14/07/2024
Eebba_Waaqayyoo_Argachuuf_Wantoota_Gochuu_Qabnu_Shanan(5).
Fakk 10:22
“Eebbi Waaqayyoo nama in badhaasa, badhaadhummaattis inni rakkina hin dabalu;”
↪️Qabeenya yookiin kennaa kamiyyuu dugda duuba hafuuratu jira. Hafuurri waaqayyoos ni kenna akkuma kana hafuurri hamaanis ni kenna. Garaagarummaansaa garuu inni hafuura hamaadhaan dhufu hundee hinqabu. Akkasumas gatii ulfaataa nama baasisa. Waaqayyo garuu nama badhaasa.
↪️Eebbi harka waaqayyoo keessaa dhufu eebba tilmaama namaan oliiti. Eebbi waaqayyo nama eebbisu eebba yeroo gabaabaa utuu hintaane eebba lafa fagooti. Namoonni baayyeen galii guddaa utuu argatanii jireenyasaanii geggeeffachuuf itti ulfaata. Kaan garuu mindaa xiqqoodhaan jireenya bareedaa jiraatu. Yesuus waan hin yaadamne qurxummii lamaafi buddeena shan qofa nama kuma shan nyaachise.
➡️Argitaniittu ta'a, Sooressonni hedduun isaanii dhukkubsatoo fi suusii adda addaa jala kan jiraniidha. Kaan isaanii immoo dhiphina sammuu cimaa keessa jiraatu. Dureeyyonni hedduun qabeenya gurguddaa fi baayyee utuuma qabanii gammachuu hinqaban. Dureeyyonni kaan garuu qabeenyas qabu akkasumas gammachuu qabu. Garaagarummaan jara kana lamaan gidduu jiru eebba waaqayyooti.
↪️Eebbi waaqayyoo mana keenya keessa hinjiru taanaan, eebbi waaqayyo qabeenya keenyarra hinjiru taanaan inni hamaan sun wanta nuti qabnu xiqqaas haa tahu guddaa nu harkaa balleessuuf dhufa. Kana jalaa baanee qabeenya keenya samii banamaa isa kan waaqayyoo jala kaa'achuu qabna.
Eebba Waaqayyoo fudhachuuf wantoota armaan gadii gochuu qabna.
1. Waaqayyoon tajaajiluu.
Kaayyoon waaqayyo nu uumeef akka isa tajaajilluufiidha. Tajaajiluu jechuun lallabuu, barsiisuu, raajuu fi kkf gochuu qofa miti. Kiristoosiin namni fayyisaa lubbuusaa godhatee fudhate kamiyyuu luba mana qulqullummaatti. Tajaajila waamicha addaatti waamamuun garuu addadha.
Tarii akkamittan tajaajila? Maaliinan tajaajila kan jedhu gaaffii isinitti ta'uu danda'a? Kun warra tajaajilaa jiran hin ilaallatu. Garuu namoonni waldaa kiristiyaanaa keessatti tajaajilarra hinjirre, maaliin tajaajiluu akka dandeessan of dhaggeeffadhaa. Tarii namoota keessummeessuudhaanii? Mana qulqulleessuunii? Moo kennaa akkamiitu keessa keessan jira? Kan erga adda baafattanii gara tajaajilaatti kottaa.
Egaa gaafa waaqayyoon tajaajillu waaqayyo mana keenyaaf hojjeta.
Bau 23:25-28
²⁵ Ana Waaqayyo gooftaa keef hojjedhu, ani immoo midhaan kee fi bishaan kee nan eebbisa; dhukkubas si keessaa nan balleessa. ²⁶ Biyya kee keessa dubartiin ulfi irraa ba'u yookiis dubartiin dhala dhabdu hin jirtu; bara jireenyaas guutuutti siif nan kenna. ²⁷ "Ani naasisuu koo si dura nan erga, namoota ati itti dhuftu hundumaas walii nan wallaalchisa; diinonni kee hundinuus dugda sitti gatanii akka si jalaa fiigan nan godha. ²⁸ Ani soonsa isa Hiiwota, Kana'aanota, Heetota si duraa ari'ee baasu nan erga.
Mat 6:33“Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama.”
2. Waaqayyoon Jaallachuu
Kes 6:5 “Ati Waaqayyoon gooftaa kee garaa kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaalladhu!”
Far 91:14-16
¹⁴ Waaqayyo immoo, "Sababii inni na jaallatee anatti maxxanuuf, ani isa nan oolcha; waan inni maqaa koo beekuufis, eegumsaan ol isa nan qaba. ¹⁵ Inni ana in waammata, anis deebii nan kennaaf, yeroo rakkinaatti isaa wajjin nan jiraadha, achi keessaa isa nan baasa, ulfina akka inni argatus nan godha. ¹⁶ Bara dheeraadhaan isa nan quufsa, akka ani fayyisus isa nan argisiisa" in jedha.
3. Waaqayyoof Abboomamuu
1Sam 15:22 “Saamu'el immoo, "Dhugumaan Waaqayyo nama dubbii isaa dhaga'ee abboomamutti akka gammadu, qalma gubamuu fi aarsaatti in gammadaa ree? Kunoo, abboomamuun aarsaa irra caala; dhaggeeffachuunis moora korbeessa hoolaa dhi'eessuu irra in wayya;”
4. Mana Waaqayyoo Ijaaruu
Nah 2:17-18
¹⁷ Ani yommus isaaniin, "Gidiraa nuyi keessa jirru, Yerusaalem jijjigdee akka badde, karri ishees ibiddaan akka gubame in argitu; kanaafis nuyi si'achi yeelloo arrabsamuutiif akka hin taanetti, kottaa dallaa Yerusaalem deebifnee in ijaarraa" nan jedhe. ¹⁸ Akkasumas immoo irreen gargaarsa Waaqayyoo inni gaariin anaa wajjin akka jiru, dubbii mootichi anatti dubbatee tures isaanitti nan hime; isaanis, "Deebifnee ijaaruu in jalqabna" jedhanii, humna isaanii jabeeffatanii hojii gaarii kanaaf in ka'an.
1Mot 6:11-13
Dubbiin Waaqayyoo gara Solomoon dhufee, ¹² "Akka seerrata kootti yoo deddeebite, wanta ana duratti qajeelaa ta'e yoo goote, akka ati ittiin jiraattuuf isa ani si abboome hundumaas yoo eegde, waa'ee mana isa ijaaruutti jirtu kanaaf isan abbaa kee Daawitin abdachiise karaa kee nan raawwadha; ¹³ ani saba koo Israa'el gidduu nan jiraadha, ani isaan hin gatu" jedhe.
➡️Sabni mana qulqullummaa erga ijaaranii booda waaqayyo eebba kana eebbise.
Hag 2:19 “Sanyiin gombisaa keessa hin jiru yoo ta'e iyyuu, mukti waynii, mukti harbuu, mukti rumaanii fi mukti ejersaa ija hin godhanne yoo ta'e iyyuu, ani har'aa jalq