22/02/2026
Seer-Maleessummaa ⚠️
Daballiin gatii tajaajila telekoomii yeroo gabaabaa keessatti walitti fufiinsaan taasifamaa jiru kun dhimma salphaatti bira darbamuu qabu miti. Keessattuu yeroo ammaa kana haalli jireenyaa fi dhiibbaan dinagdee uummata keenya mudachaa jiru ilaalcha keessa osoo hin galin, guyyuma guyyaan daballii taasisuun kun, tajaajila kennuu osoo hin taane, uummata harka qalleeyyii saamuudha jedhanii fudhachuun nama hin qaanessu. Tajaajilli qunnamtii yeroo ammaa kana keessa jirrutti akka qananiitti osoo hin taane, akka mirga bu’uuraa fi wanta jireenya dhala namaatiif barbaachisaa ta’etti (basic necessity) waan ilaalamuuf, dhaabbanni tajaajila kana dhiyeessu kamiyyuu itti gaafatamummaa hawaasummaa guddaa qabaachuu qaba. Garuu wanti lafa irratti mul’atu faallaa kanaati; yeroo gabaabaa keessatti yeroo lammaffaaf daballii taasisuun uummata nuffisiisuu fi abdii kutachiisuu dha.
Akka seeraa fi ammayyaa’ina tajaajila telekoomii addunyaalessaatti yoo ilaalle, dhaabbileen tajaajila kana kennan, keessattuu biyyoota akka keenyaa kanatti dorgommiin gahaan hin jirre keessatti (monopoly), gatii murteessuu irratti of-eeggannoo guddaa gochuu qabu. Dhaabbanni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) jala jiru kan akka ‘International Telecommunication Union (ITU)’ dabalatee, qaamoleen mirga maamiltootaa falman, tajaajilli telekoomii ‘Affordable’ yookiin kan uummanni humna isaa waliin madaalee kaffalachuu danda’u ta’uu akka qabu cimsanii dubbatu. Sababiin isaas, har’a addunyaan dijitaala waan taateef, namni tajaajila kana hin arganne carraa barnootaa, fayyaa, fi odeeffannoo irraa akka kutameetti waan lakkaa’amuufi. Kanaafuu, Ethio Telecom tarkaanfii akkasii yeroo fudhatu, bu’aa (profit) qofa osoo hin taane, dandeettii kaffaluu (purchasing power) uummataa giddu galeessa godhachuu qaba ture.
Daballiin kun kan inni dhufu yeroo uummanni keenya rakkoolee bu’uuraa biroo wajjin wal’aansoo wal qabaa jirutti ta’uun isaa immoo dhimma kana caalaatti gaddisiisaa taasisa. Hojiin daldalaa ka