Ahmed jamal badhaadhina

Ahmed jamal badhaadhina Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Ahmed jamal badhaadhina, Organic Grocery Store, Oromia, Melbourne.

26/09/2025
14/09/2025
11/09/2025

Ummata Oromoo akkasumas ummata biyya keenyaa maraan, baga bacaqii gannaa baatanii booqaa birraa milkaa'ina Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaatiin simatametti ceetan yoon jedhu gammachuu guddaa waliini.

Mootummaan Jijjiiramaa Looreta Nagaa Addunyaa, Ministira Muummee keenya Abiyyi Ahimadiin (PhD) gaggeeffamu, waggoottan darban, cabiinsa garaagaraa sirnoota darbanirraa dhaalaman akkasumas, qormaatilee humnoota jijjiiramicha xobbeetti hambisuuf wixxinfataniin umaman keessaa ummataafi biyya keenya bayyanachiisuuf sochii addaa taasiseera. Gama birootiin olka'iinsafi kabaja maluuf goonfachiisuuf hojiilee milkaa'oo hedduu raawwateera.

Sochii lakkuun kun, gama misooma qonnaa, omishaalee al-ergii, Ashaaraa Magariisaa, misooma kooriidarii, turizimii, dijiitaalomsuufi bulchiinsafi goolabbii pirojektootatiin injifannoowwan gurguddoo nugoonfachiisera. Gama dippiloomaasitiin milkaa'inooa seena qabeessa hedduu galmeessisaa tureera.

Birraan baranaa, barii injifannoo guddicha bara keenyaa, bu'aa cichoominaa, ogummaa hoggansaafi irree tokkummaa ummata keenyaa kan ta'e, Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa (GERD), xumuruun abdiirraa gara ifa qabatamaatti itti ceene ta'uun, gammachuu keenya dachaa kan taasisudha. Pirojektiin kun, dheebuu walakkaa jaarraa tokkoo oliif biyyi keenya qabaachaa turte hawwiirraa gara humna ji'oopolitikaa qabatamaatti kan ceesisedha. Injifannoo olaanaa kanaaf, fuula hoggansa tarsiima'aa dhaloota kanaa kan ta'an, Looreta Nagaa Addunyaa Ministira Muummee keenya Abiyyi Ahimad (PhD), ummata Oromoo, ummata Itoophiyaa, hojjettoota hirmaataniifi qooda fudhattoota mara galateeffachuun barbaada.

Akka Naannoo Oromiyaattis, barri 2017 har'a gaggeessinu, bara injifannoowwan gurguddoo itti goonfanne, akkasumas bara murtoowwan seena qabeeyyii itti dabarsineedha. Isaan ijoo yookaafne, bara "mootummaa gandaa/araddaa", gama hundaan aangoome, wiirtuu xiyyeeffannoo hoggansaafi caasaa mootummaa sadarkaan jiranii ta'e gurmeessuun, murtee seena qabeessa itti dabarsineefi hojiirra itti oolchinedha. Gama birootiin, bara yaaliifi cichoomina hedduu booda, Waraana Bilisummaa Oromoo waliin waliigaltee NAGAA murtoo gootummaa gaafatu itti taasifnedha. Kanaanis, gama tokkoon gaaga'amaafi gadadoo ummata keenyarra gahu hirdhisuufi Oromoo gidduutti nageenyi akka bu'u karaa saaquu dandeenyerra. Akkasumas rakkoon keessoo Oromoo akka duudhaa sirna Gadaatti,
mariifi marabbaan akka furamu nagaaf harka diriirsuun kutannoo qabnu bara itti mirkaneessinedha.

Dabalataanis, barri kun bara inisheetivoonni gama hundaan eegalle itti babaldhatan, qulqullinaafi oomishtummaa mirkaneessutti ce'uun, caalmaatti bu'aa itti argamsiisan, haalli mijataa qusannaa, liqiifi invastimantii qoteefi horsiisee bulaa akkasumas intarpiraayizootaaf umame bu'aa abdachiisaa itti argamsiisefi haaromsi aadaa Oromoo itti labsame ture.

Walumaagalatti, bara galmoota gurguddoo Mootummaa Jijjiiramaa Naannoo keenyaa sadeen: dhaloota saayinsiifi teknoolojiin dorgomaa ta'e horachuu, dinagdee ummataa cimaa umuufi sirna cimaa ijaaruu - irratti bu'uura baldhaa itti keenyedha.

Haata'uu malee, injifannoowwan kunniin, guutummaa galmoota qabsoo Oromoo waliin walbiratti yoo madaalaman, deemsa qususaa kan caaluu miti. Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo keenyaa, dhugaa kana hubachuun, bara haaraa 2018'titti, ummata, hoggansaafi caasaa sadarkaan jiran daangadhaa hanga daangatti, akkasumas walhubannaa cimaafi miira haaromeen sochoosee, furguuga umuuf kan murteesse waan ta'eef, milkaa'ina isaatiif xiiqiifi anniisaa haaraa horachuun akka ofqopheessinu imaanaa jechuun barbaada.

Bu'uuruma kaanaan, mootummaan keenya, bara haaraa kana kan simatu, ciminoota bara darbee caalaatti cimsuufi hanqinoota turan maqsuun, hojiilee misoomaafi inisheetivootaa qulqullina, ariitiifi yeroo qabamanitti, qixa karoorfamaniin raawwachuuf qophii ta'eeti. Akkasumas, rakkoolee kenna tajaajilaa, hirmaachisummaafi murteessummaa hawaasaa, baadiyyaatti mootummaa gandaa hundeessun hundeerraa furuu jalqabe, bara kanas cimsee kan ittifufu ta'a. Dabalataanis, magaalotatti Wiirtuulee "Tajaajilaa Tokkoffaa" guyyaa har'aa eebbifamaa jiran hojii keessa galchuufi babaldhisuun, komii ummataafi gufuu misoomaa gama kanaan jiran hambisuuf sochii tarsiima'aa kan itti taasisudha. Gama birootiin, rakkoo nageenyaafi gaagga'ama ummata keenyaa ittisuu, darbees hambisuuf, garaagarummaa jiru marii nagaatiin furuuf, jalqabbii jiru cimsee kan ittifufu ta'a.

Bara haaraa kanatti, imala nageenya Oromiyaa waaraawaa taasisuuf eegalame milkeessuuf, murnoota hidhannoo bosonatti hafaniif, Mootummaan Naannoo Oromiyaa harka nagaaf diriirse kan hindachaafne ta'uu carraa kanaan mirkaneessaa, garaagarummaa jiru marii nagaatiin furree boqonnaa gadadoo ummata keenyaatti dhuma akka goonu maqaa kiyya, maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi maqaa ummata Oromootiin waamicha nagaafi marii dhiyeessun barbaada.

Dhumarrattis, mootummaan keenya bara haaraatti, nageenya naannoo keenyaa waaressuu, misoomafi inisheetivoota hojiirra jiraniifi haaraa qabaman ariifachiisuun, ce'uumsa hawaas-dinagdeefi siyaasaa eegalaman irree tokkoomeen kan finiinsu ta'uu ummata keenyaaf mirkaneessaa, irradeebiin baga bacaqii gannaa ofkoltanii, booqaa birraa argitan jechuun barbaada.

Gadaan Quufaa gabbina!
Barri Roobaa Nagaya!

25/08/2025

t.me/Ahmedjemalbadhaadhinaa

23/08/2025
Mariin biyyaalessaa rakkoo siyaasaa Itiyoophiyaa furuuf furmaata isa xumuraati- HayyootaFinfinnee, Hagayya 14, 2017(FMC)...
21/08/2025

Mariin biyyaalessaa rakkoo siyaasaa Itiyoophiyaa furuuf furmaata isa xumuraati- Hayyoota

Finfinnee, Hagayya 14, 2017(FMC)- Mariin biyyaalessaa rakkoo siyaasaa Itiyoophiyaa furuuf furmaata isa xumuraati jedhan Hayyoonni

Yeroo garaagaraatti rakkoo siyaasaa biyyattii furuuf tooftaaleen garaagaraa yaalamaniiru kan jedhan hayyoonni kunneen, haa ta’u malee bu’aa qabatamaan osoo hin argamiin hafuu ibsaniiru

Rakkoo siyaasaa biyyattii baroota lakkoofsise kana furuuf mariin biyyaalessaa furmaata isa xumuraati jedhan Yuuniivarsiitii Siiviil Sarvisii Itiyoophiyaatti hayyuun Nageenyaafi Bulchiinsaa Dooktar Margituu Dabalaa

Mariin Biyyaalessaa karaa diimookiraatawaa ta’een hirmaachisummaan isaa kan mirkanaa’e ta’uu kaasanii, qaamoleen ajandaalee garaagaraa qabanis gara mareetti fiduun barbaachisaadha jedhan.

Waldaa Abukaatoo Oromiyaatti Ogeessa Seeraa kan ta’an Dooktar Fiixumaa Toleeraa gama isaaniin, mariin biyyaalessaa gaaddisa dhibdeewwan siyaasaa biyyattii itti furamuu danda’an akka ta’e himan.

Abbaan rakkoo furamuun qaba jedhu gaaddisa kana jalatti dhimma isaa dhiyeeffachuun yaada biyya fayyadu irratti waliigaluun barbaachisaa akka ta’e eeraniiru.

Biyyi yoo jiraatte namni jiraata kan jedhan Dooktar Fiixumaan, hundi dhimma biyyaaf dursa kennuun barbaachisaa ta'uus ibsan.

Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Aadde Beetel Malkaamuu ammoo gama isaaniin, seenaa biyyattii keessatti waldhabdeewwan siyaasaa humnaan furuuf yaalamaa akka ture kaasanii, yeroo ammaa biyyattiin yeroo jalqabaaf rakkoolee siyaasaa furuuf marii biyyaalessaa eegaluun kan jajjabeeffamuu ta’uu ibsaniiru.

Inistiitiyuutii Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti Leenjisaa Seeraa kan ta’an Shaambal Hordofaan, waldhabdeen siyaasaa rakkoo yeroo dheeraa biyyattii ta’uu yaadachiisuun, humnoonni siyaasaa karaa ilaa fi ilaameen dhimma isaanii hiikkachuu qabu jedhan.

Adeemsa marii biyyaalessaa eegalame kana milkeessuuf lammiin hundi barbaachisummaa isaa hubachuun qooda isaa bahachuu akka qabu hayyoonni kunn

Address

Oromia
Melbourne, VIC
123

Telephone

+251936000246

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ahmed jamal badhaadhina posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ahmed jamal badhaadhina:

Share