08/05/2023
Sin jaalladha sin jibbu,
Maaliif na gattee deemta
Na mararta yaa lubbu,
Atumtiyyuu na beekta
Walii wajjin guddannee,
Wal beekna daa'immummaa
Akkamittiin na ganta,
Wal buusuun salphaadhumaa
Wal jaallachuun kan uumaa
Kan rabbi nu badhaase,
Jaalaalli cubbuu hin qabu
Jibbatu nu facaase