03/06/2025
Waan darbe wal yaadachiisun barbaachisaa yoo ta'eef mee hoodhaa ishee tana.
Barii Jijjiiramaa jijjiiramni suni akka lafa hin qabanne eenyutu firii qabsoo oromoo burjaajjesseyyu? Garee muufataa har'a laagadhaa baqaqee iyyu kana Jawaar Mohaammad fi Taayyee Dandaa'aa mitii qabsaa'ota oromoo garee lamatti adda hiranii mataa walitti buusaa kan turan.
Caasan Taayyen Oromiyaa keessa naanna'ee ijaaraa ture suni gaafa sana maal dalagaa turan? Qeerroo xiqquma isaanin mormee firiin qabsoo keenyaa karaa irraa maqaa jira jedhee jala dhaabbate takka takkaan guuranii mana hidhaatti ukkaamsaa hin turree? Hudduu isaanii immoo qabanii hin rashannee?
Mee hoggantoota WBO har'a waraana hogganaa jiran hedduu isaanii yoo fudhanne yoomi kan isaan bosona seenan? Waggaa shanan fi ja'an har'aa caasaa eenyu ijaaretu magaalaa keessa jiraachuu isaan dhorke? Ajaa'iba rabbiiti! Bar mana hidhaatii illee bahanii maatii isaanii dubbisuu hanqatanii caasaa Taayyen ijaare baqatanii ijoollen keenya bosona seente har'a hedduun isaanii wareegamaniirum.
Jagni akka Olii Durumaa fa'a caasaa Taayyetiif jecha magaalaa Amboo keessa jiraachuu dadhabee hidhaa bahee haadha isaa boqottee jirtuuf osoo hin boo'in qawwee kaasee ofiifis wareegameem.
Qaqqaalin akka Kumalaa Utaa fi Bulchaa Daandessaa fa'a, waraanni gameessi Akka Taarikuu Taaddasaa, Qabsaa'an akka Siifan Caalaa fa'a Warra akka hidhaa qaallittiitii bahaniin bosona seenanii wareegaman ,Qaroon Ijoollee Oromoo har'a lafeen isaanii lafa jala jiru Caasaa eenyu magaalaa keessatti gadi ijaaretu jireenya dhorkee qawwee kaasise. Taayyeen hidhamuu isaa warri nu dhukkubse gantummaa inni gaafa sana uumen godaannisa kana akkamiin daganne. Dargaggeessa ofii fedhe caasatti dabalee kan hin feene murna birootti moggaasee dargaggoo oromoo irratti namni yakka seenaa dalage tokko Taayyee Dandaa'ati bar. Caasaa shanee fi Caasaa Jawar jedhee kan dargaggeessa adamsaa ture.
Yakki ilma namaa iyya fb tiin hin qulqullaa'u beeki. Bara sana namni hanga inni dubbate kana dubba