16/06/2023
BUUSAA GONOFAA!!!!!@@@@!!!!
Mootummaan Naannoo Oromiyaa balaawwan adda addaa Oromiyaa keessatti babal'achaa dhufe irra caalmaan ittisuuf,hir'isuufi deebii atattamaa kennuuf,walgargaarsa aadaa,hirmaannaa,birmannaa,gumaacha,duudhaa Oromoon qabu babal'isuuf jecha Buusaa Gonofaa Oromiyaa yeroo jalqabaaf hundeesse gara hojiitti galeera.
Buusaa Gonofaan Maali?
Buusaa Gonofaa jechuun aadaa walgargaarsaa yeroo durii irraa kaasee Uummanni Oromoo ittiin beekamuu ta'ee,balaan uumamaa ykn nam-tolcheen muudatuun hawwasa rakkoo hawaas-diinagdeef saaxilame sirna ittiin deeggaramu,miidhaarra baraaruuf,dandamachisuufi deebisanii dhaabuu jechuudha.
Kaayyoo Buusaa Gonofaa
Kaayyoon Ijoon Buusaa Gonofaa hundeessuun barbaachiseef waan gurguddoo sadiif.Isaaniis:
1.Aadaa fi duudhaa walgargaarsa Uummata Oromoo akka dagaagu taasisuu.
2.Dhaloota kenna aadeefatee,jaalala hojii, aadaa qusannaafi quuqama namoomaa qabu uumuu.
3. Qabeenya,beekumsaa fi dandeettii hawaasaa qindeessuudhaan, hawaasa balaa uumamaa ykn nam- tolcheen akka hin saaxilamne ittisuu, yeroo balaan muudatu immoo deeggaruu,baraaruu,dandamachisuufi deebisanii dhaabuudha.
Galma Buusaa Gonofaa
1. Aadaafi duudhaan walgargaarsa Ummata keenyaa dagaageera.
2.Dhaloota kennaa aadeeffateefi quuqama namoomaa qabu umameera.
3.Ummata ykn hawwasa balaa uumamaa fi nam-tolchee ofirraa qolachuufi dandamachuu danda'u uumameera.
Gumaanni Maali?
Gumaata jechuun kenna ykn arjooma namni dhunfaa ykn dhaabni kamiyyuu kaayyoo Buusaa Gonofaa galmaan gahuuf bifa maallaqaan,akaakuu ykn tajaajila bilisaa kennuu jechuudha.
Akkaata Gumaanni Itti Raawwatu
Gumaanni Buusaa Gonofaa Oromiyaaf taasifamu:
-Dhuunfaan,Gareedhaan ykn dhaabbatan.
-Gulantaa umuriitiin ykn korniyaan,ogummaan,qaamolee Mootummaa fi Miti-Mootummaan ykn
- Gurmaa'insa Hawaasa keessa jiru fi kan birootiin taasifamu danda'a.
Bu'uura Buusaa Gonofaa
Buusaa Gonofaan Oromiyaa Qajeeltoowwan bu'uura armaan gadii ni qabaata:
1.Gargaarsi taasiifamu sanyiin,korniyaan, umuriin, Amantaan,Ilaalcha Siyaasaan ykn bakka dhalootaan ykn ejjeennoo birootiin loogii tokko malee gargaarsa namomaa taasisuu.
2.Humna beekumsa,muuxannoofi qabeenyaan waltumsuun hojjechuu.
3.Aadaa Duudhaafi Safuu Uummatichaa jiddugalessa godhachuun tajaajiluu.
4. Seerota Naaannoofi Biyyaa akkasumas Idil-Addunyaa kabajuun hojjechuu.
5.Qaamoolee adda adda waliin tumsaan hojjeechuu.
'insa Sirna Buusaa Gonofaa Oromiyaa
Sirni Buusaa Gonofaa Oromiyaa Gurmaa'insa armaan gadii ni qabaata:
1. Yaa'ii waliigalaa.
2.Gaaddisa Buusaa Gonofaa.
3. Buusaa Gonofaa Oromiyaa.
# Yaa'iin waliigalaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa, sadarkaa Naannootti,Godinaatti,Magaalaatti,Aanaafi Gandatti labsii lakkoofsa 244/2014'n hundaa'eera.
# Eegaan Ol'aanaa Yaa'ii Waliigalaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa, Pireezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
Uummataa
Namni kamiyyuu sabummaan, bifaan,lammummaan,korniyaan,
amantaan,ilaalcha siyaasaan ykn haala kamiinu garaagarummaan osoo irratti hin taasifamiin, ulaagaalee miseensummaa yoo guute miseensa idilee tahuun hirmaachuu ni danda'a.
Miseensummaa Buusaa Gonofaa.
- Gulantaa umurii Gaammeefi isaa ol kan tahe.
- Gumaata miseensummaa irra eegamu maallaqaan kennu. Qabeenya ykn tajaajila walgituun gumaachuudha.
Dirqama Miseensummaa.
Miseensa Buusaa Gonofaa Oromiyaa.
1.Yaa'ii waliigalaa irratti nama hirmaatu filuu.
2. Yaa'ii waliigalaa irratti hirmaachuuf filatamuufi sagalee kennuu.
3.Gumaacha taasisuuf waraqaa ragaa argachuu.
4.Yeroo barbaadeetti miseensummaa gadi lakkisuu.
Miseensummaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa.
1.Gumaata miseensummaa yeroo murtaa’ee keessatti kaffaluu.
2.Kaayyoofi ergama Buusaa Gonofaa galmaan gahuuf dirqama hojii kennamu raawwachuu.
3. Seerotaafi murtiiwwan Buusaa Gonofaa ilaalchisee kennaman kabajuudha.