Haqa Haqaaqame

Haqa Haqaaqame Wangeelli keenya mo'aadha Who am I

Biyyi kun Garamitti deemaa jirti jettanii ijoo?Qondaaltota WBO Mootummaa waliin waliigaltee nagaa mallatteessaniif muuda...
21/02/2025

Biyyi kun Garamitti deemaa jirti jettanii ijoo?

Qondaaltota WBO Mootummaa waliin waliigaltee nagaa mallatteessaniif muudamanii kenname.

Qubee TV (Gurraandhala 21, 2025) Finfinnee!
Qondaaltota WBO Mootummaa waliin waliigaltee nagaa mallatteessan Jaal Sanyii Nagaasaa (Obbo Yaadasaa Nagaasaa) dabalatee kanneen biroof muudamanii kenname.

Nageenya waaraa Oromiyaa keessatti mirkaneessuuf akkasumas garaagarummaa ejjennoo siyaasaa afaan Qawweetiin osoo hin taane mariifi walhubannaadhaan furuun akka danda’amu waliigaltee MNO'fi Qondaaltoota WBO gidduutti taasifameen injifannoon hin haalamne galmaa’e jira jechuun biiroon paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa muudama kana beeksise jira.

Itti dabaluunis biirichi Waliigalteen mallattaa’ees qabatamaan hojiitti hiikamaa jira. Adeemsi jalqabame kun akka biyyaa fi naannoo keenyatti ijaarsa nageenyaa jalqabame fulla’iinsaan mirkaneessuufi aadaa dimokraasiifi siyaasaa nuqoraa jiru jijjiiruu keessatti tarkaanfii fakkeenyummaa qabuudha jedhe.

Kanuma bu’uura godhachuun
1. Obbo Yaadasaa Nagaasaa Sad. Hog. Biirootti gorsaa nageenyaa Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

2. Obbo Oromiyaa Rabbumaa Tasammaa Hog.I/A Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa

3. Obbo Toleeraa Raggaasaa Hogganaa I/A Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa ta’uudhaan muudamaniiru

Kutaa ²ffaa seènichaa!!2 #. Bara 2014 Ji'a Adoolessaa keessa Oromoota Guttinirra jiran harka Finxaaleyyii jalaa baraaruu...
13/01/2025

Kutaa ²ffaa seènichaa!!
2 #. Bara 2014 Ji'a Adoolessaa keessa Oromoota Guttinirra jiran harka Finxaaleyyii jalaa baraaruuf Gimbiirraa karaa maarache wadaboo warra imalan keessa tokko ture. Balootti ce'uuf gaafa jedhan Galaana ce'uun dirqama waan tureef halkan keessaa naannoo saa'atii 6tti Galaanatti seenan. Ji'a adoolessaatti galaannii dhidheessaa markabayyuu waan liqimsu fakkaata; Booruu bildiiga ta'ee asiif achi danbali'ee yaa'a; eenyuu dhiirri natti seentu waan jedhu fakkaata. Jaallan onneen barbadaa falmattuu xurree haqaa garuu sodaan duuba deebisee hin beeku. Halkanuma sana saba isaanii qaqqabachuun dirqama waan itti ta'uuf gaalaanatti seenan. Walakkaa galaanaa isaanumaaa ga'an garuu, dubbiin gara itti goraa isaan wallaalchiftu qaama wal ijaaree taa'e 3rraa irratti boba'e. Innis Finxaaleyyii Faannoo , Gumuzii fi waraana Impaayera kanaarraa ture. Kunis booda isaan deebisuu hin dandeenye; jaallan muraasi wareegamanis kaan immoo galaana dhidheessaaf galaa taa'aniiru. Ayi halkan gaafasii!!! Muraasni gaalaana daakuun booda deebi'anii diina da'oo qabatte haleeluun daandii yoo bansiisan, kaan isaaniimmoo gamatti ce'uun harcaa diinaa bokossan. Wal eeganiis Baloo keessa qaxxaamuruun Guttinitti imalan. Achi ga'uun diina sabarraa erga deebisaaniin booda, gara Horro guduru wallaggaa Jaartee Jaardagaatti imalan. Gaafa Finxaaleyyiin achi rukutte jaallan deebii quubsaa finxaaleyyiif Kennan keessaa Wabiin nama tokko. Lolicharrattis rasaasa finxaaleyyiin miilli isaa tokko madaa'uun mudannoo isaa 2ffaa ture.

3. Bara 2017 Hoogganaa isaanii kan ta'e Shurrubbeen Dirreerratti isaaan dhiisee galuun mudannoo isaanii ta'us godaannisa ta'ee kan itti hin mul'anne Birgeedii bakakkaa waliin Ciccoominaan qabsoo finiinsuu eegale. Haa ta'uyyuu malee bara qabsoo isaa waggaa 7 ffaatti ji'a Amajjii bara 2017 Zoonii giddu galeessaa keessatti lubbuusaa qaalii laate. Guyyaa gaafa 3/5/2017 rukutamus madoon buluun baruu gaafa 4/5/ 2017 lubbuun isaa gara Uumaa deemte.

  Wabii (Lataa Wandimmuu Goobanaa)Godiina lixa waggaa aanaa Gimbii baha Magaalaa gimbiitti kan argamtu, iddoo addaa Daal...
13/01/2025

Wabii (Lataa Wandimmuu Goobanaa)
Godiina lixa waggaa aanaa Gimbii baha Magaalaa gimbiitti kan argamtu, iddoo addaa Daaloo gelel jedhamtutti dhalannee waliin guddanne! Bara 1999 mana barumsaa Guddattuu Naannoo gelelitti kutaa 1ffaa waliin seenne! Teessuma tokko gubbaa teenyee qorumsa kutaa 8ffaa bara 2006 waliin qoramnus 9-10 mana barnootaa addaa addaatti baranne! Bara 2011 carraan argadheen gara Yuuniversiitii gaafan seenu, Wabiin Immoo gara yuuniversiitii guddicha mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti Umuriisaa kichuun gugate.
Yuuniversiitii waliin yoo seennes gaafan eebbifamee ba'u na waliin hin baane! Jaal Wabiin Yuuniversiitii qabsoo bilisummaa Oromoorraa bilisummaa booda malee ba'uun akka hin dandaa'amne tolchee beeka. Haala kamiinuu dirree haqaa gadhiisuun filannoosaa miti yoo dirqamni irra hin darbamne uumaa biraa itti kenname malee!!!
Bara isaa dirree qabsoorra ture keessatti mudannoowwan gurguddoofii xurree qabsoo dhugaarraa nama maqsuu dandaa'an baay'een Wabii mudataniiru.
Isaanis.
1. 2011 hoogganaan isaa jaal jigsaan Jaal wabii fi ijoolleewwan muraasa naannoo 80 ta'an fuudhee gara mooraa leenjii bilisummaa oromoo baha Wallaggaa jiruutti imalaa utuu jiruu lola finxaaleyyiirraa irratti banamen daandiirratti wareegame. ijoolleewwan mooraa seenaa jiran fixuusheerra jechuun Jaal Jigsaan cichoominaan dura dhaabbatee wareegamus Jaal wabii fi miiltoowwan isaa utuu booda hin deebi'in gara mooraa qabsootti imalan. Waggoota dheeraaf gumaa jaallan qaaliis baasuu eegalan.
Leenjii erga xumureen booda dirree qabsoo zoonii lixaatti falmachuu eegale. Yeroo dirqamni qaama olaanaarraa itti kennamu gara zoonii giddu galeessaa yoo dhufes utuu baay'ee hin turin dirqama dhufeef raawwachuun waa'illan isaa waliin gara zoonii lixaatti deebi'a. Garee Faqqadaa jechuun qaama hidhatee horro guduruu wallaggaa keessa socho'us yeroo 2f jaallan isaa waliin haleeleera. Yeroo xiqqoo booddees gara birgeedii Bakakkaatti makamuun qabsoo finiinsuu eegale.

Adresse

German
Berlin

Telefon

+251948343007

Webseite

Benachrichtigungen

Lassen Sie sich von uns eine E-Mail senden und seien Sie der erste der Neuigkeiten und Aktionen von Haqa Haqaaqame erfährt. Ihre E-Mail-Adresse wird nicht für andere Zwecke verwendet und Sie können sich jederzeit abmelden.

Teilen