12/12/2024
Waamicha dargaggoota Oromiyaa maraaf
Komishiniin marii biyyooleessaa sagantaa ajandaa marii adda baasuu fi sassaabuu torbee dhufu 7/04/2017 irraa eegalee magaalaa adaamaatti gaggeessuuf sagantaan qabamee jira.
Bu'uura kanaan dargaggoonni oromiyaa ajandaa biyyooleessaa marii biyyooleessaa irratti mariyatamuu qaba jettan liinkii telegraamii armaan gadii fayyadamuun sirnaan qindeessuun akka nuuf ergitan Federeeshiniin dargaggoota Oromiyaa waamicha seena qabeessa isiniif dabarsa.
Ajandaan mariif bocamu ajandaa sadarkaa biyyaatti walii galteen biyyaaleessaa irratti uumamuu qaba jettanuu fi faayidaa waloo dargaggootaa milkeessuu danda'an ta'uu qabu.
✍️Marii Biyyaleessa irratti Dhimmoonni Ajandaa ta’uu danda’amu kam fa’a?
Itoophiyaaatti Mariin biyyalessaa hundagaleessa fi hirmaachisaa ta’ee adeemsisuu irra jirtu kun kayyowwan biyyaaleessaa of keessaa qaba. Milkaa’uun kayyowwan kanneenii biyya keenya keessatti jijjiiramonni bu’uuraa akka dhufaniif haala mijataa kan uumaniidha
👉Kayyowwan kanneen keessaa muraasni:
- Hariiroo kutaaalee hawaasaa adda addaa jidduu akkasumas mootummaa fi ummata jidduu jiru fooyyessun sirna siyaasaa haarawa wal amanuun itti mirkanaa’e diriirsuuf
- Rakkolee wayitaawaa karaa itti fufiinsa qabuun furuuf
- Yaad-rimeewwan bu’uuraa rakkolee keessoo baroota dheeraa ce’aa dhufan akkamitti furuun akkaataa danda’amurratti walii galuun dirree siyaasaa fi hawaasummaa nageenya amansiisaa itti mirkanaa’u uumuuf
- Biyya jabdu fudhatama cimaa qabu dursuu bu’uura kaa'uu faadha
Kanaafuu, ajandaawwan marii kaayyoowwan armaan olitti ibsaman mirkaneessuf sababootti gurguddoo garaagarummaa yaadaafi wal dhabdee uuman kan adda baasaniifi qabiyyeen isaaniitis biyyaleessaa ta’uu qabu.
Kanaaf Dargaggootni naannoo Keenya Kaayyoo armaan olii kana kana jiddu galeeffachuun Yaada Keessan qindeessaa liinkii telegraam armaan gadiitiin nuuf qoodaa.
Itoophiyaan Mariitti Jirti
https://t.me/+oBlOot6eMyk5OWM0