09/06/2022
Haadha Manaa Afur Qabna😳
========Mee Dubbisi==============
Bar-tokko mootii qabeenya guddaa qabu tokkotu ture. Innis haadha manoota afur qaba. Mootiin kun haadha manoota isaa wal caalchisee jaallata. Isaan keessa ishee 4ffaa hunda caalaa jaallata ture, uffata mimmiidhagaa fi waan gaggaarii jedhamu maras isheedhaaf godha. Ishee 3ffaas ni jaallata, fudhatee bashannanaafis deddeema. Naanna’ees jireenya ollaa isaanii daawwachiisa ture. Isheenis baayy'ee bareedduu waan turteef namni narraa fudhataa laata jedhees ni sodaata ture.
Akkasuma haadha manaa isaa ishee 2ffaas garraamii fi yaada qabeettii ta'uu isheef ni jaallata ture. Ishee 1ffaa garuu jirachuudhuma isheeyyuu dagatee ture. Waa’ee ishees kaasuu hin fedhu. Baayy'ee ishee tuffata Isheen garuu 3n isaanii caalatttii laphee qulqulluudhaan isa jaallatti turte. Hunduma caalaa isheetu isaaglf if eeggata. Jaalala guddaa qabdif.
Osuma Kanaan jiranii guyyaa tokko mootiin kun dhukkuba hamaa tokko dhukkubsate. Dhukkuba cimaa kanaanis du’aaf akka ga’e of bare. Yoo du’u garuu qofaa ta’uu isaa yaadee baay'ee sodaatee dhiphate. Kanaaf dubartootaa isaa 4n keessaa tokkoon isaani isa waliin akka ta'an yaade. Gaaffii kanas tokko tokkoo isaanii gaafate.
Ishee 4ffaadhan, akkas jedhe "baayy'ee baayy'ee akkan si jaalladhu beekta, yoon du’e qofaakoo jiraachuun waan na sodaachiseef na waliin ta'uu dandeessaa?" Jethee gaafate. Isheenis, " deebii jedhu qofaa kenniteefii biraa sokkite.
Baayy'ee aaree, Ishee 3ffaas akkas jedhee gaafate, ‘’ jireenyako guutuun siif kennee akkan si jaalladhu beekta. Sirraa fagaadhee hin jiraadhu, kanaafuu yoon du'eef ana waliin du’uu dandeessaa? ’’ jedhee gaafate. Isheenis ‘’ , jireenyi baayyee gaariidham, yoo ati duutes deemeen nama biraatti heeruma ittiin jetteenii biraa sokkite.
Ishee 2ffaa immoo akkas jedhee gaafate, ‘’ ati yeroo hunda gorsaaf na barbaachifta, jireenyako keessaa si dhabuu hin fedhu!. Yeroon du’utti na hordoftaaa?, ana waliin taataa?" jedhee gaafate. Isheenis ‘’ , amma si gargaaruu hin danda’u, garuu guyyaa awwaalake haalaan miidhagsee boo’ee sin gaggeessa’’. Ittiin jette.
Kana gidduutti sagaleen ol-ka’ee ‘’ 'E_SI_WALIINAN_DEEMA_SIN_HORDOFAS’’ jedhu dhaga’e. Sagalee haadha manaa isaa ishee 1ffaa ta’uu gaafa hubatu mootichi baayy’ee gadde. Ishee inni waan gaggaarii, nyaatas ta’ee uffata homaatuu godheefii hin beekne yaadatee gaabbiidhaan quba of nyaachuu jalqabe. ‘’ Baayy'een gadda, Kanaan booda carraan argadhe kamiinuu si kunuunsuuf waadaan siif gala’’ jedhee. Ofitti ishee qabee haammate, dhungate. Jedhama.
============================
*** Hiikaan dubartoota arfan kanaa Maali?***
Namni hunduu jireenyasaa keessatti haadha manaa afur qaba.
1.Isheen 4ffaa keenya. Kukkuuludhaafis wanti nuti hin goone tokkollee hin jiru. Akka inni dulloomee nurraa harca'us hin feenu. Babbareechuf jecha Baayy'ee buunee baaneefiirra. Kan nama dhibu garuu gaafa nuti duunu kan tortoree nurra harca'u kan nu ganu isadha. Inni nuti har'a babbareechuf dhamaanu kun nu dhiisee biyyootti dabalama.😳
2.Isheen 3ffaan, . Qabeenyi gaafa nuyi duunu kan nama biraati. Har’a ofumaaf sassannee namni biroon na jalaa fudhata jennee sodaanna malee nu waliin hin awwalamu. Isa nuti har'a lakkaawwannee ittin of jajnu kana dhisnetu harkuma qullaas keessaa deemna.
3. Isheen 2ffaan; MAATII, FIRAAF, HIRIYAA keenya. Tokkoon ishaaniiyyuu nu walin gara bool’a du’aa hin seenani. Baay’ina hagamii qabaatanillee waaree nu dhiisanii wal urursaa,wal jajjabeessaa qofaatti isa du’e gatanii galu. Eegduun qacaramufis hin jiru.
4. Isheen 1ffaan; kan xiyyeeffannoo hin qabne, yoo nuyi dhiifnellee nu malee nama biraa kan hin qabne, ( SAMMUU) ( our mindstream) keenya. Hanga foon keenyaaf dhamaanu lubbuu keenyaaf dhama'uu baannullee lubbuun keenya nu malee hin qabdu. Nurraa adda baatees jiraachuu hin dandeessu. Nuti nuun kan taane waan isheen nu keessa jirtuufidha. Kan isheen keessa hin jirre Reenfa jedhama. Namni baayy'en ishee arfaffaa kana dagateetu jara sadaniif dadhabee dafqa. Kanaaf lubbuu nama nu taasiste kanaaf boqonnaa haa barbaannu. gammachuuf beela baasudhaaf dubbii sagalee Waaqayyoo haa soorru.
Hunden lubbuu kanaa immoo Yesus Kiristoosidha. Isheen damee isaatidha. Isa malee jireenya hin qabdu. kanaaf Kan Yesusin hin amanne Lubbu keessan Yesuusitti kennaati fayyina fi gammachuudhan badhaadhaa. Isa Hin qabdan Taanan Jireenya Hin qabdan!.
=======
“Namni biyya lafaa guutummaatti buufatee, lubbuu isaa garuu yoo dhabe, bu'aan isaa maali ree?”
— Mar. 8:36
“Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu.”
— 1Yoh. 5:12
Xumureera galatoomaa.
Ergaa kana Lubbuu Tokkoof Hiri!
=======================
Barumsa Dabalataaf
👇👇👇👇👇👇👇
YouTube link kana xuqi👉 https://youtu.be/5ylqaOi0SrA
TikTok👉
instagram👉
telegram👉
Faaruu keessan SOLDAN Studio tti qindeesifachuuf lakk. Bilbilaa armaan gadi fayyadama.
0920583990
0922384530