17/11/2025
Deeggarsa Namoomaa Birmadummaa,
Kabajaa fi Bilisummaa Keenyaaf!
________
Waajjirri Dhimma Dubartiif daa'imman Godina Harargee Bahaa Ayyaana Ribaanii adii sababeeffachuun Tibbana Harargee Bahaa Aanaa Qarsaatti Daa'ima darbame argitee harma hoosisuun lubbuu tan baraarte Sjn Naa'imaa Jamaaliif bakka bulchaan Godinichaa Aadde Miski Mohammed argamanitti Badhaasa beekkamtii kannaniiru.Miseensi Poolisii hawaasa jaalalaafi kabaja uummata ofiif qaban agarsiisuu cinaatti, aadaafi duudhaa wal bira dhaabachuu,wal gargaaruufi waliif yaaduu uummatichaa akka dagaaguu fakkeenyaa addaa hojjataniiru.
Waltumsuun Duudhaa Ganamaa Uummata Keenyaati!