02/07/2026
Waxabajjii 25/2018.WKBMN.
Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee Ganda Qassootti Qaamolee Filannoo Marsaa 7ffaa Milkeessaniif Sirni Galateeffannaa Taasifame.
Itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhina damee bulchiinsa magaalaa Naqamtee gargaaraa piroofeeseraa Malaakuu Geetaahuun sagantaa galateeffannaa kana irratti argamanii haasaa taasisaniin, Paartiin badhaadhinaa filannoo marsaa 7ffaa karaa nagaa si tasgabbii qabuun xumuramuu kaasuun, Akkasumas Paartiin keenya sagalee caalmaan xumure irra deebiin waggoota shanan itti aananitti waadaa isaa haaressuun yoomiyyuu caalaa hojjechuun Itiyoophiyaa gara biyya fakkenya badhaadhinaatti ceesisuuf jabaannee ni hojjenna jedhanii, namoonni hundi hojii filannoo milkeessitan galatoomaa jedhaniiru.
Kantiibaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee obbo Masarat Hayiluu gama isaaniin, biyyi keenya filannoo hirmaachisaa ta'e geggeessuun tattaaffii dimokiraasii lafa qabsiisuuf taasisaa jirtu milkeessitee jirti, isinis warri hojicha milkeessuu keessatti qooda keessan bahachaa turtan galatoomaa jedhanii, gara fuula duraattis piroojektoota jalqabaman yeroon xumuramee hawaasa keenya fayyadamaa akka taasisuufi rakkoo bulchiinsa gaarii uummata keenyaa furuuf yoomiyyuu ni hojjenna jedhaniiru.
Bulchaan bulchiinsa ganda Qassoo obbo Gaarummaa Nugusee gama isaaniitiin hawaasaafi dhaabbilee adda addaa ganda keenyaa hojii filannoo marsaa 7ffaa milkaa'inaan akka xumuramuuf qooda isaanii bahan galateeffachuuf sagantaa qophaa'e ta'uu himanii, waadaa uummata keenyaaf seenne milkeessuuf cichoominaan ni hojjennas jedhaniiru.
Dhuma irratti namoota hojii filannoo marsaa 7ffaa milkeessuu keesstti qooda ol aanaa qabaniif beekamtiifi waraqaan ragaa kennameeraaf.