Maasum Ahmed Abbaa Maccaa

Maasum Ahmed Abbaa Maccaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Maasum Ahmed Abbaa Maccaa, Grocers, Jimma.

  🇪🇹
29/05/2025

🇪🇹

Kilabii Keenya Bulchiinsa   Hajajjabeessinu!!!!*********//*********kilabii Kubbaa_Miilaa Bulchiinsa Magaalaa Sarboo Guyy...
17/05/2025

Kilabii Keenya Bulchiinsa Hajajjabeessinu!!!!
*********//*********
kilabii Kubbaa_Miilaa Bulchiinsa Magaalaa Sarboo Guyyaa Boruu Tapha Waanchaatiif boru Bulchiinsa Magaalaa Saqqaa Waliin Taphatu Irratti Argamnee Jajjabeeffamuu qaba.
Gareen Olguddataan Kilaba Kubbaa Miilaa Bulchiinsa Magaalaa Sarboo Tapha Gita Isaa Waliin Taasisaa tureen injifannoo Cululuqaa galmeessaa ture. kanaaf guyyaa boruu Taphataa 12ffaa hataanuuf!!

27/05/2024
  Adama_oromia_Ethiopia🇪🇹
12/01/2024



Adama_oromia_Ethiopia🇪🇹

Aanaa Qarsaatti maatiin ilmaasaanii  gooticha raayyaa ittisa biyyaatti makame eebbisuun gaggeessan!Godina Jimmaa, Aanaa ...
21/12/2023

Aanaa Qarsaatti maatiin ilmaasaanii gooticha raayyaa ittisa biyyaatti makame eebbisuun gaggeessan!

Godina Jimmaa, Aanaa Qarsaa Ganda kitinbilleetti maatiin ilmaasaanii birmadummaa biyyaa kabachiisuuf gooticha raayyaa ittisa biyyaatti makame eebbisuun gaggeessan.
Obbo Na'iim akka jedhanitti ani miseensa milishaa ta'ee nageenya hawaasa gandaafi aanaa kootii eegaan jira, ilmi koo immoo birmadummaa biyyasaa akka kabachiisuufin eebbisee kenne jechuun dubbatanii jiru.

Bulchaan Aanaa Qarsaa Obbo Abdulhamiid Abbaafaajjii, birmadummaan biyyaa kabajamee biyya cimtuu ijaaruun kan danda'umu caasaa nageenyaa cimaan yoo ijaarame waan ta'eef dargaggoonni carraa kanatti gargaaramuun gama tokkoon ijaarsa biyyaa keessatti qooda isaanii bahachaa, gama kaaniin immoo carraa hojii kanatti gargaaramuu akka qabanu dhaamaniiru.

11/12/2023
Heddumminni fi Wolqixxummaan Tokkummaa Biyyaalessaaf!      Itoophiyaan biyaa sabootaa fi sablammoota heddu qabdu waan ta...
11/12/2023

Heddumminni fi Wolqixxummaan Tokkummaa Biyyaalessaaf!

Itoophiyaan biyaa sabootaa fi sablammoota heddu qabdu waan taateef, wolooma keenya jabeeffannee, garaagarummaan keenyaa miidhagina kernyaa ta'u beeknee, enyummaa keenyaan wol kabajnee, garaa garummaa keenyaan wol dandeenyee, jaalala fi gootummaadhaan gaaddisa Itoophiyaa gudditti jalatti tokkoomuun biyya badhaate dhalootaaf haadhaalchifnu.

Naannoo Horsiisee Bulaatti Hojii Qonna Midhaanii  Babal'isuun Wabii Nyaataa Mirkaneessuuf  Hojjetamaa Jira---------Kanaa...
11/12/2023

Naannoo Horsiisee Bulaatti Hojii Qonna Midhaanii Babal'isuun Wabii Nyaataa Mirkaneessuuf Hojjetamaa Jira
---------
Kanaan dura naannoo gammoojjiifi horsiisee bultootaatti hojiin qonna midhaanii xiyyeeffannoo gudaa argachaa hin turre. Lafti gammoojjiis akka waan midhaan biqilchuu hin dandeenyeetti ilaalamaa ture. Jijjiiramaan asitti garuu naannolee gammoojjiifi horsiisee bultootaatti Mootummaan Naannoo Oromiyaa baajeta guddaa ramaduun pirojektiin jallisii ammayyaa hedduun hojjetamuun oomishni qamadii yeroo ammaa bal'inaan oomishamaa jira.

Bu`uuruma kanaan Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhaakim Muluu hojii misooma qamadii Godina Harargee Lixaa Aanaa Gumbii Bordoddeetti jallisii boneen lafa hektaara kuma 7 ol irratti misoomaa jiru daawwataniiru.

Horsiisee bulaanis jallisii boneen qamadii misoomsuu eegaluun isaa muuxannoo gaariifi kan babal’achuu qabu ta`uu akkasumas hojiin misooma qamadii Godina Harargee Lixaatti eegalames karoora akka naannoofi biyyaatti qabame milkeessuuf humna cimaa ta`uu isaa Obbo Abdulhakim himanii jiru.

Bulchituun Godina Harargee Lixaa Aadde Ikraam Xahaa akka Godina Harargee Lixaatti jallisii boneen lafti hektaarri kumni 40 ol qamadiin misoomaa jiraachuu ibsanii hanqina sanyii filatamaa furuufis lafa hektaara kuma 4 irratti sanyii fooyya`aa baay’isaa akka jiran eeraniiru.

Jilli I/G Liigii Dargaggoota Godina Jimmaa Dargaggoo Yaasiin Mahamadiin durfamu Aanaa Nadhii Gibeetti sassaabii midhaani...
12/11/2023

Jilli I/G Liigii Dargaggoota Godina Jimmaa Dargaggoo Yaasiin Mahamadiin durfamu Aanaa Nadhii Gibeetti sassaabii midhaanii eegalchiise.

Godina Jimmaatti duulli sassaabbii oomisha gahee rooba yeroo malee irraa baraaruuf Dargaggoota kuma 40 ol hirmaachisuun Aanoolee godinichaa hunda keesatti kan labsamee ta'uu I/G Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Addee Najat kadiir himaniruu.

Aanaa Nadhii Gibeettis guyyaa har'a Dargaggootni Kuma 5 ol duula sassaabbii oomisha Boqqolloo hektaara kuma 10 irratti sassaabbiin taasifamuu Bulchaan Aanaa Nadhii Gibee Obbo Kadiir Abbaa Imaam himaniruu.

Godina Jimmaatti Gamaggamni Raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaannaa 1ffaa gaggeeffamaa jira.Godina Jimmaatti Gamaa...
26/10/2023

Godina Jimmaatti Gamaggamni Raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaannaa 1ffaa gaggeeffamaa jira.

Godina Jimmaatti Gamaaggamni Raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana 1ffaa qooda fudhattoota Godinichaa hirmaachisee gaggeefama jira

Ji'oottan sadan darban keessatti hojiilee mootummaa fi paartii dhibbantaa 💯 raawwachuun akka danda'ame gamaggama kana irra hubachuun danda’eera jechuudhan, garuu amma kan isin irraa egamu sana ol rawwachuu akka ta'e Bulchaan Godina Jimmaa Obbo ibsaniiru.

Gaggeessaan sadarkaa sadarkaan jiru pootenshaala jiru adda baasuun hojiwwaan kurmaanaa kana keessatti harca'ani hafan hunda ka'umsa godhachuun xiyyeeffannoon hojjatamu akka qabu marii kanaa irratti ibsameera.
Humna qabnu fi pootenshaala qabnu hunda daguugnee fayyadamuun murteessaa akka ta'es ibsameera.

Gama biraatin Inisheetivoota hunda harcaatii tokko malee hojiirra oolchuun badhaadhina hawwinu milkeessuuf cichinee hojjechuun male filannoon biraa akka hin jirre himameera.

Waan Karoorfamee hunda hanga qonnaan bulaa dhuunfaafi, jiraataa magaalaatti gadi bu'uun raawwii hojii keenya madaala deemun murteessaadha jechuun dhaamsaa isaani dabarsaniru

Xumura irrattis ittigaafataman waajjira paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Obbo akka jedhanitti hoggansi waan barame keessaa bahuun karaa ifa ta'een karoorsuun, miira hindanda'amu jedhu keessaa ba'uun harcaatii tokko malee hojii mootummaa fi paartii raawwachuun dirqama nama hunda irra eegamu akka ta'e dhaamaniiru.

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Maasum Ahmed Abbaa Maccaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category