11/07/2023
Fakkeenya gaarii haa tanu
''Waraana irraa hafe, miila qullaa kubbaa miilaa taphadhe, barnoota hin qabu turee fi waan hedduu, har'a garuu waan kubbaa miilaa irraa argadheen ummata koo gargaaruu danda'e jira.
"Manneen barnootaa, hospitaala ijaareera, namoota hiyyummaa hamaa keessa jiraataniif uffata, kophee, nyaata ni kennina. Kana malees, namoota naannoo baayyee hiyyeessa Senegaal keessa jiraatan hundaaf ji'atti Yuuroo 70 nan kenna." Konkolaataa faashinii, viila faashinii, imala, xiyyaara dhiisii of mul'isuun na hin barbaachisu, sabni koo waan jireenyi naaf kennef waam xiqqoo gochuuf naaf wayya."