Naasiro pages

Naasiro pages Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Naasiro pages, Grocers, Masala, Hirna.

We are Ethiopian 🇪🇹 congratulations to us all. "Loving of one's country an act of bravery and honor, not a sin" Biyya of...
09/09/2025

We are Ethiopian 🇪🇹 congratulations to us all. "Loving of one's country an act of bravery and honor, not a sin"
Biyya ofii jaalachuun gootumma fi kabajaadha malee cubbumma miti bro.

Subhaanallah Yaa Rabbi Rahmata kheetiin nu dhaqqabi. Akka bedii teenyaa fi hammeenya kheenyaa hin laalinii badii-balleey...
07/09/2025

Subhaanallah
Yaa Rabbi Rahmata kheetiin nu dhaqqabi. Akka bedii teenyaa fi hammeenya kheenyaa hin laalinii badii-balleeysaa teenyaas hunda irra nuuf dabri, nu qaceelchi, nuu qaceelchii, khaatimaa nu tolchi yaa ilaahii🤲😭

Aakuma argaa jiratiniit jiini
Guutuu liqimseera…

“ Hanga irraa saaqamutti…Salaataa…Sadaqadhaa…Ararama RABBII gaafadhaa “
Nabi Muhammad waggaa 1400 nuuf dhaaman.
صلوات ربي وسلامه عليه

07/09/2025

JECHOOTA HAYYOOTAA!

1. Waan tola jedhamee namaaf laatamu fudhachuun dura waan duuba jiru ilaaluun gaariidha.

2. Kaayyoo kee galmaan gahuuf wanni si daangessu hin jiru, yoo ati of daangessuuf murteessite malee.

3. Yeroo diinni kee dammaqu hin lolin, si injifachuu waan danda'uuf!

4. Dhugaa kee gaafa barbaaduu jalqabdu namoota naannoo keetii si soban barta.

5. Galma itti cichitee milkeessitu tokko qabaadhu.

6. Rakkoo addunyaa furuuf dhalatanii, rakkoo ofii waliin du'uun fafa.

7. Nama si sobu wajjjin gammaddee kolfuu irra, nama dhugaa sitti himu wajjiin gadditee boohuu sii wayya.

8. Nama kabajuun mallattoo sodaa ykn lugnummaa osoo hin taane, bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti!

9. Kan nama qaanessu ba'aa guddaa sammuu irratti baachuu osoo hin taane, sammuu hin yaanne baachuudha!

10. Addunyaa tana irratti harreen akka namaatti yaadu jiraatuu baatus, namni akka harreetti yaadu hin dhabamu!

11. Kan nama nyaatu dukkana osoo hin taane, wanta dukkana keessa jiruudha!

12. Abbaa qabeenyaa guddaa ta'uuf dirqama qabeenya guddaa irraa hojii eegaluu hin qabdu.

13. Hir'ina Namaa haasa'uun dura ati hir'na irraa qulqulluu ta'uu kee of gaafadhu.

14. Nama rakkoo isaaf furmaata si gaafate itti hin boonin, Atis boru waan si mudatu hin beektuu!

15. Namni jiraachuu kee jibbu, milkaa'ina kee akka waraana addunyaa sadaffaatti sodaata.

16. Namoota akka Alaabaatti ganama si fannisanii, Galgala gadi si buusaniif bakka hin kennin.

17. Namoonni galma isaanii beekan tasa harka hin Keennan.

18. Rakkoo faarsuun amala nama kutannoo hin qabneeti.

19. Kutannoo qabannaan bakka hawwite ooltee bultee ni geessa.

20. "Amma rakkinni si rakkisuutti ati hin rakkatin" [Jecha Ameerikaanotaa]

21. "Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii afaanitti qabatee baha" [Jecha warra Arabaa]

22. "Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha" [Jecha warra Chaayinaa]

23. "Nama Jaallataniif maallaqa hin liqeessan" [Poolandoota]

Waan dubbistaniif galatooma

07/09/2025

Yaa rabbi galanni keeti !!
Biyya tokko keessa Jaarsa umriin isaa Waggaa 75 tokkootu ture. Guyyaa tokko dhukkubsatee gara mana yaalaa deeme, saa'aatii 24 erga oksijiinii fudhatee booda,manni yaalaa doolaara 500 isa gaafatan.
Jaarsi kun garmalee gaddee boo'e, ogeessi yaalaa waan kaffalu waan dhabe isatti fakkaatee maaliif boossa? Waan kaffaltu hin qabduu? Jedhee isa gaafate.
Jaarsiis deebisee lakkii yoo barbaadde callaa siif kaffaluu nan danda'a, ana garuu kan na boochise waggaa 75 guutuu qilleensa tola itti fayyadamaa tureetu sa'aatii 24 keessatti doolaara 500 na gaafachuu keeti.
Rabbiin Qilleensa ani somba kootti fudhadhu hundumaaf na kaffalchiisa ta'ee waggaa 75 guutuu maalan kaffala ture jedhe.😥
Mee rabbii gatii Malee si jiraachisuun atiis galatoomi jedhiin!!
Alhamdulillaah☝️alahamdulilaa yaa rabbii galattaa kee.

07/09/2025



Ministeerri Barnootaa bara barnootaa 2018 irraa eegalee barattoonni bilbila harkaa, taableetii fi meeshaalee elektirooniksii biroo gara mana barumsaatti akka hin fidne dhorkeera.

Ministeerri Barnootaa jalqaba bara barnootaa 2018 irratti hoggantoota biiroo barnootaa naannoo fi bulchiinsa magaalaa waliin marii toora interneetii irratti gaggeessee jira.

Barri barnootaa 2018, Fulbaana 05, 2018 ni jalqaba.

Ministirri Ministeera Misooma Barnoota Waliigalaa adde Aayelech Eshete barattoonni bilbila harkaa, taableetii fi meeshaalee elektirooniksii biroo gara mana barumsaatti akka hin fidne dhorkamuu beeksisan.

Warri, barsiisonni fi qooda fudhattoonni daa’imman fi barattoonni umuriin isaanii barnootaaf ga’e hundi, kanneen bara darbe barnootaan ala turan dabalatee, gara mana barumsaa akka dhufan waamicha dhiheessaniiru.

Address

Masala
Hirna

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Naasiro pages posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category