Waajjira Bul. fi Nageenya Aanaa Doorannii

Waajjira Bul. fi Nageenya Aanaa Doorannii Dhabata Mootummaa fi Odeeffannoo Qulqulluu qofa akka argatan abdadha

Ergaa Baga geessanii Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Doorannii Obbo Tashoomee Birhaanuu jala-bultii ayyaana Eid-Alfaxirii  saba...
09/04/2024

Ergaa Baga geessanii Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Doorannii Obbo Tashoomee Birhaanuu jala-bultii ayyaana Eid-Alfaxirii sababeeffachuun hordoftoota amantaa muslimaaf dabarsan.

Ebela 1/2016 Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Dooranniitti Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Doorannii Obbo Tashoomee Birhaanuu hawaasa muslimaa aanaa keenyaa akkasumas biyya keessaa fi biyya alaa jiraattan hundinuu baga jala bultii ayyaana sooma hiikaa waggaa 1445ffaa Eid -alfaxriitiin isin gahe, nuun gahe jedhan.

Ji'a raamadaanaa kana keessatti ummatni muslima wal-gargaarsaan soomaa turtan. Jiini ramadaanaa kun ji'a ummanni amantii islaamaa marti jaalala walii itti cimsattan kan qabu kan hin qabneef kennee wal bira dhaabbatee rakkataa gargaaree du'aa'ii fi kadhaa gara rabbii itti heddummeessuun akkaatuma amantichi ajajeen dabarsitanii jala bultii ayyaana Sooma Hiikaa (Eid-alfaxirii) waggaa 1445ffaatiin isin gahe jechaa ayyanni kan gammachuu, kan jaalalaa, kan badhaadhinaa,kan tokkummaa fi kan milkii isiniif akka ta'u hawwaa,

Yeroo ayyanicha kabajnus akkaatuma duudhaa amantaa fi waliin jireenya hawaasa keenyaatiin namoota harka qalleeyyii fi homaa hin qabne gargaaraa nageenya qe'ee keenyaa eeggachaa akka ayyaaneffannuu jechuun ergaa isaanii dabarsanii jiru.
Ayyaana Gaarii!!

πŸ•‹πŸ•‹π™€π™žπ™™ π™ˆπ™ͺπ™—π™šπ™§π™–π™  πŸŒƒπŸŒƒ
π™Šπ™—π™—π™€ Tashoomee Birhaanuu
π˜‰π˜Άπ˜­π˜€π˜©π˜’π˜’ π˜‰π˜Άπ˜­π˜€π˜©π˜ͺπ˜ͺ𝘯𝘴𝘒 𝘈𝘒𝘯𝘒𝘒 Doorannii

Nageenya waaraaf gaachana sirnaa!sabni dammaqeef gurmaayee hidhate injifataadha.Bitootessa 16/2016 Godina Iluu Abbaa Boo...
26/03/2024

Nageenya waaraaf gaachana sirnaa!
sabni dammaqeef gurmaayee hidhate injifataadha.

Bitootessa 16/2016 Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Dooranniitti leenjiin ijaarsa gaachana sirnaa haala gaarii ta'een Gandoota aanichaa huunda keessatti kennamaa jiru akkuma itti fufetti jira.

Leenjichi Gandoota Aanichaa hunda keessatti bifa ho'aa ta'een kan kennamaa jiru yoo ta'u, Hawaasni Aanichaa wabii nageenya isaatiif karaa ijaarameen nageenya naannoo isaa eeggachuuf leenjiin siyaasaa fi loltummaa kun ga'ee ol'aanaa qaba.

03/02/2024

NAGEENYI MANA OFII
IRRAA EEGALA QE'EEN KEENYA NAGA YOO TA'E NAGEENYA BIYYA KEENYAAS NI MIRKANAA'A!

Gatiin Nageenyaa Meeqa?Ilma namaaf waa hunda caala kan isa barbaachisu Nageenya! Nageenyi bu'uura waan hundaati. Nagaan ...
26/01/2024

Gatiin Nageenyaa Meeqa?

Ilma namaaf waa hunda caala kan isa barbaachisu Nageenya! Nageenyi bu'uura waan hundaati. Nagaan yoo jiraate bahanii galuun danda'ama, Nagaan yoo jiraate hojjetanii sooramuun danda'ama, Nagaan yoo jiraate fuudhanii heruumuun, ilmaan godhatanii guddifachuun danda'ama, Midhaaniif bishaan caalaa nagaan yoo jiraate bahanii galuun danda'ama! Oromoon kanaaf "Bunaaf Nagaa Hin Dhabinaa" jedha.

Nageenya Abbaatu eeggata.

Baga Ayyaana Cuuphaa Nagaan Geessan!   Aanaa Doorannii irraa Ayyaanni Cuuphaa Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa biratti, g...
19/01/2024

Baga Ayyaana Cuuphaa Nagaan Geessan! Aanaa Doorannii irraa

Ayyaanni Cuuphaa Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa biratti, guyyaa Kiristoos itti cuuphame yaadachuuf ayyaana waggaa waggaan kabajamu, ayyaana jallatamaafi hawwii guddaan eegamu waan ta'eef uummanni keenya baga nagaan geessan.

Iyysuus Kiristoos, Laga Yordaanositti sirna cuuphaa yeroo raawwatu, cubbuu namootaaf dhiifama, biyya lafaa irrattis nagaan, araarriifi jaalalli akka dagaagu, fakkeenya isaan kan uumame dhalli namaas amantaafi sabaan osoo wal hin qoodiin tokkummaan walitti firoomee nagaan akka waliin jiraatu taasiseera.
Kanaafuu ayyaana kana karaa duudhaafi aadaa isaa eegeen haa kabajnu!
Ayyaana Gaarii

መልካም α‰ α‹“αˆ!
Waajjira Bul. fi Nageenya Aanaa Doorannii

Address

Elemo
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Bul. fi Nageenya Aanaa Doorannii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category