Kominikeeshinii Wajjira Poolisii Aanaa Waama Hagaloo

Kominikeeshinii Wajjira Poolisii Aanaa Waama Hagaloo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kominikeeshinii Wajjira Poolisii Aanaa Waama Hagaloo, Grocers, East Wellega, Nek'emte.

  🕊🇪🇹🇪🇹 Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo Ganda Magaala Moxee 01 fi Baataa Waayyuutti Guyyaa Harr'aa sirni Ebb...
28/12/2025

🕊🇪🇹🇪🇹

Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo Ganda Magaala Moxee 01 fi Baataa Waayyuutti Guyyaa Harr'aa sirni Ebbaa:
👉Garee Gorsaa Walabaa
👉Paatroolii Daawwii sakattii Nageenyaa Hawaasaa fi
👉Deggaraa Tajaajilaa Poolisii Hawaasaa bakkaa Hoggantoonni Aanaa fi Gandaa argamanitti rawwateera.

Muddee 19/2018

Keessummoonni Kabajaa argamaan:
👌I/A/Insp. Muniir Muhiddiin itti Gaafatamaa kutaa ittisa yakkaa Aanaa waamaa Hagaloo fi B/Bu'aa Ajajaa poolisii Aanaa Waamaa Hagaloo
👌Saajin Olaanaa. Zarihuun Abiraham Ajajaa Rijimentii 7ffaa Fi Humna 1ffaa Farra Riphee Lolaa
👌Obbo Zawuduu Nagaasaa I/Gaafatamaa Damee Ijaarsaa Paartii Badhaadhina Aanaa Waamaa Hagaloo
👌Obbo Addisuu Waaquma Kantiibaa Magaalaa Moxee 01
👌Obbo Misgaanuu Dhugaasaa Bulchaa Ganda Baataa Waayyuu
👌Manajimentii Poolisii Idilee fi Ittigafatamtoota Nagaaf milishaa fi keessummoonni kan biroo argamaaniiru.

👉Obbo Zawuduu Nagaasaa ergaa dabarsaniin ebbifamtoonni ebbaaf geessaan kun akkasiin ijaaramtanii leenjii gahaa fudhattanii hidhannoo hidhachuun guyyaa ebbaaf geessaan kun amaanaa guddaan isiin irraa kan jiru ta'uu hubattanii isiin nagaa taatanii hawwaasa nagaa jallatuu of jelatti hiriirsuun dhimma murtessadha jedhan.

👉I/insp. Muniir Muhiddiin isin ebbifamtoonni baga guyyaa harr'aa geessan jechuun guyyaa harr'aa adaraa fi amaanaa ummataa fi mootumma irraa sinitti kenname loogii fi sodaa tokko malee bahuu qabdu, Dabalataan akkuma leenjii irraa hubattan hawwaasni ijaaramee fi tokkoometu waan hundaan milkaa'ina argata jechuun dabalataan uffatni uffattan kun kan armaa poolisii oromiyaa fi Aalaabaa mootummaa naannoo oromiyaa qabu waan ta'eef kabaja isaaf maluu kennamuu fi akka qabuu fi qulqullinni isaa egamee ol aantummaa seeraa ittiin mirkaneessuu qofaaf ittiin fayyadamuu qabdu jechuun isiin hawwaasa keessaniif aarsaa barbaachisuu hundaa kaffaluu qabdu jedhaniiru
👉Saajin ol. Zarihun Abirahams ergaa fi naamusa uffannaa irratti kallatti kennaniiru.

Address

East Wellega
Nek'emte

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kominikeeshinii Wajjira Poolisii Aanaa Waama Hagaloo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category