Nageenyii Kan Hunda Kenyaati

Nageenyii Kan Hunda Kenyaati Dursanii Yakka ittisuu

18/04/2026
29/03/2026
02/03/2026
02/03/2026
Atileetonni Itiyoophiyaa maraatoonii Doohaa injifatan!OBN Cyber Media’ Amajjii 08/2018Har’a ganama Kuwaatar magaalaa Doo...
16/01/2026

Atileetonni Itiyoophiyaa maraatoonii Doohaa injifatan!

OBN Cyber Media’ Amajjii 08/2018

Har’a ganama Kuwaatar magaalaa Doohaatti dorgommii maraatoonii geggeeffameen atileetonni Itiyoophiyaa koorniyaa lamaanuu injifatan.

Dorgommii dhiirotaan shaampiyoonaan Olompikii Atileet Taammiraat Tolaa rikoordiisaa fooyyessuun mo’ateera.

Atileet Taammiraat Tolaa dorgommicha xumuruuf, sa’atii lamaafi daqiiqaa shaniifi sekondii afurtama fiige. Kunis rikoordii haaraa ta’ee galmaa’eeraaf.

Atileet Taammiraat Tolaatti aanuun Atileet Asaffaa Bookii lammaffaa ba’uun, Bookii Dirribaa sadarkaa sadaffaan xumure. Sadarkaa 4ffaa Dinqaalem Ayyalee, Balaawu Yihunee ammoo 5’ffaa ba’uun atileetonni Itiyoophiyaa olaantummaa isaanii dorgommii kana irratti mul’isan.

Dorgommii maraatoonii dubartootaanis Atileet Tigist Gazzaany sadarkaa 1’ffaan kan xumurte yoo ta’u, Atileet Tigist Girmaa sadarkaa 2’ffaan akkasumas Muluhubbat Tsaggaa sadarkaa 3’ffaan xumurteetti.

Tajaajilli Waajjirri Poolisii Aanaa Dadar Kennu Yakka ittisuun Nageenya Waareessa!------------------------ Godina Hararg...
09/01/2026

Tajaajilli Waajjirri Poolisii Aanaa Dadar Kennu Yakka ittisuun Nageenya Waareessa!
------------------------
Godina Harargee Bahaa Aanaa Dadariiti Waajjirii Poolisii Aanichaa Tajaajilli Poolisii Hawaasaatiin Hojiilee Gandoota Aanichaa irratti kennamuun Yakkoota Uumamuu malan fi Nageenya Ummataa Dursanii Eeguun Ol'aantummaa Seeraa Mirkaneessuuf Halkanii Guyyaa Hojjechaa jira .

Haaluma kanaan hojiileen iddoo hojii mijataa gochuuf gandoota aanichaa hunda irratti waajjirri poolisii bifa haarawaan kan ijaarame yommuu tahu agarsiistuuleen waajjirichaa (Taapheellaan)Waajjiroota Poolisii Gandootaf Bifa Nama Hawwatuun Qophaa'ee jira.

23/11/2025

Hojjatoota Mootummaa Itti Cituu Danda'u.
Mootummaa Haala kamiin cituu danda'a?
Akkaataa mindaan hojjataa mootummaa itti cituu danda'u labsii hojjattoota mootummaa labsii lakkoofsa 215/2011 keewwata 9 jalatti tumamee jira.
1) Manni hojii mootummaa kamiyyuu dhuma ji’aatti hojjettoota isaatiif yookiin bakka bu’oota seeraa isaaniitiif kaffaltii mindaa
ni raawwata.
2) Mindaan hojjetaa mootummaa
kamiyyuu:
(a) Hojjatichi waliigaltee isaa barreeffamaan yoo ibse yookiin
mallattoon yoo mirkaneesse;
(b) Ajaja Mana Murtiitiin;
(c) Bu’uura seeraan tumameen
yoo ta’e malee qabamuu yookiin hir’ifamuu hin danda’u.
3 Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 1 (b) yookiin (c) tiin, mindaan hojjetichaa ji’aan kan citu mindaa isaa ji’aa keessaa harka sadi keessaa harka tokko caalu hin qabu jechuun tumamee jira.
fi Odeeffannoo dhimmoota seeraa itti fufinsaan argachuuf fuula facebook fi telegiramii keenyaa liinkii armaan gadii kanaan seenuun join godha👇👇

page: https://www.facebook.com/profile.php?id=100083879241632

Telegiram https://t.me/musalawyer

Address

Addis Ababa

Telephone

+251930595594

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Nageenyii Kan Hunda Kenyaati posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Nageenyii Kan Hunda Kenyaati:

Share

Category