28/07/2025
Mootummaan Jijjiiramaa Haaromsa Sektaraalee Gooroo taasiseen, bu’uura damee dinagdee biyyaa kan ta’e qonni xiyyeeffannaa qabatamaa akka argatu ta’eera. Bu’uuruma kanaan, dameen qonnaa galmoota gurguddoo afur akka milkeessu adda bahee jojiitti galameera. Milkaa’ina isaanitiifis, dilbiiwwan naannichi gama kanaan qabu adda baasuun, imaammataafi tarsiimoo ifa ta'e diriirsuun akkasumas sanadni “Ce’uumsa Qonna Oromiyaa” (Agricultural Transformation of Oromia) barreeffameefi Manni Maree Ce’uumsa Qonnaa hundaa’ee hojiitti galameera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, xiyyeeffannoo qabatamaa damichaaf kenneen, toorawwan qabiyyee sagal adda baasee itti dhiyeenyan raawwachaa tureera. Bu’uuruma kanaan, raawwiin, keessumaa gama mekaanaayizeeshinii, jallisii, dhiyeessii galteewwan qonnaafi kkf’n ture, galmoota damee qonnaa keessaa tokko kan ta’e wabii nyaataa mirkaneessuun, yeroo gabaabaa keessatti daandii milkaa’inaa qabateera. Darbees, ce'uumsi dinagdee waliigalaa dhugoomuu irratti argama.
Agarsiiftuwwan muraasa kaasuuf, inisheetiviiwwan misooma haala mijaawaa naannoo keenyaan walsiman hedduun bocamuun hojiirra olaniiru. Kanaanis, lafa qonnaa hkt. mil. 5.2 jijjiirama dura qotamaa ture dachaadhaan guddisuun bara omishaa 2016/2017 lafa hkt. mil 11.6 misoomsuun danda'ameera. Dabalataanis, Xaa'oofi callaa guddistuu akkasumas sanyii filatamaa amala biyyeefi qilleensa naannoo keenyaan walsimu dhiyeessuun, omisha qofa osoo hintaane omishtummaan waaggaa waggaan dabalaa deemuun, qonnaan bultoota fayyadamoo taasiseera.
Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, waggoota kanniinitti karoora hiixataa qabachuun socho’aa ture. Haata’u malee, malliifi barteen qonnaa ture danqaa ta’ee akka itti hinfufne, mekaanaayizeeshinii babaldhisuu, waktii omishaa rooba gannaa qofarratti rarra'ee ture gara bona jallisiidhaanifi arfaasaan omishuutti ceesisuu danda'ameera.
Walumaagalatti, Mootummaan Jijjiiramaa galma wabii nyaataa mirkaneessuuf qabame milkeessuuf, hunda dursee dilbiiwwaniifi haala mijaawaa n