03/06/2024
Hubannoon Qooda Fudhattoota Qormaataaf Kenname.
Caamsaa, 26/2016
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Liiban Jaawwiitti qophii qormaata kutaa 6ffaafi 8ffaa bara kanaa irratti hubannoon qooda fudhattoota qormaatichaaf ogeessa waajjira barnootaan laatame.
Qormaanni kunis, Sadarkaa aanaatti kilaastera Baabbichaatti kan kennamu ta'ee, barattootni kutaa 6ffaa: Dhiira 770, Dubara 697, Ida'ama 1467fi kutaa 8ffaa Dhiira 895, Dubara 805 Ida'ama 1700 ta'an barattootni kutaa 6ffaa Caamsaa 29 - 30, kutaa 8ffaan Waxabajjii 04 - 05/2016 akka kennamu ragaan waajjira barnoota aanichaatii arganne ni ifoomsa.
Aanichatti I/G waajjira barnootaa kan ta'an obbo Dachaasaa Habtaamuu akka jedhanitti hubannoon kennamu kun haala naamusa qormaataa ilaalchisee qooda fudhattoota qopheessuuf kan gargaaru ta'uu himanii, barattootni hanga guyyaan qormaataa gahutti work sheet qophaa'an akka dubbisaniifi gumiin tiraanisfoormeeshinii nageenyummaa qormaataa irratti deeggarsa barbaachisu gochuu akka qaban dhaamaniiru.