26/06/2024
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa, hospitaala Giddaa Ayyaanaatti namoonni dhibee busaan qabamanii refer’n deeman hanga hospitaalichi keessummeessuu danda'uun ol ta'uu odeeffanne.
Hospitaala Giddaa Ayyaanaatti torbanuma kana keessa namoota dhibee busaan qabamanii achi seenan keessaa namoonni sagal lubbuun darbuu qabatamaan mirkaneessineerra.
Godina Wallagga Bahaa aanaa Haroo Limmuu keessatti weerarri dhibee busaa garmalee babal'achuun lubbuu namootaa dabarsaa jiraachuu ogeeyyiin fayyaa fi jiraattonni himaniiru.
Buufanni fayyaa Aanaa Haroo Limmuu namoota dhibee busaan qabaman guyyaatti 3000-5000 keessummeessaa jiraachuu kan himan jiraattonni naannichaa, kanneen dhibeen isaanii hammaataa ta’e gara hospitaala Giddaa Ayyaanaatti refer taasisaa jiraachuu himan.
Haata’u malee, geejjibni waan hin jirreef magaalaa Haroo Limmuu irraa gara Hospitaala Giddaa Ayyaanaa deemanii yaalamuuf bajaajiif qarshii kuma tokko kaffallee deemaa jirra jedhu jiraattonni.
Dhukkubsattoonni hedduun sababa hanqina geejjibaa irraan kan ka’e yaalaa osoo hin argatiin ciisanii du’aa jiraachuufi du’a eeggachaa jiraachuu jiraattonniifi ogeeyyiin fayyaa Aanichaa himaniiru.
Buufataleen fayyaa Aanaa Haroo Limmuu keessaa gandoota baadiyyaa Hoomii Kalaalaa fi Bariisoo qoricha waan hin qabneef tajaajila kennuu hin dandeenye jedhan.
Namoota dhibeen isaanii hammaataa ta’eef qorichi Artisuunet jedhamu lilmeen kennamu guutummaatti buufataalee fayyaa keessa waan hin jirreef uummanni ciisee du’aa jira jedhan.
Sababa kanaaf kanneen gara hospitaala Giddaa Ayyaanaa deemuu dadhaban du’aa jiraachuu jiraattonni himaniiru.
Gama biraan sababa rakkoo nageenyaan uummanni baadiyyaa irraa gara magaalaa deemee yaalaa argachuuf ni rakkata kan jedhan, qorichas gara gandoota baadiyyaa geessuun hin danda’amu jechuun yaaddoo uumata aanichaati.
Aanaa Haroo Limmuu kan naannoo Beenishaangul Gumuzii fi naannoo gammoojjii bal’aan wal daangessu keessatti weerarri kun akka malee ulfaachuun lubbuun namoota heedduu gaaga’amuu kan himan jiraattoni, dhalattoonni naannichaa uummata keenyaaf dawaa binnee lubbuu haa baraarru jechuun waamichaafi birmannaa taasisaa jiru.
Hospitaalli Giddaa Ayyaanaa iddoo dhukkubsataan ciisee yaalamu wal hanqachuun dhukkubsataan ala ciisaa jiraachuu kan himan maddeen, dhiyeessiin qorichaas waan hin jirreef yaala barbaachisu argachaa hin jiran jedhan.
Akkasumas, dhukkubsattoonni siree tokko irra nama lamaan ciisaa jiraachuu dhageenye.
Dhukkubsataan firaashii manaa qabatee deemuun ala irra ciisa kan jedhan, kaan teessoo irraafi kaartoonii lafa buufatanii irra ciisaa jiraachuu himan.
Dhiyeessiin qorichaa hospitaalicha keessa hin jiru kan jedhan, qoricha busaa lilmee tokko magaalaa keessaa qarshii 350 bitataa jiraachuu miidhamtoonni himaniiru.
Torban kana keessa namoota dhibee kanaan qabamanii hospitaala Giddaa seenan keessaa sagal lubbuun darbaniiru.
Hospitaalli Giddaa Ayyaanaa uummata aanota shanii jechuunis Haroo Limmuu, Limmuu Galiilaa, Eebantuu, Kiiramuufi Giddaa Ayyaanaa tajaajila.
Sababa rakkoo nageenyaatiin geejjibni dhibamee ogeessi fayyaa baadiyyaa keessa socho’ee qoricha kennuu dadhabuun, keellaawwan fayyaa gandoota baadiyyaa keessa jiran dhiyeessii qorichaa dhabanii tajaajila kennuu dhiisuun, weerarri dhibee busaa kun babal’atee lubbuu namaa akka gaaga’uuf sababa ta'uu Ogeessonni fayyaa naannichaas dubbataniiru.
Egaa Oromoon kamiyyuu irratti hirmaatee lubbuu uummata keenyaa haa baraarru jechuun dhaamna!