ofii itti balleessan, fira ofii godhachuudhaani.

–Yeroo murtaa’eef namoota hundumaa ykn namoota muraasa gowwomsuu dandeessa ta’a, garuu yeroo hundumaa gowwomsuu hin dandeessu.

–Abbaan abbaa kootii eenyuyyuu yoo ta’e dhimma koo miti. Kan na yaachisu ilmi ilma isaa eenyu ta’uuf akka jirudha.
4. Maazer Tereezaa: Waaqayyo akka milkoofnu nurraa hin eegu, akka nuti milkaa’uu yaallu qofa nurraa eega.

–Namoota dhibba tokko nyaachisuu yoo dadhabde, nama tokko nyaachisi.
(waanan dubbise irraa)
© Waan dubbistaniifi Beektan Hiriyootan keessaniif Sharee Godhaa.
Galatoomaa!

LAKKOFSA FEETE FILADHU NA DAMARAMI
18/11/2025

LAKKOFSA FEETE FILADHU NA DAMARAMI

16/11/2025

Address

Johannesburg

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when FIRII AYAA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category